Oduu Haaraya

Paartileen siyaasaa uummata Oromoo bakka bu’uun naannoo Oromiyaatti dorgomuuf jedhan kudhan keessaa sagal beekamtii guutuu ta’e argatanii jiru.

Harka Fuune akkam jirtu Obboloota kiyya?

Akkuma beekamu Filannoon bara 2014/2007 adeemsifamuuf Ji’oota muraasa qofatu hafee jira. Paartileen siyaasaa uummata Oromoo bakka bu’uun naannoo Oromiyaatti dorgomuuf jedhan kudhan keessaa sagal beekamtii guutuu ta’e argatanii jiru.

Isaannis:-

1.Oromo Peoples Congress(OPC) Dr.Mararaa Guddinaatiin kan hoogganamu.

2.Oromo Federalis Demokratic Movement(OFDM) obbo Bulchaa Dammaksaatiin kan hoogganamu.

3.Oromo National Congress(ONC) obbo Tolosaa Tasfaayeetiin kan hoogganamu.

4.Oromo Libration National Party(OLNP) Dr.Faaris Isaayyaasiin kan hoogganamu.

5.All Oromo People Democratic Party(AOPDP) obbo Tasammaa Hundumaatiin kan hoogganamu.

6.Oromo Libration Unity Front(OLUF) Ahmed Haruuniin kan hoogganamu.

7.Oromo Peoples Democratic Union(OPDU) obbo Girmaa Bekeleetiin kan hoogganamu.

8.Oromo Abo Libration Front(OALF) obbo Hussien Abdellaatiin kan hoogganamu.

9.Oromo Libration Party(OLP) obbo Ibraahim Malkaatiin kan hoogganamu.
kanneen armaan olii kun paartilee filannoo dhufaa jiruuf beekamtii argatani dha.akkasumas filannoo biyyattiin kun adeemsisuuf jettuuf miidhagina guddaa ni kenna jedhamee kan eegamu ODF(Oromo Democratic Front) Jaal Leencoo Lataatiin kan hoogganamu Beekamtii guutuu argachuuf tattaaffii gochaa jira.kanneen kun OPDO dabalatee filannoo bara dhufuu irratti uummata Oromoo bakka bu’anii ni hirmaatu jedhamee eegama.paartileen siyaasaa kunneen yaada Lama irratti kan hundaa’ani dha.isaannis “Oromiyaa of dandeessee seeraa fi heera mataa isheetiin bultu ijaaruu fi Oromiyaa Itoopiyaa keessatti Dimokiraasiin badhaate ijaaruu” kan jedhu dha.eenyuuf Mika’a Laata? Ykn eenyutu dorgomaa cimaa ta’a Laata? Miidiyaa Xiqqittiin keessan Seenaa Abdiisaa gara fuulduraatti wantoota paartileen siyaasaa kunneen uummata Oromoof ni dalagna jedhan hordoftee isin biraan ni geessi.irrattis mari’annee kanneen uummata keenyaaf waan gaarii ni dalagu jennee itti amanneef tumsa barbaachisu ni goona.

Paartilee Siyaasaa kanneen keessaa kan walitti makamuuf maree jalqaban ni jiru.yoo waaqni jedhee milka’aniif guyyaa sana paartilee siyaasaa kanneen isin beeksisna.walumaa Galatti dhumni isaa waan fedhe haa ta’u filannoo bara kanaa irratti hundi keenya dammaqinaan akka irratti hirmaannu gamanumaa dhaamsa dabarsa.keessumattuu dargaggoonni keenya waajjirri paartilee siyaasaa kanneenii isinitti dhiyoo yoo jiraate achitti argamuu dhaan wanta isaan uummata keenyaaf gochuuf yaadan hordoftanii uummataan akka geessan abdii qabna.akkasumas akkuma Diaspooraan Habashootaa wal gargaartu Diaspooraan keenyas paartilee siyaasaa keenya kana hordofanii waan barbaachisuun akka gargaaran mamii hin qabu.kun ta’uu baannaan garuu paartileen siyaasaa kunneen mootummaa akka Tulluutti dhaabbate kana waliin haala gaariin ni dorgomu jedhanii eeguun Abjuu dha.anis hangan danda’u OPDO dabalatee karoora paartileen siyaasaa kunneen uumata keenyaaf qaban Loogii tokko malee hordofee isin biraan ga’uuf gamanumaan waadaa seeneera!! gaaffii keessaniin yeroo ammaa kanatti peejii dhuunfaa koo banuu danda’eera.

Peejii Sena Abdissa-Leelloo jedhu Like cuqaasuu dhaan karaa sanas na hordofuu dandeessu.yeroon kun yeroo itti wal gaarrefatan osoo hin taane yeroo itti gaariif wal abdatani dha!!!
‪#‎Respect‬ for all ‪#‎Oromo‬ polotical parties!!! chears!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …