Oduu Haaraya

Oduu Gammachiisaa: Mootummaan Jarmanii %100 Oromoo akka deeggarru Ibse

====================================
Akkam jirtan yaa lammiiwwan kiyya. Akkatti jirru walumaanu beekna natti bareetin isin gaafadhe dhiifama akka itti jirru wallaaleti miti. Hundi keenya mootummaa wayyaanee ilmaaf abbaa ykn haadhaaf ilma walirratti ajjeesaa jiru kana laalaa akkamitti nagaa qabdaani jettanii nu gaafattan badii tiyya ta’uu amaneetin fudhadha.

Ani mootummmaa wayyaanee kan osoo AMNEST INTERNATIONAL NAMOOTA 75 Seera malee ajjeefamee jedhee gabaase namoota 5 qofatu ajjeefame jedhee balaaleffattu sanii miti. Mootummaan Wayyaanee waggaa 10 dura bara 2005 deeggartoota paartii QINIJJIT jedhamu 26 ajjeefamuun isaani yeroo himamu lakkoofsa 26 akka lakkoofsa 75 waakkatan kanatti hin waakkanne.

Namootni 26 dhukaasa akka tasaa itti dhukaween lubbuu isaanii akka dhaban kan gazexeessitoota BBC hime ture Ob. Mallasaan namootni 26 ajjeefamani turan sun hundi eega rasaasa akka tasaa dhukaaten ajjeefamanii maaliif hundii isaani addarra nyaara ija isaanii lamaan jidduu rasaasan rukkutamanii ajjeefaman gaafii jedhu kan gareen BBC ‪#‎HardTalk‬ kaasaniif deebii dhabeet ture. Dubbii Qinijjiit bara 2005 kaasee ture kanan kaasu isaan faarsuf ykn qabsoon sun waan cimaa tureef akka qabsoo akkasii gootan isin yaadachiisuf ykn warra Qinijjit wayyaanerratti qabsaawe san balaaleffachuufi miti.

Waanan ani kaasa jiru dogongora Qinijjit bara 2005 hojjeterraa barattani akka of sirreessitan dhaamsa cimaa akka lammii biyyaaf yaadu tokkootti isiniif dhaamu tokkon qaba dhaamsa kiyya kana yoo na tuffattanillee mee yaa lammii Oromoo xinxaala keessa galchuuf yaalaa. Kuni dhaamsan Lubbuu 100 oli ji’a kana keessa wareegamaniitin irbuu isiniif seenu. Baqattootni Oromoo guyyaa sadi osoo manatti hin galin Cabbii keessa oola fi bulaa godhan milkiin xummuramuun isaa guddaa nama gammachiisa.

Dubbi himaan mootummaa Jaramanii guyyaa har’aa waan danda’ame hundaan akka Uummata Oromoo deeggaran, akka namoota Jarmanii Itoophiyaa keessa jiran hojii isaanii dhiisanii gara Jarmanii deebi’aniif akka amma booda hariiroo mootummaa Itoophiyaa waliin qaban dhaaban wadaa galaniiru. ‪#‎VivaGermany‬. Kun
Sochii guddaa baqattootni Oromoo Jarmanii keessa jiran godhanirra kan dhufe waan ta’eef ‪#‎VivaOromoDiasporaInGermany‬ jennee galateeffachuu qabna.
Gammachuun mootummaan Jarmanirraa arganne haala kanarra osuma jiruu mootummaan hablee qara lamaatin Addunyaarratti rakkoo uumuun beekamu mootummaan Ameerikaa ibsa inni keennaa jiru soonkoof soorgoo ” Yaa ta’u jennaan harree qalle, hin ta’u jennaan harree ganne kan harree ganne sunuu qorichaa fidaa jennaan barbaadnee dhabne ” ciigoo jedhuun wal fakkaatti.

Ibsa Ameerikan kaleessa baase keessatti Waraanni Wayyaanee akka ajjeechaa Oromoo hiriira bahanirratti hirmaateefi akka Oromoonis gochoota sodaachisaarratti hirmaatan ibsaa akka waraanni wayyaanee fi Oromoon waliin haasawani dubbii amma itti jiran kana fixatan dhaamsa dhaamun mootummaan Ameerikaa lubbuun Oromoo dhumaa jiru kana siyaasa adurree kan horsiifne akka hantuuta nurraa fixxuufi dubbii jedhuun wal fakkaata. Yeroo ammaa kanatti uummatni Oromoo Hantuta.

Wayyaaneen adurreedha. Adurreen mirga hantuutaa ni kabajjiif yoo kan jettan taate wayaaneen mirga Oroomoo hin tuqxu jedhaati waan Ameerikaan odeesditu jala deema. Mirga ofii abbumatu kabajjiifata yoo kan jettan ta’e wayyaane, Ameerika, Jarmanii kkf hundarraa walaba taanee of dandeenyee yaa qabsoofnu. Garuu, warra adeemsa qabsoo keenyaa keessatti waan barbaachisaa ta’e nuuf gumaachaa jiran akka galateeffachuu qabnu dagachuu hin qabnuun dhaamsa kooti. Akkuma Nelson Mandeellan General Tadesse Biru “Long Walk To Freedomkitaaba jedhee barreesse Keessatti bakka guddaa kenneef Deebiin guyyaa har’aa mootummaa Jarmaniirraa arganne kun kan bakka guddaa qabuu plzzzzz nurraa hin dagatinaa. Ammas beektota keenya ‪#‎OromoAnonymousHackers‬ jedhaman kan barattootafi qotee bulaa Oromoo bira dhaabbatani Waraana Wayyaanerraatti duula addaa banan nuuf jajjabeessan isiniin jedha isin hoo maal jettu?

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …