#Amajjii 11,2016
========
Godinaa Wallagga Lixaa anaa Jaarsoottii qondaaltonnii OPDO wal shakkii cimaa keessaa seenuun walgahii galgalaa taa’uun kaabinoonni hundi bilbila harkaa isaanii harkaa sassaabamuun walgahicha akka seenan taasifame. Walgahicha kan gaggeessuu poolisoota Federaalaa naannoo biroo irraa dhufan yeroo ta’u kaabinoonni OPDO walgahicha seenan hundi bilbila harkaa isaanii harkaa fuudhamee akkasumas sakatta’amee ta’uun beekamee jira.
Walaghiin kun kan ta’aa jiru Aanaa Jaarsoo magaalaa Jaarsoo waajira bulchiinsaa keessatti.