Oduu Haaraya

Obboo Baqqalaa Nadhii du’aan Addunyaa kanarraa boqotan

Obboo Baqqalaa Nadhii (80) gootota Waldaa Maccaa Tuulamaa bu’urreesanii wareegama bu’urri waldichaa gaafate gurgurdoo kanfalan keessaa issaan tokko. Obboo Baqqalaan Bu’ura waldaa Maccaa Tuulamaarraa kaasee amma guyyaa kaleessaa Guraandhala 11/2014 du’aan Addunyaa kanaarraa darbaniitti Itti aanaa prezdaantii, prezdaantii kabajaa fi gorsaa seeraa ta’uun tajaajila olaanaa gootummaa cimaa gaafte kennaa turuu isaanii oduun ogganoota waldichaa irraa hargame hibsee jira.
Bara mootummaan Hayilaselaassee ogganoota Waldaa kanaa kaan hidhee kaan lubbuu galaafatee prezdaantii waldichaa Koloneel Alamuu qixxeessaa fa’aa gizoot galche Obboo Baqqalaan kutannoo dhaan dhimma waldichaa fi ogganoota issaa hordofaa turan. Bara1991 booda yaroo waldichi banametti amma Koloneel Alamuun lubbuun jiranitti itti aanaa prezdaantii, prezdaantii kabajaa fi gorsaa seeraa ta’anii ojjachaa turan.
Obbo Baqqalaan edda Prezdaantiin Maccaa Tuulamaa kan bara dheeraa Koloneel Alamuun boqotan booda waggaa tokkoof waldicha prezdaantummaan tajaajilaa turanii fe’ii issaaniitin bakka kana Dr. Gammachuu Magarsaatti dabarsanii kennan. Yaroo Prezdaantummaa Dr. Gammachuu Magarsaa waliigalteen dhibee waldichi jeeqamnaan Obbo Baqqalaan haala ture tasgabbeesuu keessatti qooda guddaa gumaachan. Ofuma isaaniif akka filannoon haaraan godhamu haala mijeessanii waldicha jidduutti tasgabiin akka huumamu godhan.
Bara mootummaan amma aangoo biyyatti qabee jiru kun seerammallee waldaa kana cufee ogganoota issaas prezdaantii waldichaa Obboo Dirribii Damisee dabalatee jimlaan mana hidhaatti guure miseensota boordii kanneen hidhaa irraa hafan qindeesuun dhimma ogganoota mana hidhaatti guuramanii itti dhiyeenyaan hordofaa gama biraan waldaan seera malee cufame akka banamu yaroo dheeraa muggutanii akka banamu godhaniiru. Yaroo waajirri waldichaa mootummichaan cufametti dhoksaa fi hifatti bakki hojii issaanii bakka walgahii boordii waldichaa akka ta’u gochuun hojiin waldaa kanaa akka addaan hin cinne qindeessaa turuu issaaniitu beekkama.
Obboo Baqqalaan ogeessa seeraati. Dhimma seera ilaaluun waldaa kanaa fi miseensota waldichaa dadhabbiif nuffii tokko malee amma gaafa guyyaan issaanii ga’ee du’aan boqotaniitti boqonnaa malee tajaajilaa akka turan seenaa issaanii qabatamaa irraa hubachuun nama hin gaddu.
Hafteen maangudoota maccaa Tuulamaa nurkaa bilqaa jiru. Obboo Baqqalaa Nadhii Dhiira gaafa giitii, nama gaafa lafee turan. Dhaabbanni issaanii magaala dheeraa  gaaltama qoma babal’aa, korma OROMOOn gaafa xiiqiif abdattu turan Obboo Baqqalaan. Umuriin issaanii akka Adoolessa 2013 keessa gaafii fi deebii sabboonaa tokko waliin godhan keessatti isaanumarraa dhagahametti amma waggaan issaanii 80 ta’a. Issaan karaa argatan hundaan waan uummata issaanif ta’u halkanii guyyaa sodaa fi nuffii malee godhaniiru waan ta’eef jireenya issaanii keessatti waanti irraa hanqate hin jiru. Guutuu dhalatanii, guutuu jiraatan.
Dhibee onneen qabamanii ji’oota sadan darbaniif mana hakimaatti yaalama turanillee dhibee qaberraa damdamachuu hin dandeenye. Guraandhala 11 bara 2014 dhalatanii waggaa saddeettammaffaati addunyaa kanarraa du’aan darbanilleen seenaan issanii gaariin sammuu uummata saanii keessatti barabaraan jiraata.
Guyyaan gaggeessaa / Awwaalcha / issaanii Guraandha 13/2014 sa’aa 6 guyyaa keessa Finfinnee Bataksaana Saaris Aabboo jedhamutti raawwachuuf akka jiru ogganni waldaa Maccaa Tuulamaa biyya irraa hibsee jira.
Maatii fi firoottan gooticha OROMOO Obboo Baqqalaa Nadhiif jajjabina, Ekeraa issaaniif qabbana hawwaa nagaa itti dhaamuu malee waantti godhan maaltu jira.
Tesfaye Kenna

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …