Oduu Haaraya

Mootummaan Eertiraa Itoophiyaan lolaa guddaaf nutti kophaahuutti jirti jedhee Tokkummaa Mootummootaatti himate

Ambaasaadder Girmaa AsmeroomTokkummaa Mootummaatti ambaasaaddera Eertiraa

Lola Eertiraa fi Itoophiyaa ka dhiyoo tana daarii Tsorenaa irratti wal hadhan jedhan irratti nama hedduutti dhumate.Jari ilachuu ebelutti qaraa lole jedhee balleessaan wal himata.

Tsorenaan irratti wal hadhan jedhan tun Asmaraa gama Kaabaatin jirti.Akka bakka bu’aan mootummaa Eertiraa Tokkummaa Mootummootaa, ambaasaadder Girmaa Asmeroom jedhutti Itoophiyaan seera nyaaphummaa Eertiraa irratti baafattee qabdi.

Ragaan jiru akka ambaasaadder Girmaan jedhutti dubbii bulchootii Itoophiyaa ‘Eertiraa lolla, mootummaa sun jijjiira’ jedhanii paarlaamaa irratti dubbatan jedhee VOA-tti hime.

Itoophiyaan ammoo wannii Eertiraan jette dhara jetti.Akka ambasaadderi Itoophiya Tokkummaa Mootummootaa Tekeda Alemu VOA-tti himetti dubbiin Eeritiraa tun dharaa deebii kennanii miti.

Ambaasaadder Tekeda Alemu

Ambaasaadder Tekeda Alemu

Isuma mootummaan Eertiraa waan manii murtii mirga namaa Tokkummaan Mootummootaa isiin himatee deebii kennuuf muddamee ykn cinqamee akkana tahaa jedha,ambaasaadderii Itoophiyaa.

Koomishiinii Qorannoo Tokkummaa Mootummootaa Eeritiraan ummata kuma 400 garboomfattee harkaa qabdii manii murtii addunyaa(ICC) dubbii tana laaluu malee jedhee dabarse.Eeritiraan ammoo dubbii tana hin fudhanne.

Lola Itoophiyaa fi Eerrtiraa bara 1998-2000, ganna 16 duraa irratti nama kuma hedduutti irratti dhumate.Jarii lachuu ammallee lolla akka hin feene dubbachumatti jiran.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …