Oduu Haaraya

“Mootumman Itoophiiya Tarkkanfii Oromiyaa Kessatti Fudhate Dogoggora Ta’u Amanee jira,”

 Ministirii Dhimma-alaa Yunaaytid Isteetsitti Itti Aantuu Ministeera Dhimmoota Afrikaa.

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa Finfinneetti taa’ee, kaleessa xumurame irratti  han hirmaate, gareen Yunaaytid Isteets  dhimmoota adda addaa irratti gaazexesitootaf ibsa kenneera.  Gaafiwwaan dhihaatef keessaa tokko mormii fi jeequmsa Oromiyaa keessa ji’a sadi’if deema jiru kan ilaallate ture. Dura teechuun USAID fi hoggantuun garichaa Addee Geel Ismiiz hala Oromiyaa kessa laalchisee qama mootummaa, akkasumas Oromoota wajjin walarginee hasahuu isaani dubbatte.

Mootumaan Itoophiiyaa yeeroo biyyattiin  rakkoo siyaasaa keessa seente hunda  hiriira nagaa warra bahan irrattii dhukaasa banuun fillannoo bara 2005 dabalatee kan baratame. Ammas hiriirtota nagaa Oromiyaa iratti kun rawwatamuu isaatin walqabatee  gaafiin han dhihaateef Ministirii Dhimma-alaa Yunaaytid Isteetsitti itti aantuun ministeera , ka dhimmoota Afrikaa, Lindaa Toomaas Griinfiild “Motumman Itiyphiiyaa tarkkanffin fudhatee dogoggora ta’uu amaneera.” jette.

Gama biraatin mormii fi walitti bu’iinsa Oromiyaa keesaatiif  sababni rakkina bulchiinsa gaaridhan walqabate ta’u qondaaltonni Dhaabbata Demookraatawaa Ummata Oromoo dubbatan. Murti kanarras han gahamee marii Dh.D.U.O haala oromiyaa kessa qorachuuf taasiserratti ta’uu isaa Itti aantuu dura-butuun dhabichaa fi Kaabinee Itoophiyaatti,sadarkaa itti aanaa-ministiraatti qindeesituun dhimma bulchiinsa gaarii, Aadde Asteer Maamoo televisiyoona Itiyoophiyaaf ibsitee jirti.

Murtiin, kan Addee Asteer irra gahamee jette kun garuu waan kana dura waayee mormii Oromiyaa keessa laachisee qondaaltoonni Mootumaa biyyatti jechaa turaniin wal hin fakkaanne.  Paartiileen mormituu biyyattius mormiin kun baay’ina roorroo irraa ka dhufee jechaa turan.

Marii fi qorannoo godhamee kanarratti  dura-ta’aan DH.D.U.O fi Pireesdaantiin naannoo Oromiyaa, Muktar Kadir hin mullane. Isa bakka bu’uun kan midiiyaadhaaf ibsa  kennes itti aanaa isaa Obbo  Isheetuu Dessee ta’uu  Iskindir frew Finfinneerraa gabaaseera.

Gabaasni sagalee kunooti

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …