Oduu Haaraya

Oromoon Haragee akkuma OPDn jettu kanaa laata?

 

OBSAA FII KABAJAA QEEYROO HARARGEE, DOOFUMMAA FII GOWWUMMATTI FUDHATUUN CUBBUU DHIIFAMA hin QABNE.
~~~~~~~~~~~~~~~

 

Oromoon Haragee gosummaa fii gandummaan hin komatamu, silaa gandummaa fii gusummaa qabaatee akka ardha keessa jiru kanatti dhaabbilee siyaasaa Oromo jiran hunda keessa faffaca’ee qe’ee ofii dagatee/facaasee hin jiraatu ture.

Harargeen uf qolummaan hin qeeqamu.
Silaa of qola tahee kutaalee Oromiyaa hunda irraa fii inumaahuu sabaaf sablammoonni garagaraa kan hariiroo takka Oromo waliin hin qabne Harargee keesatti qotatee fii daldalatee hin duroomu ture.
Oromoon Haragee jaalala malee jibbaa namaa hin qabu. Umma jaalala fii tapha malee hamtuu takka hin qabne tahuu Oromo dhiisii alagaan Harargee keessa jiraatuhuu(fknf Hamalmaal Abate) ragaa isaanif bahuu bira kuteet mararfannaa isaanif qabu ibsa.
*Ummanni Harargee amantiin nama hin jibbu.
*Kutaan nama qooduu fii gosummaan amala isaatii miti
*of tuulummaa fii shira xaxuu Harargeen hin komatan
Ragaan dubbii kanaa👉Namni Qeerron Harargee maaf bulchaa Godinaa irraa nurraa buuftan jedhee mormaa jirru obbo #Taakkale Dheeressati, inni ammo dhalataa Wallaggati amantiin kiristaana , mee duuba Qeerron Harargee yoo “gandumma” fii amantiin qooduu qabaate nama ganda biraa maaf narraan buusinaa jedha?

Harargeen amantii jirtu hundaa ammateet nagayaan wajji jiraata. Hagan an beekutti kan bakka biraatii itti gale yoo tahe malee Oromo tahee kan Harargee keessa jiraatu Oromo Muslimaati, haa tahuu ammo amantiin hundinuu mana amantii achi keessaa qabu. Inumaatuu waldaan kiristana Orthodox ayyaana sadarkaa biyyoolessatti guddaa kabajamu Harargee Qullubbii keessatti.
Ar’a OPDO shamtuun kan maqaa biyya bulchinaatin biyya/lafa Oromiyaa #Mi‘esso, #Afdhaab, #Erer, #Mullu, #Huurso, #Bikke #Dirreedhawaa, #Harar, #Jijjiga, #Baabbile, #Mayyuu Mulluqqee fii kkf diinaf gurgurte, kan dheengadda Calanqotti qoteebulaa Oromo(~18) ol badii takka malee duguuyde, kan kaleessa osoo isaan biyya bulchanuu Abdi Ileyen nama 1,000000 miliyoona tokkoo ol qe’ee irraa buqqisee kaan fixee kaan mana wajjiin ibiddaan guggube, kan torbaanuma dabran kana keessa Ilyyuu poolisiin Somalee Oromiyaa keessa galtee Mayyuu Mulluqqetti nama 52 ol ficcisiisee akka nama itti gammadetti cal jedhe ilaalaa ture,.
Ar’a kunoo Qeerron Harargee nama sabaaf tolu(obboTakkallee) faa buuftanii kan sabaaf hin tolle nurratti hin fe’inaa jennan, “ololaaaaan amantiin nama walitti buusufi”
“Nama asitti dhalatee amantii teenya qabu malee nun bulchu jedhan” bla bla jettee alba’uu eegalte.

Naanno/laga fii amantiin nama qooduun kan komatamuu male OPDO malee Qeerroo Harargee miti
kanaaf ragaa biraa hin barbaachisu gochuma suukanneessaa nuti hundinuu akka Oromotti balaaleffannee turre kan ji’uma ilmaan Oromo Harargee murruq tahan kana keessa Dambiidoollotti taheedha, sunis dubartii Oromo ulfaa tan mana yaalattiin deeman, diinni ajjeesee ture. Ajjeechaa suukanneessaa kana kan balaaleffate hawaasa Oromo, aktiivistoota, miidiyaa Oromo qofa osoo hin tahin Mootummaan Naannoo Oromiyaatis balaaleffateet Dr Nagarii Leenco (dubbataa MNO) qe’eetti erganii maatii fii Oromoota naannoo sanii jajjabeessanii turan.
Suni waan gaarii deeggaramuu qabuudha,
Gaafa ummanni Kibbaa walitti bu’e MM Dr Abiyyi ofiif dhaqeeti hawaasicha jidduu taa’ee boohee jara jajjabeessee ture, garuu
Murruqiin Harargee Mayyuu Mulluqqee kun isa Kibbaa fii Danbii Doollotiin wal adda moo wal caala?
Yoo ulfa tahuuf lubbuun kan wal caalu taate, murruqii ~Mayyuu Mulluqqee tan namoota 52 ol fixxee san keessa dubartii meeqatu jira? Isaan keessaa hoo meeqatu ulfa laata?
Daa’imman xixiqqoon hoo meeqa?
Jaarsoliin humnan qabne hoo meeqatu keessatti argama maalo?
●Lubbuutu lubbuu caala laata?
●Kutaatu kutaa caalaa?
●Mo amantiitu amantii caalaa?
Qeeyroo Harargee lakkaawwadhu cubbuun sitti galte suma laallatti😢 😢 😢

Obsaa fii kabajaa Ummata Oromo Harargee kana, doofummaa fii gowwummatti fudhatuun cubbuu dhiifama hin qabneedhaa hubadhaa

Dhaamsa OPDO fii fakkaattuu isaanitiif

Yaa OPDO waan kalee ati turtes Oromoon cufti ni beeka, harka kee irrattis waan Oromo fii Oromiyaan dhabnes sabni Oromo guututti beeka, waan taheef uf jirjiirtee gaafii sabaa haqaan deebisuu dandeessu uf jirjiirii sabaaf hojjadhu, diddu immoo Qeerron karaa isa baasu inninuu ni beekaa gurra si calaw.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …