Oduu Haaraya

Oggaa Loon Gadoodu, Harreen Ammoo Marga Dheeddi

Waammiicha Orummuummaa OPDO fi Deegartoota isaaniif
[Oggaa Loon Gadoodu, Harreen Ammoo Marga Dheeddi]

………………………………
Horii keessaa kan lafa sanyiin isaa itti du’e fuunfatee irratti gadooduun gadda isaa ibsatu loon kophaa dha. Loon bakka bineensi jabbii isaa yookaan loon biraa itti nyaate, yookaan namni loon itti qale oggaa ga’u, lafa sana fuunfatee gadooda. Sun gadda isaa ibsachuu isaa argisiisa. Seera uumaa ta’ee gumaa baasuu dadhabu illee gadda itti dhaga’ame sagaleen ibsata. Kan harree garuu faallaa kan loonii ti. Bakka ilmoon ishee itti nyaatamte fuunfattee halaakuun hin jiru.

Bineensa keessaa kan harree caalaa ilmoo ofii jaallatu hin jiru jedhama. Sababni isaas, harreen yoo ilmoon ishee hallayyaa buute, utaaltee waliin buuti. Harreen akkas ilmoo ishee jaallattu garuu, gumaa baasuu fi gadda ibsachuu irratti faallaa kan loonii ti. Akka loonii lafa jabbii yookaan sanyii isaa bineensi itti nyaate fuunfatee gadoduun gadda ibsachuun hin jiru. Callistee coqorsa yookaan marga ishee dheeddi. As irratti loon irraa adda taati jechuu dha. Harreetti garaan jabduu dha. Kanaafis ‘ergan du’ee coqorsi hin margin’ jette harreen jedhama.

Ijoon dubbii kootii waa’ee uumama loonii fi harree ibsuuf miti. Namoota akkuma harree wan itti fe’an baatanii fi oggaa lammiin isaanii, waan mirga sabummaa gaafataniif rasaasa gabroomfataan dhumu, hambaa alagaan garaa isaanii guuttatanii buluuf jecha daboo diinaaf ba’anii fi abukaatoo diinaa ta’anii akeeka diinaa bakkaan ga’uuf hirriba dhabanii irratti waa jechuufan. Oromoo irraa dhalatanii, bu’aa sadoof Oromootti duuluun jaarraa tokkoo ol ta’ee jira. Hunduu garuu dhumni isaanii utuu hin tolin bara Wayyaanee ga’e. Tokko isa isa duraa irraa hin baratani. Kaleessas ta’e har’a, oggaa qaroo fi sabboonaan Oromoo mirga saba isaaf falmatuu fi falmaa irratti wareegamu, isaan akkuma kan harree sana gooftolii isaanii garaa ciibsanii garaa guuttatanii buluuf faallaa lammii isaanii dhaabbatanii gabroomfataaf tumsu. Gariin ammoo, caalaayyuu ajjeesanii amanamummaa horachuuf ukukkuru. Warri akkasii bara duula weerara Minilik irraa kaasee hanga OPDOlee bara Wayyaanee ammatti meesheffamaa, dhuma irratti salphataa fi gatamaa yoona ga’ame.

Har’a OPDOleen oggaa Oromoon mirga sabummaa fi Abbaa biyyummaaf falmataa jiranitti gariin isaanii ergama jalqaba ijaaramaniif bakkaan ga’anii caalaatti amanamummaa horachuuf jecha Wayyaaneef tumsanii qabsoo saba Oromoo gara dabarsuuf dulaa jiru. Har’a ilmaan Oromoo Yunversitii fi manneetii barnootaa sadarkaa adda addaa keessatti barataa jiran, sababa mirga Oromoon Oromiyaa irratti qabu gaafatan qofaaf rasaasa Wayyaaneen dhumaa jiran. Oggaa Oromoon biyya keessaa fi ambaa jiraatu, bakkayyuutti mormii isaa dhageessisaa fi gumaa ilmaan isaatii gaafataa jirutti, qondalotni OPDO tokko tokko ammoo, faallaa Oromoo dhaabbatanii, kijiba Wayyaanee guutummaa Oromiyaa keessa oofuu fi wareegama sabbontota Oromootti bishaan naquuf tirtiraa jiru. Gochi kun “oggaa loon gadoodu, harreen ammoo marga dheeddi” isa jedhan sanaan tokko.

Har’a Oromoon golee addunyaa hunda irraa ka’ee mirga Abbaa Biyyummaaf falmataa fi gumaa ilmaan isaa Bilisummaa Oromiyaan baasuuf, yeroo inni waloon sosso’uu eegaletti, qondaalotni OPDO tokko tokko, murna Wayyaanee Tigraayiif tumsanii Oromootti falmaa jiru. Har’as akkuma kaleessaa, akeeka Wayyaanee fiixa baasuuf ukukkuruu malee, waan warra isaan dura gulufsiifamaa ture maayyii irratti mudate irraa barachuu hin dandeenye. PDOleen tokko tokko utuu ni baratu ta’anii, waan Juunaddii Saaddoo gaafa tajaajiltummaa isaa fixate irra ga’e irraa baratu. Juunaddiin, gaafa humni addaa Wayyaanee barattoota Oromoo mirga seeraan qabanitti gargaaramanii hiriira nagaa bahanitti dhukaasee fixe, “tarkaanfiin fudhatame sirrii dha” jedhe, har’a qaanii keessa jiru irraa barachuutu isaan irra ture. Utuu ni baratu ta’ee, gaaffii Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa, bara 2004 keessa magaalaan guddittiin Oromiyaa Finfinnee ta’uun hafee, OPDOleen Adaamaatti godaansifamuu mormaniin, waan Juunaddiin jedhee fi kan inni har’a keessa jiru irraa baratu ture. Gaafas Oromootu morme malee OPDOleen maqaa Oromoon Wayyaanee jala hiriiran, dura dhaabbachuu ofii sodaachuu caalaa warra mormatettiyyuu Wayyaanee bira goranii itti duulani. Kaan hidhanii kaanis ajjeesani. Waltajjii irrattis ba’anii waan beekanii fi hin beeknes kanneen munaagan ni jiru. Isaan keessaa tokko Pirezidaantii Caffee Oromiyaa oggasii kan ture Juunaddii Saaddoo ti.

Juunaddiin gaafas afaan guutee “Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waa’ee Finfinnee dubbachuuf ‘mooraalii’ maalii qaba?” jedhe. Akka Juunaddiitti, Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa hamilee Finfinnee falmachuu hin qabu. Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa Oromoo irraa Oromoof ijaarame. Akka seenaa fi dhugaa jiruutti ammoo, Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa, Oromoo golee hunda irraa walitti fiduu fi qabsoo mirga Abbaa Biyyummaa Oromoof bu’uura guddaa kan buuse, seenaa boonsaa fi hamilee akka sibiilaa jabaate kan qabuu dha. Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa gabrooffattuu Wayyaaneen ugguramus, har’a illee Finfinnee falmachuuf hamilee seenaa boonsaa guddaa qaba. Juunaddiin garuu har’a waa’ee Finfinnee kaasuun hafnaan ofiifuu hamilee hin qabu; namatti as bahee dubbachuufis hamilee hin qabu.

Hin bar’u seetee isa jedhan sana ta’ee, gaafas Juunaddiin Wayyaanee garaa ciibsuuf jecha, waan irraa hin eegamne xibaaruun, gaafa tajaajiltummaa isaa irraa fixatan, salphina isa hin oolchine. Utuu ganna torba illee hin gudunfin yakkamee hojii ala ta’uu caalaa, Haadha Warraa isaa kachachalaa fi kkfn yakkanii hidhaatti dabrani. Juunaddiin “dhirsi harree, of irraayyuu waraabessa hin ittisuu, niitii isaa irraa ittisaa?” isa jedhan ta’ee, lubbuu isaafuu sodaatee baqachuudhaan, ijoollee Oromoo yeros waan Finfinnee falmataniif Wayyaanee gargaaree biyyaa baasetti dhaqee dabalame.

Har’as wadoon isaan ga’ee, warri akka Abbaa Duulaa fi fakkaattotni isaa, ilmaan Oromoo mirga Oromoon Finfinnee fi naannoo ishee irratti qabu gaafatanitti bobbaafamanii kijiba Wayyaanee ololaa jiran. Dhiiga ilmaan Oromoo falammii kana irratti dhangala’etti bishaan naquu fi gumaa malee hambisuuf tirtiruutti jiran. Hojii farrummaa isaanii kana irraa yoo hin deebine, wadoo Wayyaaneef bobbaafamuu qofa utuu hin taane, wadoon akkuma Juunaddii waaroo salphinaa uffachuun isaanii yeroon isaa akka hin fagaanne ammumaan beekuu qaban. Diina Oromoo qe’eetti itti duulee ajjeesaa jiru kanaaf hanga dhumaatti dhabbatanii waliin Oromootti duuluu itti fufnaan garuu, carraan isaaniis kan warra isaan duraa irra yoo hammaate malee sana irraa adda akka hin taane beekuu qaban.

Walumaa gala, qondaalotni OPDO seenaa dabre irraa barachuun, qabsoo saba isaaniif tumsuutu irraa eegama. Kanaaf, oggaa Oromoon mirga eenyummaa fi Abbaa Biyyummaaf keessaa fi alaan falammii isaa finiinsaa fi gumaa ilmaan isaa Bilisummaan baasuuf golee hunda irraa sosso’aa jiru kanatti, diinaaf waardiyyaa dhaabbachuu irra saba isaanii cinaa hiriiranii waliin falmachuudhaan, yeroon itti xurii seenaa of irraa dhiqan amma.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …