Oduu Haaraya

Oromia’s forests are burning, latest fire broke out in Hararge (Carcar)

Kun kan gubachaa jiru bosona Baaleti. Bosonni Cilaaloo inni Arsiitti argamus laboobni abiddasaa inni wayyaanen itti qabsiifte waan dhaamu hin fakkaatu. Wayyaanen sodaa ABO tu keessa riphee jiraata jedhuun ofumaa bosona cilaalotti abidda qabsiisun dadargaggoo Oromoo tokkotu gube jechuun sobdee uummata akkuma barte gowwoomsaa Jirti.

Bosonni baales ta’e kan Cilaaloo Arsiirraa lachanuu laboobni abiddasaanii halkanii guyyaa Samiitti Ol ka’ee akka eddoo maratti gaarrenirraa fageenyatti muul’atu beekameera.

Waggootan duratti barattoota Oromoo abidda bosona baalee dhaamsuf dhaqan akka wayyaanen rasaasan isaan fixxe beekamaadha. Ammas kinoo guyyoonni aangoo shiftaa wayyaanee xumurrisaa waan muul’ateef qabeenyaf uummata Oromoo lafarraa haxaa’un akka biyyasaanii Tigraay misoomtetti deebi’uu fedhan ifa galaadha. Yaa xiqqaa guddaa keenya uummanni Oromoo marti osoo hin lolatin dhumuun seenadhaafillee hin bareedu waan ta’eef qawwee, qottoo, albee, eebbof gaachanakee fudhuu manaa bahi.

Yoo akkas ta’e qofaa mirgi Oromoo waggoota dhibbaatamaaf dheebotame, qabeenya Keenya saamamu gariin barbadaa’u, dhugaaf dhiigni saba bal’aa kanaa Walabummaa keenya waliin boojudhaan kan deebi’u ta’a.

martuu wal kakaafna
Xiqqaa guddaan ka’i
meeshaakees qabadhu
diina waliin dha’i
maqaa gootota duriin
kabajamii taa’i !

 

 

From all corners Oromia, Oromia forests are on fire! Bosonni Oromiyaa kan ibiddi ittin jirre hin jiruu, aboo iyyaa iyya dabarsaa! Wanni bosona fakkaata tan Oromiyaa keessaa tan ibiddaan waadamaan jirre nitakkataabar, oromoo walgaafadhaa!

Saanatee,Chilalo, Carcar. What area is next?

 

Carcar Xirroo fi Saaqata, lamaanuu bakka Wayyaaneen sodaattuu ibiddaan guyyaa kaleessaa yeroo walfakkaataatti gubataa oolan!shakkiin wayyaanee bosona Oromiyaa barbadeeysaa jirti!

11026213_456198951200946_8089509468276759277_n

 


Bosona Cilaalo

Bosona Cilaalo
Hexoofi Birbirsa
Saatofi. Ebicha
Xooshinefi xiidi
Mukoole qaqqaali
Umriin hinqabne madaalli
Lakkawe waa fixu
Gosti isaa Heddu
Umaan magaritu
Bonaa ganna qabdu
Badhaatu midhagdu
Teesso bineessota
Olibaate mul’dhatta
Qabeenya ummata
Oromoon lowwan itti olyaafata
Manas ittin ijaarata
Meesha qonnatille achirra tolfata
Yokaan nibobeefata
Kuni hojii diinati
Gocha salpha miti
Dawaa heddu qabda
Sodaa mo?hinaaffa?
Maalifi Sigubani?
Argaa sijibbani?
Misooma jedhani
Gemii taphatani
Yaa gaara Colaalo
Sirraa sodaatan moo?
Sitti Hinaafani?
Isaan woyyaanonni
Waa biyya hin qabani
Biyya tenya irratti abba nutti ta’ee

DIINNI waa nuhin hanbifanne
Nama, Sa’a, Bineessa, Muka hin jenne
Wolumatti. Qabee
Oromiyaa irraa nuballeessu dhimmame
Nuti kana hin fudhanne
Hin balaalefanne
Bosonni cilaalo
Maafi gubata jenne!
Bosonni cilaalo
Maafi gubata jenne!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …