Oduu Haaraya

OSAn Jawaar ni afeerraa fii hin afeerruurratti garee lammatti cabe

Dubbii OSA!

OSAn dhaabbata akkaadamii Oromo kabajamaa dha. Sabboonummaa Oromoo as gahe kana qaruu keessatti qooda guddaa qaba. Dhaabbatni kabajamaan kun waltajjii akkaademii Oromootaa qofa osoo hin taane halagootas afeeree qorannoo isaanii keessumsiisuun beekama. Namoota gonkumaa kaayyoo qabsoo Oromoo dhagahuu hin feene kan akka Dr. Biraanuu Naggaa faayyuu yeroo carraan kennameefii irratti hirmaatan ni yaadanna. Har’a wanni dhagahaa jirru garuu gaarii miti.

Jawar Mohammed‘iif OSAn mana isaa ti. Bar tokko pirezdaantii waldaa kanaa tahee hojjechuunis tajaajilee jira. Jawar jaala isaa Obbo Baqqalaa Garbaa waliin eega hidhaarraa bahee ala kana dhufee booda yaadotni inni kaasu bakka isaaf malu OSA irratti dhihaatee hayyonni falammii akkaadaamawaa (academic debate) irratti geggeessu jedheen eegaa ture. Kun tahuu hafuu isaatti gaddeera.

Vidiyoo Jawar kaleessaa irraa akkuma hubatamu ”afeeramuu qabaa fi hin qabuu irratti Boordiin OSA walii galuu dadhabuu fi sababa kanaanis adda baqaquuf” waan jedhameef ‘lakkii sababa koon kun tahuu hin qabu’ jechuun irraa hafuu akka filate nutti hime. Ofii koo guyyaa lama dura Jawar gaafadhees kanuman irraa dhagahe.

Gama biraan ammoo dura taa’aan boordii OSA Dr. Geetaahun Bantii Keelloo Mediyaa irratti yoo dubbatan ”lakkii nuti Jawar akka dhihaatu hin dhorkine, panelist haa tahu jenne malee” jedhan. Gaaffii deebii daqiiqaa 5 kana keessatti odeessi ummanni OSA irraa qulqulleeffachuu barbaadu ifa hin godhamne. Fakkeenyaaf

1. Jalqabuma maaliif keynote speaker jedhamee ka’ee booda gara panlelist jijjiiruu barbaachise kan jedhu gaaffii jabaa tokko tahuu danda’a ture. Garuu hin gaafatamne.

2. Boordii OSA keessatti dhimma hirmaannaa Jawar irratti wal mormiin akka jiru eega dhagahamee bubbuleera. Wal mormiin kun hundeen isaa maal akka tahee gaafatamuutu irra ture hin gaafatamne.

3. OSAn dhaabbata akkaadamii kan hayyota ilaalcha Oromoorraa ala tahe qaban hunda hirmaachisu Jawar hirmaachuu qabaa fi hin qabuurratti wal falmuu maaltu fide kan jedhu mataan isaa gaaffii guddaa taha ture. Hin gaafatamne.

OSAn kaleessa sabboonummaa Oromoof bu’ura kaa’e har’a ammoo wantoota laalcha naannummaa babal’isaniif sababa tahuun irraa hin eegamu. Rakkoon siyaasaa Oromoo goolaa jiru OSA keessatti obsaa fi beekkomsaan yoo falammiif hin dhihaanne eessatti fala akka argatu na yaaddessa. OSAn garaagarummaa yaadaa bifa Oromoo fi Oromiyaa fakkaatuun yoo keessumsiisuu hin dandeenye ”dhaabbata akkaademii Oromoo” jedhamuun maqaa durii qofa tahee hafa jedheen sodaadha. Ammas buleeyyiin miseensota waldaa kanaa taatan rakkoo kana furuuf tattaafadhaa jenna. OSAn kaleessa gaafa ABO keessatti rakkoon fakkaataan dhalatuyyuu waldaya cimaa Oromoo tokkummaan hammatee balaa sana cehee as gahe tahuu isaa yaadanna. Har’a wayta silaa daranuu baranoomuu fi Oromoo fakkaachuu qabutti tokko hammatee kaan dhiiba jedhamuuf of saaxiluun irraa hin eegamu.

Yaya Beshir

Hagayya 1, 2022

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *