Oduu Haaraya

Oromiyaa fii Algeeriyaa Madaala Seenaa Gabrummaa fii Wal’aansoo Bilisuummaa

 

abbaa urjiiHaalli dhiheenya kana Oromiyaa keessatti deemaa jiru onnee ummataa keessatti abdii bilisummaa tan Wayyaanee keessatti naasuu guddoo uumee jira. fincilli diddaa gabrummaa tiif kaabaa-kibbaan, bahaa-dhihaan diinarratti godhamaa jiru sossooha qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa keessatti argamee hin beeku. Wayyaanee bara diiydamii afuriiiif cabsitee baysitee irren biyya bulchaa jirtu bu’ura sossoosee jira. Wanni hafe dhiibanii kuffisuu qofa. Kanaas, ka’imman Oromiyaa murannoo ajaa’ibaa tiin itti jiran.

Yaruma hundaa, warri ummata humnaan if jalatti bul’chuu barbaadan tolaan aangorraa bu’uun itti hin mul’atu. Wixxifata aangoorra turuuf godhaniin, gaaga’ama hammana hin ja’amne ummatarraan gayu. Lakkuma fincilli itti cimuun, akka Bashaar Haafiz al-Asad biyya Suuriyaatti, lammii malees biyya galaafatu. Garuu, maayyiirratti, akkuma warra isaan duraa hundatti, injifatamu.

Bilisummaan wareegama malee hin arkamtu. Wal’aansoo bilisummaaf godhaman keessatti, tan wareegama hundarra qaalii gaafatte, qabsoo ummanni Algeeriyaa gabrummaa Faransaayii jalaa bahuuf godhani. Haala ummanni biyya tanaa gabrummaa jalatti itti kufan, waaranii fii keessaa bahuuf wal’aansoo godhan beekuun ummata keenya ni gargaara je’een yaada. Kanaaf, bakka barbaachisutti, seenaa teenyaa waliin wal cinaa qabaa akka armaa gaditti axeerareen jira.

Akkuma qabeenyi Oromiyaa waraana Minilik itti afeeretti, qarqara bahara Meditereniyan tan tarsiimoof mijjooytuurra jiraachuu fii qabeenya beenzilaa tiin badhaadhuun, ummata Algeeriyaa gabrummaa Faransaayii tiif qaadhime. Kanaaf, Faransaayiin, akkuma Minilikitti sababa qopheeffateen, biyya weeraruuf, waggaa jahaatama lola Calanqoo dura, bara 1827 keeysa, loltoota 37,000 miya waraanaa kan gaafasiif ammayyaa hidhachiisee itti erge.

Ummanni Algeeriyaa gabrummaa Faransaayii jalatti kufuu diddaaf, akkuma kan Oromiyaatti, diina hamma funyaaniitti hidhate itti dhufe, waan qabaniin dura dhaabbatan. Garuu, akkuma Minilik Oromiyaa dhunfachuuf lubbuu nama miliyoona shanii galaafatetti, Faransaayii niis, ummata Algeeriyaa naasuu fii hila malee lafarraa duguugee, lola baroota sadihii booda, bara 1830-itti, bulchiinsa isaa jala naqe. Akka guutuu biyyaa dhunfateen, akkuma Minilikitti, waraana malees, lammii isaa toora miliyoona tokkoo, qawwee hidhachiisee, ummata biyyaa kan gaafas miliyoona sagal tahu keessa qubachiisee hidda sirna gabrummaa diriirfachutti seene. Heera qabeenya dachii kan ifii baafatee, akkuma Minilikitti, lafa gabbattuu fii masnoo lammii biyyaarraa fuudhee nafxanyoota isaa tiif kenne. Ummatarraa mirga abbaa biyyuumaa mulquu, akkuma Minilikitti, nafxanyoota isaa irratti muude. Yoom san qofa, akkuma Minilikitti, aadaa fii hooda isaanii tiin adda baasee, afaan isaanii (Afaan Arabaa) tiin barsiisuu fii barachuun kan heeraan isaan yakkisiisu godhe. Haalli kuni, akkuma Oromiyaatti, Algeeriyaattiis, tokko bulchaa – kaan bulfamaa, tokko sooreessa – kaan hiyyeessa, tokko hayyuu – kaan wallaalaa, tokko nama – kaan bineensa, jimlatti tokko bilisa – kaan gabra godhe.

Bulchiinsi Faransaayii ummata Algeriyaa irraatti humnaan dirqifamullee, lammiin biyyaa mootummaa Faransaayii tiif oggolanii buluu didan. Inni niis, wal’aansoo diddaa bulchiinsa isaa godhamtu kolaasuuf, akkuma Minilikitti, naannoo ummanni itti fincile, kanaa-sanii malee, hidhuu, cafaquu fii ajjeesuu, kaayoo irraa if duuba hin deebine godhate. Murtii hila-malee tarkaanfii fudhachuu tanaan, bara 1845 keeysa, naannoo Dahraa ja’amtutti, jiraattota ganda tokkoo guutuu, xiqqaa-guddaa, dhalaa fii dhiira isaan, nama dhibba torbaa ol, goda tokko keessatti ukkaamsee ajjeese. Duuba, gochi isaa kuni, ummata biyyaa daranuu itti kaasee, biyya mara keessaa qaanqee fincilaa itti qabsiise. Inni garuu, iyyensa ummataa gurratti qicachuu dide. Inumaa, bara 1943 keeysa, Algeeriyaa tan biyya isaarraa fagoo, tan daangaa walitti dhaabbatuun hidhatan hin qabne, kutaa biyya isaarraa takka kan godhu heera tumate.

Oduma diinni jimlatti isaan xixuu, gaafa kaan, sab-boononni magaalaa Setiif ja’amtu keessa jiraatan, dhuma lola adunyaa lammaffaa sababsachuun, hiriira nagayaa qopheessan. Hiriira Caamsaa 08, bara 1945 heeraan yaamamerraa qooda fudhachuuf, ummanni magaalaa, iddoo walgayii, fuullee masgiida walakkaa magaalaa jirutti, ganamaan walitti qabamuu jalqaban. Akka namuu dhufeen, nama kuma shanii oliin, alaabaa biyyaa tan heeraan dhoorkamtuu, dhaadannoolee jibbaa fii diddaa bulchiinsa gabrummaa Faransaayii mul’isan qabatanii, karaa seenan.

Guyyaan guyyaa magaalaa ti ture. Warri hiriiraa akka karaarratti bahaniin, ummanni gandootaa fii baadiyyoota keessaa bittaa fii gurguraaf magalaa dhufan, bitaa-mirgaan itti dabalamanii lakkooysaa fii dhawwaaqa dhaadannoo jibba gabroommaa guddisan. Dhadannooleen barreeffamanii fii lallabbiin ummataa, tan, “Faransaayiin biyya teenya keeysaa bahuu qaba! Algeeriyaan haa bilisoomtu!” jattu, xiqquma xiqqoon onnee loltoota Faransaayii danfiftee, warra hiriira bahaa jiranitti dhukaasa banan. Loltoonni, warra nagayaan hiriira bahaa jiranitti yaroo dhukaasan, galiin isaanii, jara kana adabuu fii tarkaanfii fudhataniin hawaasa naannoo biraa tiis ittiin doorsisiif ture. Gama biraa tiin, yaroo dhukkasa jalaqaban, warri hiriira bahaa jiran, kanneen ajjeefaman if duubatti dhiisanii, “yaa Rabbi na baasi!” jechaa, karaa arkan orihan ja’anii yaadan. Garuu, taraa tana, ummanni magaala Setiif, akka diinni yaade godhuu hanqatan. Akka ummanni Oromiyaa dhiheenya kana godhanitti, reeffa isaan dura jirurraan tarkaanfachaa, hiriira isaanii itti fufan. Loltoonni Faransaayii, warra magaalaa fii baadiyyaa jidduu lubbuu namoota baayyee galaafatan.

Borumtaa, ummanni baadiyaa Setiif, dhiiga namoota hiriirarratti duraa wareegamanii baafachuuf, nafxanoota isaan keeysa qubatanitti duulanii hamma arkan gatan. Kanneen isaan duraa lubbuu baafachuu dandayan qe’ee gugatan. Gocha kanarraa, nafxanyoonni baadiyyoota biyyaa keessa qubatan hundi baaragan. Warra badii tana hojjatanii fii sab-boonota hiriira qopheessan adamanii akka gataniif waraanatti iyyatan. Waraanni, iyyannoo jaraa malees, tarkaanfiin fudhatamte bu’ura bulchiinsa isaanii waan duraa sossoofteef, ummata Algeeriyaa adabuu murteeyfatan. Haala kanaaf, nafxanyoota biyyaa waliin tahuun, Caamsaa 13, 1945, hawaasa magaalaa Setiif fii baadiyyoota isii qubatan malees, jiraattoota magaalota Gu’elmaa fii Kherrataa ja’amanitti duulan.

Duulli waraana Faransaayii tii fii nafxanyoonni qooda irraa fudhatan kuni, odoo hin turin bifa duriin addaa qabate. Karaalee fii manneen reyfaan weeraraman. Galmee seenaa irraa akka  hubatamutti, Legionnairoonni (Loltoonni Faransaayii) dubartoota garaa qaban, garaa dhoosanii ulfa keeysaa lafatti haran. Ummata tarree galchanii, gidaara qabachiisanii, rasaasa itti dhukaasan. Daa’imman miilaan ol fuudhanii, gadi rarraasanii, mataa dhagaan dhawanii babbashaysan. Warra mana keeysatti dhokotan, qaawa mana keessaa aara baasu keeysaan boombii itti gadi haran. Gandoota raaree keeysa jiranitti, madaafa gurguddaan ibidda roobasan. Gandoota gooroo gubbaa jiran xayyaaraan barbadeessan. Haala kanaan, reeffa xiqqaa fii guddaa, dhalaa fii dhiiraa lafa guutan. Ajjeechaa malees, akkuma Minilikitti, dubartoota irraa harma mummuran. Dhiira washalaa irraa qoocanii afaan kakkayan.

Gara-jabinni jaraa, kan guyyaa sanii, haala hedduun galmaawe. Iddoo takkatti, innaawaa baayyina ajjeechaa, Koloneelli boolla qotee warra gatame biyyee irratti daboolsisu, hujii saffisiisuu dhaba isaa tiif, Itti Gaafatamaa warra ummata ajjeesaa jiruu tiin qeeqame. Yaroo Itti Gaafatamaan ajjeechaa, telegraamaan, “maaf reeffa daftanii awwaaluu dhabdan” je’uun, Koloneeltichi, “isin tu hamma awwaaluu dandeenyu caalaa ajjeechaa saffisaa jira,” je’een, ja’an. Galmeen seenaa qabsoo bilisummaa Algeeriyaa, lammii gaafas waraanaa fii nafxanyoota Faransaayii tiin galaafataman 45,000-tti shalaga.

Duuba, waraanni isaa guyyaa tokkotti dila namaa kana fixullee, Faransaayiin, fidhii bilisummaa onnee ummata Algeeriyaa keessaa baasuu hin dandeenye. Inumaa tuu, haalli gaafasii, wal’aansoo ummata Algeeriyaa keessatti jijjiirama guddaa fide. Sab-boononni Algeeriyaa, gaafas irraa kaasanii, qabsoo karaa nagayaa tiin godhaa jiraniin bu’aa barbaadan akka hin arkamsiifne hubatan. Hubannoota kanarraa ka’uun, bilisummaa isaanii qawween falmachuuf fuula gama qabsoo hidhannootti deebsan. Sab-boononni qabsaawotatti jijjiiramanii naannoo maraa waraana Faransaayitti xiyyitii roobsuu jalqaban. Garuu, dhukaasni kara-karaan diinatti haran qindoomina dhabarraa, waraana Faransaayii injifatanii, qabsoo bilisummaa if dura oofuu dadhaban. Haalli kuni, Sadaasa 01, bara 1954 qabsaawota hamma tokko walitti fide. Qabsaawonni walitti dhufan kuni, qabsoo faffacaatuu murna-muranaan diinarratti xiyyeeffatte waalteessuuf walii-galtee godhaniin, dhaaba, جبهة التحرير الوطني, Jabhet Al-Taḥriir Al-Waṭan, afaan Faransayitti, Front de Libération Nationale (FLN) kan hiikkaan isaa “Adda Bilisummaa Lammii”‎ ja’amuun as bahan. Isumaa waliin, guyyuma kana, goblaa waraanaa kan جيش التحرير الوطني الجزائري, Jeesh Al-Taḥriir Al-Waṭan Al jezaair, Afaan Faransaatti, Armée de Libération Nationale (ALN), Qeeyroo Bilismmaa Lammii Algeeriyaa ja’amtu bu’ureessan.

Dhaabni armaa olitti gurmeeyfame, sirna gabrummaa Faransaayii hiddaan buqqisuuf, karaa maraan, waraanaa fii bulchiinsa diinaarratti xiyyeeffate. Ji’uma Sadaasaa tan itti abuurame keessa, waraana Faransaa kan Gaara Aurees, kan Baha Algeeriyaatti arkamu gubbaa qubatanitti tarkaanfii fudhateen, hamilee qabsaawotaa malees kan lammii biyyaa ol kaase. Haallan akkanaa tiin, dhaabni, yaroo gabaabdutti, magaalota fii baadiyyoota keessatti onnee ummataa dhunfatee, deeggarsaan badhaadhutti seene. Bara 1956-tti, humnoota xixiqqoo naannoo fii maqaa adda addaa tiin bulchiinsa diinaa dura dhaabbatan mara hawade. Haala kanaan, irree diddaa gabrummaa hunda agoobra tokko jalatti haqaaree, tooftaa riphee loltuu tiin, waraana diinaa bakka jiranitti itti bobbahee dhaabaa-dhaabbata waakkachutti seene.

Qabsoo bilisummaa ummata Algeeriyaa injifatee, harqoota gabrummaa isaa jalatti jiraachisuuf, Faransaayiin waan hin godhin hin qabu. Lakkuma lolli rephee loltuu fii fincilli ummataa itti cimaa dhufuun, akkuma Wayyaaneen godhaa jirtutti, loltoota ciccimoo qabu gama Algeriyaa duulchisutti seene. Biyya xiqqoo, baayyina ummataa hedduu hin qabne keessatti, loltoota miya waraana ammayyaa hidhatan 400,000-n gaye. Taankotaa fii markaboota lolaa malees, xayyaarota ittisaaf qabu keeysaa harka sadihirraa lama itti bobbaase.

Akkuma Wayyaaneen godhaa jirtutti, Faransaayii niis, aangorra jiraachuuf, ummata biyyaa keessaa garii ifitti maxxanse, gariis waraanaa fii qaruutee godhate. San malees, lammii haala adda-addaa tiin waliin dhawuuf ijibbaata guddaa godhe. Tooftaa faallaa riphee-loltummaa tiin qabsaawota bilisummaa dura dhaabbachuuf qormaata isii adeemsisuurratti horii guddaa dhangalaase. Timjii biyyaa tan gama baharaa markaboota lolaa tiin danqare. Tan gama Morokoo fii Tuunisiyaa korreentiin ajjeere. Qabsaawota bilisummaa deeggarsaa fii bu’ura hanqisuuf, gandoota baadiyaa kuma saddeetii ol dhabamsiise. Akkuma takka-shanii Wayyaaneetti, basaasummaa xaxama ajaa’ibaa tiin caasameen hawaasa keessa hulluuqe. Kana hunda godhee, fincila ummataa fii dhukaasa Qeeyroo Bilismmaa Lammii Algeeriyaa ifirraa qophuu dadhabe. Gama biraatiin, qabsaawonni gufuu biyya keessatti duratti tarrise hunda irra aananii, Algeeriyota haala adda-addaa tiin Faransaayitti godaanan gurmeeysutti tarkaanfatan. Maadheeleen biyya Faransaayii keeysatti dhooystti jaaraman, yaroo gabaabduu keessatti, Algeeriyota bira dabranii Faransaawota dabalachuu jalqaban. Ummanni Faransaayii, miidhaa mootummaan isaanii ummata Algeeriyaarratti hojjachaa jiru lakka hubachaa dhufaniin, qabsoo bilisummaa Algeeriyaa deeggaruu bira kutanii, tin’isa barbaadduun itti dirmachutti seenan.

Bara 1960-tti, qabsoon bilisummaa Algeeriyaa haalaan finiinte. Qeeyroon Algeeriyaa lammii mara fudhattee, iddoo hundatti, waraana Farasaayii qubsuma waakkachutti seente. Gama ummataa tii niis, hiriirri diddaa gabrummaa tiif godhamu magaalota biyyaa hunda wal’gayee, kan Faransaatti balaqe. Haala kanaan, lammiin Algeeriyaa kanneen magaalaa guddittii biyya Faransaa, Paaris, keeysa qubatan, sirna gabrummaa fii gadadoo Faransaayiin ummata isaanii irraan gayaa jirurratti mormii qaban agarsiisuuf, Onkololeessa 17, bara 1961, hiriira nagayaa qopheessan. Hiriirri kan yaamame, yaroo waraanni Faransaayii kan Algeeriyaa keeysa jiru, riphee loltu Qeeyroo Bilismmaa Lammii Algeeriyaa waliin, caasoo cimtuu du’aa-jiruu keeysa ture. Hiriirri kuni, akkuma kan gaafa Setiifitti, guyyaa raajii fii kan seenaa tahe. Gaafana, Nagaya Eeyduun Faransaayii, haala waraanni isaanii Algeeriyaa keessatti mudachaa jirurraa dallansuu qaban, warra hiriira nagaayaa bahanitti tiilleeysan. Akka Algeeriyaatti biyya oduu dhooysuu hin dandeenye keessatti, wanni warra hiriira bahan irratti hojjatan, adunyaa mara keessatti daawwatamee, isaan saaxileeyse.

Nagaya Eeyduun biyyaa, akkuma waaheloota Algeeriyaa keessatti sirna gabrummaa tiiysaa jiranitti, magaalaa Paariis keessattiis, ummata nagayaan dhadannoo bilisummaa Algeeriyaa barruu fii afaaniin dhadheessaa deemanitti dhukaasa bananiin, reeffa namaa karaa hiriirri itti bahamerra raphan. Ummata, miilaa fii harka huddu-duubatti hidhanii laga guddaa walakkaa magaalaa qaxxaamurutti haran. Reeyfi namaa akka baalaatti, bishaan gubbaa balali’e. Yaroo Nagaya Eeyduu haala armaa oliitti xiyyitii fii haadaan lubbuu nama galaafatan, foolisoonni biyyaa uleen cafaqaa, nama 7,500-ii ol mana hidhaatti takhasan. Guyyaan kuni, seenaa wal’aansoo bilisummaa ummata Algeeriyaa kan biyya Faransaayii keessatti, guyyaa “Bloody Repression”-tti moggaafame.

Gabaabinatti, Algeeriyaa gadhiisuu dhabaaf tarkaanfiin Faransaayiin fudhate, ummata 2,500,000 qe’eerraa buqqise. Nama 1,000,000-a ol baqachiise. Daa’ima 300,000-ii hiyyeesse. Gaaga’ama kana hunda godhee, Faransaayiin, fedhii fii murannoo ummanni bilisummaaf qaban, onnee keessaa baasee Algeeriyaa nagayaan bulchuu dadhabe. Firraa, waraana saa nagayaan achii baasuuf qabsaawotatti iyyate. Iyya saniin, Ebla bara 1962-a, Jabhet Al-Taḥriir Al-Waṭan waliin, wal-tahiinsa, “walii-galtee Evian” ja’amu mallatteesse. Akkasiin, ummanni Algeeriyaa, qabsoo hadhooytuu bara saddeetiif walitti dhaabbatte, tan lubbuu qabsaawota, sab-boonotaa fii lammii biyyaa keessaa 1,500,000 wareeydeen, bulchiinsa gabrummaa tan bara 1830 humnaan itti dhufte, waggaa 132 booda, akkuma itti dhuftetti, irreen buqqisanii, Adooleessa 05, bara 1962, bilisummaa isaanii labsatan.

Ummanni guutuu Oromiyaa sirna gabrummaa jalatti eega kufe, Lola Calanqoorraa hamma si’anaatti, bara 128-ti. Sirni gabrummaa kuni dhaloota lakkaawatullee, seenaa bulchiinsa gabrummaa keessatti, dheerinaan kan boqonnaa duraatti himamuu miti. Akka ummata Algeeriyaa tahuullee baatu, ummanni Oromiyaa tiis, gabrummaa jalaa bahuuf qabsaawuurraa takkaa hara hin fudhanne. Fincilli diddaa gabrummaa kan amma godhamaa jiruu, abdii bilisummaa yoomuu caalaa kaleessee jira. Galaafata angorra turuuf Wayyaaneen ummatarraan gayaa jirtuun baaraguu fii, sossobaa isii tiin gowwoomuun hafee, fincilli yo itti fufe, guyyaan bilisummaa ummata Oromiyaa fagoo miti.

Oromiyaan ni bilisoomti!

Abbaa Urjii

abbaaurjii@gmail.com

 

Hub: Seenaan armaa olii, kitaaba kiyya, itti fufa RAAMMISOO, (ASOOSAMA SEENAA) kan dhiheenyatti maxxanfamee bahuuf jiraatu keessaa dubbuuyfamee, haala Oromiyaa kan ammaa tiif gulaalame.  

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *