Oduu Haaraya

QINDEESSAA MUZIIQAA; ‪IBRAAHIM_SAID‬ MOOTUMMAA WAYYAANEETIIN RAKKOO IRRA JIRA:

 

‪#‎Oromoprotests‬, Amajjii, 2016

(‘Share’ godhuun dabarsuun deeggarsa oromummaati)

Maqaan isaa Ibraahim Sa’iid jedhama. Qindeessaa muziiqaati. Namni oromoo tahe baayyeen kan hin beekne waan jiru natti hin fakkaatu. Ibraahim Oromiyaa Bahaa, Asaboot ganda Daalachaa jedhamutti kan dhalate yoo tahu, umrii ijoollummaatti qaroo ijaa dhabe. Sababa kanatiin wal’aansa ija isaa yaaluuf abbaan isaa gara Finfinnee fide. Haatahuu malee ijji isaa wal’aansaaf tan hin danda’amne tahuu eega mirkaneeffamee booda carraa barnootaa mana barnoota qaro dhabeeyyii Sabbataatti barachuu argate. Barnooticha isaa eega xumure booda ogummaa barsiisummaatiin mindeeffamee ramadame.

Mana barnoota Sabbataa keessa ijoolleen baratan marti qaro dhabeeyyii waan tahaniif gara deemaniis waan hin qabneef, manni baruumsichaa kutaa meeshaa muziiqaa guutuu qabutti yeroo boqannaa isaanii akka dabarsan taasifamaa turan. Yeroo kana Ibrooniis fedhii meeshaa muziiqaa taphachuu kessatti uumame. Fedhii keessa isaatiis shaakalaan gabbifachuuf yeroo boqonnaa isaa kutaa meeshaa muziiqaa kanatti dabarsaa ture. Barsiisaa tahee yeroo ramadamu hojii barsiisummaa caalaa fedhiin muziiqaa waan keessa isaatti dagaagaa dhufeef, hojii barsiisummaa dhiisee Universitii Finfinneetti, mana baruumsa muziiqaa Yaared seenee ogummaa isaa fooyyeessuun qindeessaa muziiqaa cimaa tahe.

Ibroon orgaana qofa osoon taane meeshaa muziiqaa aadaa kan akka ululloo, kiraariifi maasinqoo akkasumaas gitaarii fi kkf dandeetti taphachuu kan qabuufi ganna saddeen dabreef istuudiyoo muziiqaa ‘Sabaanboon digital istuudiyoo’ jedhamtu banatee Finfinnee keessatti hojii muziiqaa qindeessuu hojjachaa ture. Ibraahim Sa’iid akkuma maqaa istuudiyoo isaa sabaanboonaa dhugaa, qeerroo oromoo biyya keessaati.

Qindeessitoota muziiqaa oromoo yeroo ammaa ni qabna jannee dhaadannuun keessaa Ibroon nama hangafaa yoo tahu, welliftoota yeroo ammaa akka galaana lagaatti dhangala’aa jiraniis tahee welliftoota lafa buleeyyiif muziiqaalee mi’aan isaa gurraaf hin quufamne hojjataa turuun ni beekkama. Bara 2014 irraa jalqabee sirboota warraaqsaa welliftoonni keenya biyya keessaa dhangalaasaa turan baayyee waan hojjateef akeekkachiifni wayyaaneen itti laatamaa ture.

Muziiqaan onnachiiftuu, kakaaftuu, mirqaansituu, jeeynoomsituu qofa osoo hin taane walaloo dhaamsaafi ergaa gaarii qabaniin yadaloon itti hojjatamee aadaa, seenaafi afaan guddisuu madditti qabsoof irree taatee warraaqsi akka finiinu taasisuu keessatti gahee bakka bu’ummaa hin qabne gumaachiti. Kanaaf, Ibraahim Sa’iid qabsoo baroota dabran kanaas tahee baranaas oromiyaa keessatti finiinaa jiru tana keessatti gummachi isaa guddaa akka tahe beekkamaadha.

Haaluma kanaan sirboota warraaqsaafi diddaa master pilaanii waliin wal qabatu akkasumaas sirboota dhumaatii shiraa mootummaan kun nurratti raawwachaa jiru kan balaaleeffatu baayyeetti muziiqaa dhama qabeessa qindeessee gurra hawaasa oromootiin gahaa ture. Sababuma kanaan ji’a dabre Mudde, 2015 keessa waan sirboota qeerroon biyya keessaa jeekkaraa jirtu qindeesse qofaaf istuudiyoo isaa kan itti hojjachaa ture mootummaa wayyaaneetiin jalaa cufamee, meeshaan ittiin hojjatuus irraa saamamee hojii malee harka duwwaa hafee jira

Kana qofaa miti. Akkuma ilmaan oromoo baayyeetti mana hidhaa wayyaaneettiis darbamee, miidhaafi darara ulee isaaniis dhamdhamee akeekkachiisa cimaafi sodaachisa hamaa waliin gad lakkisan. Ibroon nama quuqamni oromummaa gad fageenyaan itti dhaga’amuufi afaan, aadaafi seenaa oromoo guddisuuf akkasuma muziiqaa oromoo sadarkaa muziiqaan addunyaa irra jiruun qixxeessuuf if kennee hojjatuu dha. Warraaqsa qabsoo oromootiifiis, Ibroon waan danda’u mara gumaachuuf if duuba hin janneedha.

Ibroon, yeroo baayyee welliftoota oromootiif muziiqaa kafaltii xiqqaafi gatii salphaan, warra rakkataniifi qarshii harkaan qabneefiis bilisaan waan qindeessuuf akkasumaas, gatiin muziiqaa keenyaa baayyee xiqqaa waan taheef galiin inni argatu kiraa manaa, gibira mootummaafi baasii jireenya maatii isaa bira dabree gaafa rakkinaatiif ol kuufachuu hin gahuuf ture.

Keessattuu sirboota qeerroofi warraaqsaa ji’oota lamaa sadeen dabre keessa bookkifamaa ture hedduu isaa bilisaan qindeessaa waan tureef, san daran hanguma duraan wahi taatee xiqqaatullee carraaqqatee maatii isaa bulchuu yeroo ammaan tanaa istuudiyoo isaa irratti cufanii, meeshaa ittiin hojjatuus waan irraa saamaniif, akkasuma dhooysaan akka hin hojjannellee waan akeekkachiifameef maatiin Ibroo rakkoo irra jiraachuu daggeenyee jirra.

Akkuma beekkamu Ibroon qaroo dhablee waan taheef hojii biraa hojjachuu kan hin dandeenye tahuu daran mootummaan kuniis bahaa gala itti hadheeysaa jira. Kanaaf, ilmaan oromoo addunyaarra jirtaniifi quuqamummaan sabaa itti dhagayamu ogeessa muziiqaa sabboonaafi jaalatamaa yeroo ammaa rakkoo addaarra jiru kana haala danda’amuun deeggaruufi rakkoorraa baraaruuf waan dandeessaniin akka cinaa dhaabbattan kabajaa oromummaatiin isin gaafanna. Keessattuu welliftoonni, artistoonni oromoo Ibroo kallattiin beektaniis tahee kan hin beeknees, keessattuu warri biyya alaa jirtan kan dirmachuuf dandeessan bira dhabadhaa. Ibroo deeggaruu jechuun aartii oromoo gargaruun kufaatii irraa eewaluu jechuudha. Deeggarsa nuuf gootan maraaf dursinee isin galatoomfachaa, barruu kana ‘share’ godhuun oromoota mara biraan gahaa.

Warri kallattii akkaawuntii Baankiin Ibroo gargaaruu barbaaddan;

Lakkoofsa akkawuntii (acc. No.):
01901966/2267 Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa (Oromia cooperative Bank)
Maqaan akkaawuntichaa: Ibrahim Seid

Ibraahim Sa’iid qunnamuuf facebookni isaIbrahim Saididd

Lakkoofsa isaa kan barbaaddan ammoo keessaan na dubbisuu dandeessan.

=GALATOOMAA=

#Saphaloo_KadiiAbdulbasit Kedirirt
Amajjii, 2016
#Oromoprotests

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

YAADANNOO AMNA QEEYROO GANAMAA BARA SHANTAMMAFFAA

Haalli ummata Oromoo kan arra bahaa-dhihaa fii kaabaa-kibba Oromiyaa keessatti xiqqaa fii guddaa – dhiiraa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *