Oduu Haaraya

Oromoo, Dirmadhaa Dirmachiisaa!

Gara: Ummata Oromoo, Iddoo jirtan maratti,

 

Ummata Oromoo hundaaf Salaamtaa Obbolummaa isiniif dheheesinee, kan baatii Ramdaanaa

tan Qur,aanni keysatti bu,e nagayaa fii barakaa akka tahu hawwiin qabnu ibsaa, iyyannaa

dirmachuu dabarfanna.

Oromiyaan humna waraana alagaa jala jiraachuun akkuma jirutti tahee; miidhaan ummata

Oromoo irra gahaa jiru kan ammaa daangaa dabree jira.

Haala hamaa oromyiyaa keysatti Ilmaan oromoo fixuun waraanni agaazii magaalaa calanqootti

ilmoo daaima akka shinbirrotti karaarratti ajjeesuun akasumatti magaalaa Awwadaay keysatti

Ilmaan hegeree oromiyaatiif ijaaf qabnu gareen abbotii garaa kanneen tigreef bitaman nama 8

ajjesan, yaroo hunda taazyaaa taa,uufii booyuun nuufgahe,

Hanga lafarraa nufixan hin eeynuu kaanee gumaa ilmaan keenyatiifii kan abbootii teenyaatiis

kafallee oromiyaa teenyaas lollee haagonfannuu.

Mootummaan saba bicuu wayyaaneetiin durfamtu, handhura Oromiyaa, finfinne fii naannoo isii

ilmaan Tigree irratti galchaa, gara kaaniiniis lafa Oromiyaa qicattee gurguruun ittiin duromaa jirti.

Ilmaan Oromoo ammoo kumaatamaan lafa isaanii irraa buqqifte kadhattuu karaarraa tahuu

mudde. Gara biraatiin, ummatoota ollaa Oromiyaa qubatan, kanneen duriif kabajaa ollumman

nuun waliin bulaa turan, kakaaftee daangaa Oromiyaa kara hundaan tarkaanfatanii lafa

Oromoo fudhachiisaa jirti.

Dhiheenya kana lolli baha Oromiyaa naannoo qubsuma Anniyyaa fii ummatoota Somalee

jiddutti tahaa jiru kanumarraa kan ka’e. Mottummaan Somalee, kan Liyyuu Police ja’amuun

hidhachiiftee, itti bobbaaftee Oromoota lafarra fixaa jirti. Lola bara shan caalaa naannoo

kanaratti deemeen, lubbuu namoota hedduu fii qabeenya qiyaasa hin qabne ummata Oromoo

irraa Soomaleen saamame. Ona Anniyaarraa lafti Oromoo guddoon dhunfaa qubsuma

Soomaalee taasifamte. Kun akkuma dhaadannoo muummichi Wayyaanee kan duraani, Malas

Zinaawii je’e, ja’anii, Oromiyaa fii ummata Oromootuu xiqqeeyssuuf imaammata bahe hujiin

mirkaneeysuudhati jiran.

Akkuma beekkamutti, naannoon Anniyyaa tajaajila hawaasumma takkumaatuu argatte hin

beeytu. Jiruu gadadoo keeysa jiraatan. Tana gubbaan, lolaan lafa oomishaaf mijjooftuf firraa

buqqa’uun, beeyladaan duraa saamamuun walitti dabalamee, ummanni Anniyyaa, rakkoo

humtuun waadamaati jira. Yoo hatattamaann Oromoon itti dirmatee dhaqqabamuu baate,

dhumaati rasaasa diinaa daran, ummanni kun beelaa fii dhukkubaan, lafarraa galee, lafa

duwwaa Soomaaleen dhaaluuf deemti.

Qalbiin saree gama lafeeti,”; ja’an maymaaysa Oromootti, ummanni Soomaalee, abjuu

ziyaadZiad Barree irra dhaalan, kan daangaa isaanii hanga Awaash balifatuuti qaban. Hiree

gargaarsa Wayyaaneetti dhimma bahanii fedhinnaa isaanii dhugoomfatuu barbaadu. Haa

hubannu, magaalaan Minoo fageenya KM 100 gaara Dabbaalirraa jirti, duubni dabbaal Awashi

Oromiyaan idduu moggaa hin qabdu. Akkuma, “Finifinnee keenya, Burraayuu keenya, Laga

xaafoo keenya,wkf,” iennee iddoo hundaa dhawwaaqaa jirrutti, Qumbii, magaalaan Minootiis

keenya jennee wareegama barbaachisu baasuun lafa/daangaa Oromiyaa irraa diina facaasuu

qabna. Gootonni keenya warri dur dabran kan akka General Waaqoo Guutuu fii Sooreysa

Jaarra Abbaa Gadaa, gootummaan haqa ofii falmatuu nu barsiisanii dabran. Qeerroon

Oromiyaa ar’aas, faajjii san qabatanii tokkummaan diinaaf gugguufuu diduu nu barsiisaa jiru.

“Hadaamiin Ollaa agamsaa imimaan hin dhabdu,” jedhanii, Anniyya takkaa roorrifamee, gidiraas

fudhatee hin beeku.Ilamaan Anniyyaa guyyaan akkuma abbootti teenysan duriitti, ona keeysan

yeroon itti kabajisiiftan amma. Oromoon, qaamaaniis tahee, qabeenyaan isin waliin jira, lolaa

lolchiisaa dhiirmumma teeysan agarsiisaa.

FIDOn gocha diinummaa ummata keenya lafarraa dhabmsiisuuf godhamaa jiru kana

balaaleyfataa, gargaarsa ummanni keenya barbaadu hunda gumaachuuf qapheedha.

Leenca darrate jeedalloon dhihana isaa qalbifti,” akkuma janii,wal hirree laafatuu keenyaatu

jabeenya diina keenya tahee jira. Humna qabnu afshaalumman itti dhimma bahuun kan

dandeenyu yoo tokko taane qofa. Abbaa biyya tahuun wareegama qaalii gaafata. FIDOn

qabsoo ummanni Oromoo, Abbaa biyyaa tahuuf godhu qooda irra eeggamu gochuuf qophii

tahuu ibsaa, namuu bakka jiruu, karaa irra jiruun gumaata akka kennu yaamicha goona.

Tokkummaan humna!

Oromiyaan ni bilisoomti!

Ibsaa Gammachuu, Hayyu­duree muummicha Hoogganoota FIDO

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …