Oduu Haaraya

OFIRRAA KAASI MALEE*

                              Taammanaa Bitimaa irraa
Ginni bittaa-Maqalee
Jarri qawween as galee
Akkuma Minilik-faa
Uummata keenya qalee
Ijoollee teenya qalee
Yaa Oromoo waltayii
Gaaraa-dakaa gadbayii
Ofirraa kaasi malee!
Biyya keenya qabatee
Dilbii keenya qalatee
Sabbuu keenya saammatee
Buna keenya haratee
Damma keenya muuxatee
Dhiiga keenya xuuxxate!
Arrabasaa dheeressee
Sammuusaa daran deegsee
Waanbadee nutti ta’ee
Waan badaan nutti ka’e!
Uummata-koo waltayii
Yaa saba-koo olka’ii
Isa ofirraa kaasii
Manneen hidhaa caccabsii
Ijoollee-tee gayyaasii
Sansalta irraa baasi!
Saba-koo dubbiin baddee
Saba-koo biyyis baddee
Oljedhii harqi akka qeerransaa
Gadbayii caraani akka leencaa
Waltayi akka goondaa
Hiddi akka kanniisaa
Yoosuu yeeyyiin si dhiisaa!
Odaa-kee caaseffaddhuu
Gadaa-kee deebifaddhuu
Siiqqee-tee aadeffaddhuu
Buna-kee raajeffaddhuu
Kayyoo ilaa-ilaamee
Kan seenaan sitti dhaame
Labsi FINFINNEE-rrattii
Tulluu Daalattii gubbaatti!
Erga yeeyyii ofirraa hariitee
Idda bacootti aduun dhiitee
Ijaarraddhu Oromiyaa-tee
Tikfaddhu Oromummaa-kee!
Akkuma aadaa keetii
Akkuma seenaa keetii
Kan nagaan sitti dhufe
Nagaan simaddhuu bulchi
Ollaan-kee yoo beela’e
Waan qabduun du’a oolchi!
Atis ilmoo namaatii
Innis ilmoo namaatii
Akkuma duudhaa keetii
Karadeemaa guyyaallee
Alagaa baargamaallee
Manni kan Waaqi” jedhii bulchi!
Uummata-koo uumee-too
Barsiisaa, guddisa-koo
Akkuma bara Gadaa
Tokkummaa-kee jabeessi
Sirnaa fi sheexana jaraa
Ofirraa achi fageessi!
Dhala-kee isa moggaa moggaa fiffiigu
Isa humnaa-tokkummaa kee diddiigu
Gorsiitii ofitti deebisi
Daaraa jaraarraa kaasii
Marcumarra teessisi!
Namummaa fi qaroomina Gadaa
Gaaddisa miidhagaa kan Odaa
Hayaa, addunyaa beeksifaddhu
Namummaan namummaa-kee deebifaddhu!
Dhiichisaa, geerraraa
Dhaadachaa, boowaa
Isaan si jalaa qalaman
Gaaraa-dakaa yaa’ii awwaalladdhu
Oromiyaan lamuu Aannolee
Oromiyaan lamuu Calanqoo
Hin-taatu jedhii waliif kakaddhu
Biiftuun Bilisummaa sii bawuufii
Bakkalchi Walabummaa sii ifuufii
Hayyee, jabeessitii abdaddhu!
************** // **************
* Hubachiisa: Walaloon kiyya kun ijoollee Oromoo waayee: “Master Plan Finfinnee” irratti diina biyya keenyaa dura dhaabattee, diinaan galaafatamteef mee yaadannoo haa tahu! Warreen isaanii fi firoottan isaanii irraa bakka kiyya dhaabachuun, mee imimmaan isaan irraa naaf haa haqu! Isaan manneen hidhaa Habashootaa keessatti dararamaa jiraniif, mee hamileessaa haa tahuufi! Dabaleesoo, uummata Oromoo Oromiyaa guutuu irraa gadi-yaa’uun, dhalawwan ofii cinaa dhaabateef raajeffannoo haa tahu!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …