Oduu Haaraya

Mormiin karoora Maaster pilaanii Finfinnee irratti taasifamu cimee itti fufuu qaba jedhame.

Onk 18,2015 Paartiin Koongireensii Federalawa Oromoo har’a magaalaaFinfinneetti dhimma maaster pilaanii Finfinnee irratti marii hawaasaa gaggeesseera. Marii hawaasaa kanarratti bakka bu’oonni Paartii kanaa godinaalee Oromiyaa hundumaarraa bakka bu’uun irratti argamaniiran. Mariin kunille ijannoo tokkoon, uummanni Oromoo Maaster pilaanii Finfinnee dura dhaabachuun akka irra irra jiraatu walii gaaluudhaan, ibsa ijannoollee bafachuun mariin kun raawwateera.
Dura bu’aan paartii KFO Dr. Mararaa Guddinaa OMNtti akka himanitti, “kaayoon guddaan walgayii uummataa kana waamneef, maqaa maaster pilaanii Finfinneetiin lafa qonnaan bulaa keennaa Oromoorraa fudhachuuf yennaa mootummaan Itoophiyaa yaalii taasise, baratoota mormii dhageessisan hedduu ajjeeseera. Barana immoo mala malatanii karaa biraatiin seera lafa Oromoo ittiin saman hojiirraa olfachuuf socho’aa waan jiraniif, uummaanni Oromoo kana beekuun waan irra jiraatuuf” jedhaneeran.
Uummanni Oromoo barattoota universiitii dabalatee godinaallee adda addaa irraa kora kanarratti hiramaachuun, Maaster pilaanii Finfinnee kana dura dhaabachuu akka qaban yaadaa kennaaniin himuu isaanii Dr. Mararaan Dubbataneeran.
Lafti Oromoo waggaa dhibba dura saamamaa ture, bara dargii keessatti qonnaan bulaaf deebi’ee, ammalle kunoo yeroo lammeessoof lafti Oromoo qonnaan bulaa irraa fudhatamaa akka jiru, marii kanarratti dubbatamaa akka ture Dr. Maraaraan dabalanii himaneeran.
Guyyaa lafti Oromoo yeroo lameessoof Oromoo irraa fudhatameefi guyyaa ilmaan Oromoo itti dhuman yaadachuuf, Paartiin isaanii guyyaa gaddaa guddaa biyya keessaafi biyya alaatitti labsuuf akka karoofatanille Dr. Mararaan yaadachiisaneeran.
Partiin KFO marii taasiseen ibsa ijannoo bal’aa bafateera. Mariifi ibsa ijjannoo keessattille akka kaafametti, Oromoonni mootummaa mirga Oromoo sarbaa jiran wajjiin hojjatanille gara saba isaanitti akka deebi’aniif ibsa ijannoo kanaan waamichi akka dhihaateef Dr. Mararaan addeessaneeran.
Gabrummaa marsa lammeessoof itti dhufte kana, uummanni Oromoo sadarkaan jiru hundumtu, osoo ilaalchaafi amantaan wal-hinqoodin ka’ee qabsa’uun akka irra jiraatu Dr. Maraaraan dhaamsa gama isaanii dhaamaneeran.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …