Oduu Haaraya

NAAMUSA: Hirmaannaan yeroo ammaa joolleen Oromo gara social media godhaa jirtan nama boonsa

‪#‎JawarMohammed‬ :

NAAMUSA: Hirmaannaan yeroo ammaa joolleen Oromo gara social media godhaa jirtan nama boonsa. Garuu hanqina naamusaatu mul’ata. Naamusni jiraachuu baannan wanti qabsoo fayyada jennee barreessinuufi maxxansinu midhaatti jijjiiramuu mala. Kanaaf qabxiilee armaan gadii kana hubannee ittiin haa masakamnu.

1) Yeroo jidduu keenyatti walmorminuu arrabsoo, maqa balleessaafi gosaa-amantii tuquun fafa. Wanni akkasii abbichuma dubbate xiqqeessite. Mooraa qabsoo keessattis walfakkiifi jibba uumti. Kanaaf hamma danda’ametti yaada namoota adda baafnee qeequufi gorsurratti haa fuulleffannu.

2) Yeroo namootaafi murnoota alagaa kan qabsoo keenya mormaniin falminus arrabsoo saba ykn gurmuu tokko dimshaashatti rukuturraa of qusachuu barbaachisa. Keessattu suuraaleefi jechootaa saba tuqan, xiqqeesanifi arrabsan gonkumaa maxxansuun hin barbachisu. Siyaasaa keessatti namni arrabatti gamu nama dhugaa hin qabne, ykn dandeettii amansiisuu hin qabne. Oromoon ammoo dhugaa qaba, dubbateetis qomarraa of buqqaasa. Kanaaf saba biroo dimshaashaan arrabsuun haa hafu.

3) Suuraalee sobaa ( fake) ta’an bakka adda addaatii guuranii akka waan Oromiyaafi Oromoo keessatti amma ta’aniitti dhiheessuun fudhatam ( credibility) nama dhbsiisa. Suuraa bara dheengaddaa har’a fakkeessuun, suuraa Soomalitti kaafame akka Oromiyaatti ta’ee dhiheessun ragaa sobaati. ragaan sobaa ammoo yakka dhugaatuu ni xiqqeesiti. Kanaaf suuraalefi vidiyoolee dhugaa dhimma darbasuu feetan saniin suduudaan wal qabatan qofatti fayyadamuu feesisa.

Namoonni naamusa kana eeguu diddanii Oromoos ta’e saba biraa arrabsitan page kiyyarratti comment akka hin goone kaniin ugguruuf deemu ta’uu dursee isin beeksisa.

Haqa qabna, dhugaan injifanna!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …