Oduu Haaraya

Nama Dhukkubsa…..!!!!

 

Guyyaan har’aa Guyyaa Barattootni Yunversiitii Walaayittaa Soddoo hawwii dhaan eeggachaa turani dha.sababni isaas Guyyaa Sabaaf Sablammii Nyaatanii dhuganii Gammachuu dhaan dabarsuuf guyyaan kun erga qabamee bubbuleera.Guyyaan Hawwiidhaan eegaa turanis ga’ee Guyyaa har’aa Sabaaf Sablammiin hundi uffata aadaatiin babbareedanii Sirba naannoo isaaniitiin shubbisaa Dirree Yunversiitii walaayittaa keessatti wal ga’an.

Barattoonni Oromoo Yunversiitii kana keessatti baratan garuu Guyyaa Saboota birootiif guyyaa Gammachuu fi Guyyaa addaa ta’e kana irratti Gadda laphee nama cabsuun guutamanii miillaa hanga Mataatti uffata Gaddaa uffachuu dhaan Bakka Gammachuu kana irraa siqanii taa’uu dhaan Haala qabatamaa Biyya kana keessa jiru bifa sagalee fi Mormii hin qabneen ibsaniiru.dhugaadha Sabni biroo Guyyaa Sabaaf Sablammii jedhamee murteeffame kana yoo Sirbe,yoo Nyaatee dhuge,yoo Gammade dhugaa qaba.Rakkoo fi Saamichi hagas mara Gammachuu nama dhorku qaama kamiinuu irra hin geenye.

Barattoonni Oromoo garuu guyyaa saba birootiif guyyaa gammachuu ta’e kana haala qabatamaa uummanni Oromoo Biyya kana keessa itti jiraatu ibsan.uummanni Oromoo Heeraa fi Seera biyyattiitti fayyadamee akka warra kaanii mirga Walabaan jiraachuu hin arganne,Hiree mataa isaa ofiin murteeffachuu hin dandeenye,Rasaasa qawweetiin ati hin beektu anatu siif beeka jedhamee hidhamee jira,Biyyuma isaa irratti Lafti isaa saamamee Warra abbaa yerootiif waardiyyaa ta’ee jira,shororkeessummaa dhaan yakkamee mana hidhaa keessatti dararamaa jira,biyya isaarraa ari’amee Gammoojjii fi Galaana keessatti dhumaa jira,Guyyaa Saafaatiin badii malee Irbaata Rasaasaa ta’aa jira……. Osoo kun hundi jiruu akka Saba kaanii Guyyaa kana Barattoonni Oromoo Sirbaa fi Gammachuu dhaan dabarsuu qabuuree??

Bifa Laphee nama Cabsuun Guyyaa kana kan dabarsan Barattoonni Oromoo Yunversiitii Walaayittaa Sooddoo Oromoo qofa miti Namoota Laphee qulqulluu qaban hunda biratti Gadda Guddaa uuman.Gadda Barattoota kanaa Hidhii xuuxuudhaan jijjiiruun kan hin danda’amne ta’us Barattootni muraasni sabaaf sablammii garaa garaa keessaa ba’an Barattoota kana Jajjabeessuuf Yaalaniiru.”…Uummata Oromoo nutu bakka bu’ee jira anatu Mirga isaa kabachiisaaf…” jedhanii halkaniif Guyyaa kan dhaadatan Mootummaa Naannoo Oromiyaa biratti garuu Barattoonni kun Ergamtoota Siyaasaati,shororkeessitoota dha,Booreessitoota Nageenyaa dha,Farra Misoomaati……….

Kan dubbatu dhabamus Suuraan ni Dubbata!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …