Oduu Haaraya

Obboo Daawiit Indaaluu Galataa, Abbaa Adeemsa Hojii Qorannoo Itti Fayyadama Lafaa Fi Qorannoo Naannoo Kan Ta’an, Mootummaa Wayyaanee Gane

Dhaabbata Dizaayinii Fi Tohannoo Hojiiwwan Bishaanii Oromiyaa Keessatti Abbaa Adeemsa Hojii Qorannoo Itti Fayyadama Lafaa Fi Qorannoo Naannoo Kan Ta’an Obboo Daawiit Indaaluu Galataa Mootummaa Wayyaanee Lagachuun Awustiraaliyaatti Koolgaltummaa Gaafatan.

Hojiilee Teeknikaatiif jila ergamticha wayyaanee Pirezdaantii naannoo Oromiyaa ti jedhamu, Muktaar Kadiriin durfamutti makamuudhaan Awustiraaliyaa kan dhaqan Obboo Daawiit Indaaluu Taasisaa Galataa cunqursaa siyaasaa, dhiittaa mirgootaa, rakkoo bulchiinsa gaarii Impaayerattii keessatti addattis Oromiyaa keessa jiru balaaleffachuudhaan jila diinaa irraa hafanii Awustiraaliyaatti koolugaltummaa gaafachuudhaaf murteessuu isaanii yaada SBOf kennaniin ibsaniiru. Rakkooleen kun akka furamaniif wayta ummatarraa yaadni mootummaadhaaf dhiyaatu yeroon itti fudhatama argatu hin jiru kan jedhan Obboo Daawiit, kanuma wayyaaneen gubbaadhaa gadi dabarsitetu hojiirra oola; kunis ummata miidhaa jira jedhan.

Mootummaan amma aangoorra jiru kanarraa barachuudhaaf qophii akka hin taane kan nuuf ibsan Obboo Daawiit Indaaluu Galataa, maqaadhaaf ummannis tahe miseensonni sirnichaa walitti qabamuudhaan yaadni irraa haa sassaabamu malee kan hojiirra oolu ajajuma murna wayyaanee gita-bittuu ilmaan Tigraayiin dabarfamu tahuu addeessan. Yaadotni walgahii fi waltajjiilee adda addaarratti ummatarraa sassaabamu hojiirra hin oolfamu, murtiin ummata mariisisuudhaan dabrus kan hin jirre tahuu ibsan Obboo Daawit.

Kun ammoo bulee-ka’ee mataa nama dhukkubsa, nama quuqa kan jedhan Dhaabbata Dizaayinii fi Tohannoo Hojiiwwan Bishaanii Oromiyaa keessatti abbaa adeemsa hojii qorannoo itti fayyadama lafaa fi qorannoo Naannoo kan tahan Obboo Daawiit Indaaluu Galataa, wayta kuni maaliif taha jedhamee gaafatamutti tarkaanfiin wayyaaneedhaan namarratti fudhatamu baay’ee haalaan jabaa tahuu yaada SBOf laataniin ifa godhan. Kunis waan baay’ee isaan jeeqee fi miidhaa adda addaas isaan irraan gaheef garee ergamtoota wayyaanee irraa adda bahanii Awustiraaliyaatti hafuuf murteessuu SBOtti himan.

Dhaabbata Dizaayinii fi Tohannoo Hojiiwwan Bishaanii Oromiyaa jalatti hojiilee misoomaa hojjetaman keessaa waa’ee qorannoo itti fayyadama lafaa kan jedhamu kaayyeffatanii mata duree godhatanii hojii teknikaatiif akka Awustiraaliyaa seenan kan nuuf ibsan Obboo Daawit, ummanni mootummaa wayyaanee hedduu jibbee ajeeffatuudhaan mormaa jiraachuu dubbatan.

Ummanni jibbiinsa mootummaaf qabu yaada kaasuun, filannoodhaanis sagaleedhaan haala adda addaatiin ibsataa jiraachuu tuqanii, deebisaan argate garuu bifa haaloo bahiinsaatiin mootummaadhaan hacuucamuu fi miidhaaf afeeramuu tahuu ifa godhaniiru Obboo Daawit.

Mootummaa naannoo Oromiyaa ti kan ofiin jedhu OPDOn odoo ummanni Oromoo  magaalaa fi baadiyaatti hanqina bishaaniin rakkataa jiruu karaa waajjira isaaniitiin qabeenya bishaanii dabarsee biyya ollaa Jabuutiitti gurguratuudhaaf hojii dizaayiniitti akka jiru kan beekan tahuu yaada Sagalee Bilisummaa Oromoof laataniin eeraniiru.

Ergamtoonni mootummaa wayyaanee biyya Awustiraaliyaa jiran wayta ammaa kana sirna abbaa irree wayyaanee lagachuu Obboo Daawitiin akkaan rifachuu fi jeeqamuudhaan Hoteela Obboo Daawit qabatanii jiranitti itti dhaquudhaan doorsisaa fi arrabsoo adda addaatiin sammuu isaanii dhiphisaa jiraachuu odeeffannoon arganne ni addeessa. Jila Muktaar Kadir biraa hafuun Obboo Daawit imbaasii wayyaanee Awustiraaliyaa jirutti jeequmsaa fi rifaatuu guddaa uumuurraa lukkeeleen diinaa achi jiran shira adda addaatiif olii fi gadi fiigaa jiraachuunis barameera.

Biyya keessatti hojii ogummaatiin ofii fi ummata isaanii tajaajiluu akka hin dandeenyeef isaanis tahe maatii isaaniirra akkasumas ummata Oromoorra miidhaan wayyaaneedhaan geessifamu boqonnaa sammuu isaan dhoowwatee murtii kana fudhachuun jila diinaa biraa kana hafan Obboo Daawit, wayta ammaa kanas lukkeelee diinaa Awustiraaliyaa keessa jiraniin doorsifamaa jiraachuutu ibsame.

Mootummaan wayyaanee hacuuccaa fi dhiittaa mirgaa Impaayera Itoophiyaa keessatti lammiilee irratti raawwatu, addatti ilmaan Oromoorraan gahaa jirutti dabalee biyya walaba taate, Awustiraaliyaa keessatti Hoteela isaanii dhaquudhaan Obboo Daawitiin doorsisuun diinummaa sirnichi Oromoof qabu mul’isuun gamatti abbaa irrummaa fi seera biyya biraaf illee bakka kan hin qabne goolessitummaa gartuu faashistii kanaa kan saaxiluu dha.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …