Oduu Haaraya

OPDO abdachuu fi sobamanii jalatti of dagachuun akka ofiin of balleessuu (suicide)tti laalamuu qaba.

Dr. Maraaraa irra

Rakkoon Oromoo mudate guddaan amma jaarmaya ofii dhabuudha. Miseensonnii fi hooggantoonni Opdo irra jireessaan ilmaan alagaati. Gudeeda Oromoo keessaa warra bayee miti. Gariin isaanii Afaan Oromo dubbatu malee guutumaan guututti maatii saba biraa irraa dhalatan ykn immoo makaadha. Jalqaba faayidaa dhuunfaatiif sirna Wayyaanee tajaajilaa turan. Amma immoo dantaa nafxanyaa guutuuf carraa argataniiru. Hedduun isaanii carraa kanaan injifannoo Oromoon aarsaa dhiigaa fi lafeetiin argate gatii dhabsiisuuf Oromoorratti hojjataa jiru. Oromoo jibbu. Ni tuffatu. Oromoo fakkaatanii Oromoo salphisuuf hojjatu.

Injifannoowwan Oromoon bara 1991 booda argate keessaa inni guddaan sirna federaalizimii sabdaneessaa kana jalatti Oromiyaa ijaaruufi xiqqaattus ofiin ofbulchuu eegaluu dha. Opdon garuu afaaniin “gaafii keessan karaa saayinsaawaa ta’een deebisuuf hojjataa jirra “ jechaa Oromoo so fi. Qabatamatti immoo injifannoo Oromoon hanga ammaatti gonfate harkaa buusuuf hojjatti. “Sirna federaalizimii dhugaa ijaarra” dhaadannoo jedhuun mirga Oromoon hiree ofii murteeffachuuf dhiigaa fi lafeesaatiin argate laamshessuuf hirriba dhabanii gugataa jiru. Olola sobaa “biyyi gargar hiramte” jedhu uumuun “ida’amuu” shira jedhu qabatanii mirgoota waloo sabootaa, sabboonummaa fi sabboontota balleessuuf nafxanyaa waliin duula bananii jiru. Kanaafuu, opdo abdachuu fi sobamanii jalatti of dagachuun akka ofiin of balleessuu (suicide)tti laalamuu qaba.

Balaa hamaa (existential threat) Oromootti dhufaa jira. Yaalii ajjeechaa Jawar irratti aggaamame, ajjeechaa bifa qindaa’een ummata keenyarratti raawwatamaa jiru, duula qindaa’aa habashaan keessaa fi alaan Oromoo irratti bante, … akka salphaatti laaluun hin danda’amu. Garam deemaa akka jirru kuni agarsiiftuudha.

Yoo dammaqne har’as hin dhiine. Jaarmaya mormituu cimaa tokko hundeessuun Oromoo kufaatii hamaarraa baraaruun ni danda’ama. GHO’n waan qalbii ummataa qabbaneessu qabatee gadi baya jedhamee eegama. Waaqni Oromoo ifaajee qabsaa’otaa fi dhiiga wareegamtotaa lafa hin balleessin!

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …