Oduu Haaraya

ACHII SIIF HAA IYYU!

 

Miilla qullaa fiigee garaa homaa hinqabu dabatara baadhatee
Gaaf tokko sabasaaaf bu’aan buusa jedhee mudhiisa hidhatee

Hirriba utuu hinargiin halkaniif guyyaa qayyabachaa turee
Abdii saba borii imaanaa kan baatu goota adda duree

Qanani’ee miti daaraa uffateetu fiigee owwaararra
KM hedduu miillumasaan fiigee dachaafi gaararra

Hiyyumaaf doofummaa seenaa taasisuudhaaf utuma kurkuruu
Illeensaa itti gugee waan nyaatullee dhabee utuu hagabuu buluu

Gaaf tokko naadarba jedhee utuu carraaquu boqonnaa of dhowwee
Karaa nageenyaatiin gaaffii utuu gaafatuu bu’ee afaan qawwee

Qalama inni baatu fincilatti hiikamee rasaasaan qalamee
Bishaan miti dhiigaam lubbuun waregamee hafe kan yaadamee

Anaan anaan obboleekoo…

Keessattuu barataa baadiyyaa dukkana keessaa ba’ee dhufee
Ba’an hiyyumaatiif gadadoon maatiillee kan irra bubbulee

Garuu achuma keessaa kutannootiin ba’ee yoo carraaqu qofaa
Aramaaf qonnaadhaan bultoo jireenyasaa daran geggeeffataa

Baasii waggaa hedduu dadhabbii barootaaf dafqasaa coccobsee
Beela’us dheebotus rakkoo dura jirtu hundumasaa obsee

Gaarreen fuuldurasaa humna mul’ataatiin irra ejjetee dhufee
Qormaata ciccimoo haamileesaa cabsan obsaan dhufe lufee

Barattoota Oromoo shamarreef dargaggoo daddaraaroo keenya
Barnootaaf erginee lubbuunsaanii yoo darbu attamittiin teenyaa?

Kaan mana hidhaatti yeroosheen caccabdu sibiilaan waadamtee
Kaanimmoo karaarratti duutee yoo dhabamtu lafarratti afamtee

Kaanis barnootarraa ciraa ariyamtee abdii kutatteetti
Gaaffiin saba Oromoo waggaa lakkoofsiftee irra dheeratteetti

Kaan haamileen cabee sammuun kan hinyaanne dhaabitti raata’ee
Kaan achumaan hafe iddo ga’e hinbeennu garuu manaa ba’ee

Kaan lubbuusaa baasuuf afaan bineensaatti dhaqee itti seeneera
Kaanis biyya dhabee ormatti baqachuun galaanni nyaateera

Kaan ni ba’e malee du’eef jiraateesaa odeeffannoo hinqabnu
Kaan biyya halagaatti baqateetu hafeem utuu biyya qabnuu

Abdiin keenya egeree yeroo dukkanaa’u ifni irraa godaanee
Kaayyoonsaa naafatee argaafi dhageettiinsaa duraati maseenee

Yaa barataa Oromoo rasaasni siwaadee jajjabeekoo hayyuu
Dhiignikee lola’e mana Waaqaa dhaqee achii siif haa iyyu!!
***///***///****///****///***///***
Yaadannoo Barattoota Oromoo Rasaasa Wayyaaneetiin dhumaniif naaf haata’u!

Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa
Harvard University, USA
beekanguluma@gmail.com
Cell Phone +1 (617) 319 44 98
Twitter: @beekanguluma
Skype: hayyuubeekan1

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …