Oduu Haaraya

Pirez.Oromiyaa:Godinoota Jeequmsi itti ka’etti ummatii jireenna ofiitti deebi’aa jira galatni ka hawaasaafii fi seera eegdotaati

muktaar kedirAkka perezidaantiin naannoo Oromiyaa ibsa gaazexeessitotaaf kenne irratti jedhetti jeequmsii maqaa gaafii ummatataatiin dhiyaate nagaa biyyaatii fi ummataa booressuu qofa adoo hin tahin hujii ijaarsa demokiraasiitii fi misooma biyyaatiifuu balaa.

Ummataa fi humnootii nagaa, jeequmsa akkuma jirutti tohanna jala oolchuu isaaniitiif galata qabaa jedha obboo Muktaar.

Godnoota jeequmsii keessatti ka’etti ummatii hujii fi jireenna ufiitti deebi’uutti jiraa jedhee galateeffate.

“Humnitii nagaa adoo humnitii jeequmsaa namaa fi qabeennas balleessuuf falatanuu, jaalala ummataaf jedhanii adoo miidhamanuu, lubbuu dhabanuu, ummata balaa irraa hambisuuf hojajtan.

“Jarri kun dhuguma ummata keessaa bahee ummatumaa hojjachuu isaa agarsiisaa nagaa ummataatii dhaabachuu isaanii agariisan …tanaaf maqaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin humna nagaa eegan galateeeffanna,” jedha perezdanatiian naannoo Oromiyaa.

Rakkoon godina kakkanatti dhufte akka jecha perezidaantii naannoo Oromiyaatti ijaarsa demokiraastii fi misooma biyyattiif balaa taati. Umamtii naannichaa akka jeequmsii dafee dhaabatu hojii jeequmsaa falmee,jaibbees.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …