Oduu Haaraya

Mootummaan Wayyaanee Seeraa Mirga Barattootaa Ugguru Baase.

Gaafa Amajjii 28/2014 Mootummaan EPRDF fi Ministerri Barnootaa EPRDF seera haaraa baasan irratti baratoota dhaabbilee barmotaa olaanoo kanneen akka Yuunivarsiitii, Kolleejjii, manneen barmotaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irraa baratan irraatti seeraa haaraa mirga baratoota biyyaatti sarbu dabarsee jira, seera kanas karaa dabballootaa fi bakka bu’oota mooraa dhaabbiilee barmoota keessatti maxxansuun baratootni dubbiisani jireenya sodaa keessaa of galchuun sodaachaa akka jiraatanif ta’e jedhee mootummaan abbaa irree kun mirgaa baratoota sarbaa jira.
Qabxii ijoo seerrii imammata barmootaa wayyanotaa waliin wal qabatu kun mirgootaa amantaa, aadaa, eenyummaa fi kabaja namummaa kan sarbudha. keessattu Mooraa dhaabbilee barmotaa caqafaman keessaatti ,

1. Uffata Aadaa uffaachuun dhorkaadha, Uffatee kan argame seeraan adabama jedha.

2. Uffataa amantaa calaqiisiisuu fi kan shammarraan hordoftotni amantaa Muslima mataatti maratanii fi golgatanii deemaan dhorkaadha, kanaan booda dhaabuu qabu jedha,

3.Baratootni Mooraa dhaabbiilee barmootaa akka Yuunivarsiitii fi
Koolleejjii keessaatti lama ol ta’anii waliin deemuun, taa’uun,dhaabbachuun, dhorkadha, kana godhee kan argamee seeraatti dhiyaate adabama jedha.

4.kitaabolee barnotaan alatti asoosamota fi barruuwwaan garaagaraa mooraa barnotaa keessa galchuun dubbisuu fi dubbisiisuun dhorkaadha jedhuu fi kkf kan of irraa qabu seeraa dorsisan guutamee fi mirga baratoota guyyaa adii sarbaa jiru fuula ja’a kan qabu dhabbiilee barmota biyyaatti Yuunivarsiitota garaagaraa keessaatti maxxaansuun mirga baratoota sarba jiru.

Barruun seeran alaa kan mirga barattoota sarbaa jiru ibsuu kun Yuunivarsiitotaa Oromiyaa kanneen akka Yuunivarsiitii Jimmaa, Amboo, Wallaaggaa, Mattuu, Adaamaa, HaraMaayyaa, Dirree Dawwaa, Bulee Horaa, Maddaa Walaabuu keessaatti maxxanfamuu bira ga’ame jira.

Hallii kun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaaggaa keessaatti baratoota dheekkamsiisuu irraa darbee Mooraa Yuunivasitii Jimmaa moora arfan keessatti Gootootni sabboontotni Baratoota Oromoo seeraa mirga dhala nama sarbuu wayyaaneen maxxansuu kana buqqisaanii ciruun, kanaan boodaa akka feedhii keenyaatti hiriyootaa keenyaa waliin 10, fi isaa oliin wal duukaa sochoona, tokkummaa keenyaa caalaatti jabeeffaannee mirga keenya sarbamaa jiru ni kabachiifanna jechuun Baratootni Oromoo seeraa dabaa Wayyaanonni Qaban kana Afaan Tokkoon Balaalefames itti fufas.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …