Oduu Haaraya

Mudde 19,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedoo Keessaa Beektotni Oromoo Humna Waraana Wayyaanee(Itihophiyaan) Ukkanfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Qeeyroo

Mudde 19,2015  Sochii warraaqsaa Biyyaalessaa Oromiyaa gaggeeffamaa jiru keessatti ga’ee qabduu jedhamuun ilmaan Oromoo kan Hayyootni Jaalaalaa fi Kabaja uummata Oromoo qaban keessatti argaman humna waraanaan ukkanfamuun dararaa ulfaataa keessa jiraachuun gabaafame. Haala kanaan beektootni barsiisotni Oromoo fi uummatni Oromoo Oromummaan yakkamanii Magaalaa Geedoo keessa Ukkanfaman:

1. Barasiisaa Deebisaa Bayyanaa Tolasaa , Hayyuu Oromoo Uummata Oromoo miliyoonotaan jaalatamu,Sabboonaa Oromoo nama bara afaan Oromoo dubbachuun akka yakkatti lakka’amu nama yeroo jalqabaaf  Qubee afaan Oromoo Uummata Oromoo Calliyaa fi naannoo ishee barsiisuun seenaa guddaa uummata Oromoo keessatti qabuu fi Barsiisaa Afaan Oromoo fi Paartii mormituu KFO bakka bu’uun Mana mare Bakka Bu’oota uummataaf Aanaa Midaa Qanyii irratti yeroo  filmaata darbe irratti kan dorgomee, Aanaa Midaa Qanyii irratti guyyaa Safaa Wayyaanee harka 100%n Injifatee boddarra  Mootummaan abbaa irree humna waraana agaaziitti fayyadamuun sagalee uummataa kan irra garagalchatee ofii mo’adhe jechuun labsate, Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa jalatamaa fi Kabajamaan hayyuu Oromoo Ogeessa Afaanii fi Barsiisaa Qubee afaan Oromoo Abbaa maatii 8ti kan ta’ee guyyaa kaleessa humna Waraanaan ukkaanfame.

2.  Barsiisaa Kabbadee Camadaa , sabboonaa Oromoo dorgomaa paartii KFO Aanaa Calliyaa Mana Maree Naannoo Caffee Oromiyaaf filmaata darbe irratti dorgomee sagalee guddaan kan injifate, mootummaan Wayyaanee sagalee uummataa humnaan garagalchachuun ofii mo’uu kan labsatee yoo ta’a’uu Sabboonaa Oromoo barsiisaa Kabbadee Camadaa balleessa tokko malee  Oromummaa isaan yakkamee ukkanfamee eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun gabaafamera. Kana Malees ilmaan Oromoo nagaan Gaaffii Mirgaa karaa nagaa gaaffachuun yakkamanii hidhaman Magaalaa Geedoo keessa namootni 40 ukkaanfamuun hidhamuun gabaafamera.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …