Oduu Haaraya

Qabeenyi garee Shanee ABO kan “madda Galii Addaa” jedhamuun beekamu kan kutaa SKANDINIVIA Saamame.

Qabeenyi garee Shanee ABO kan “madda Galii Addaa”  jedhamuun beekamu kan kutaa SKANDINIVIA Saamame.

Akkuma yaadatamutti bara 2004 kessa yeroo warri ABO hogganaa turan aangoo irratti waljijjiiran Qabeenyaafii waraanaas addaan qoddachuun gamni tokko waraana bilisummaaf bahee gama biyyaa akka galan yeroo godhu  ummanni Oromoo kan lubbu jijjirraa hinqabneefi hidhaa cafaqamuufii biyyarraa ari’amu qabeenyaas itti dhabaa ture. WBO qawwee irkiftu yeroo arkan bakka jiran hundaa gaddaan liqinfameeti ture.

Gareen aangoo fudhatte waraana hanga tokko fudhaatee caasaafii sagantaa siyaasaa haarayatti diriirfachuu jalqabde.Ummanni Oromoo fedhiifii hamuuna qabsoof qaburraa kan ka’een waan deemaa jiru hubachuu hindandeenye yeroof. Garuu duraandursee biyya kessaafii alattiis namoota garee aangoo fudhatteef amanamoo tahan filachuufii bakka namoonni amanamoon hinjirretti nama isaanii miseensa gochuu irratti xiyyeeffatan yeroo tana namoota gosa warra aangoo fudhatteetiifii ganda tokko tahaniif lotoorin baateeti turte. Kan takka ABOti miseensomu hin’yaadin carraa kanatti fayyadamuun gara aangootti sissiquu jalqabe.

Warreen sadarkaa duraatti halduree barbaadamu tan gandummaafii gosummaasan guutan kessa Qondalli ABO kan kutaa SKANDINIVIA akkan beekkamnetti hogganan isa tokko, inni kun maqaa koree “madda galii addaa” ABO kan kutaa SKANDINIVIA ja’ameeti aangoo badhaafame,  angoo qofa osoo hintaane horiinis itti dabalameefiiti jira sababaa dhaabni madda galii kan addaan hincinne qaabaachu qaba jedhauutiin kun yeroo godhamu HAYYU duree malee namni toohatu tookolleen hinjiru wanti horiin ykn maalaqni itti dabalameef akka( taxi) bitanii hojjachiisanii horii irra arkamu dhaabaaf godhamu jedhaniiti ture. Hatahuu  hujiin tun hanga bara 2013tti bara keesa yoroo tokko qondaalli kun gama Asmaraa deemaati ture jedhama. Hata’uu malee dhuma bara 2013 irraa jalqabee haga arraatti wanti odeefamaa jiruu horiin dhaabaa kan Qondaala kana biratti kuufamee jiru qabamuu isaa nuuf gabaasaati jiru.

Warri itti dhiheenyaan keessa beekan sababaan horiin kun qabameef Qondaalli kun akka waan qabsoof deemuu fakkeeysuun Haadha manaa isaa sobee barabaraan gama Asmaraa deemee sagaggaalumman ilmaan akka horaa  jiru yeeroo hubatteetii gama Mootummaa iyyattee qabeenya waliin qaban hunda akka tohannaa mootummaa jala ooluuf gooteeti jirti .Mootummaaniis akkuma iyyannaan isaan gaheen  horiin baanki keessa jiru’ manafii Taxileen hundi akka hinsossoone godheeti jira haatahuu malee horiin dhaaba hangam takka akka tahee namni sirritti beeku hinjiruu waan duraanu nama horii kana toohatu hinqabneef. Garuu horiin kun akka himamutti gara Dolari kuma saddettamati (80’000) jedhama. Kana qofaami Qondaalli kun gama Asmaraa yeeroo deemu hunda osoo WBOn beela’ee dheebotaa jiru isaafii Qondaalonni hagaa fira/ganda isaa ta’an kan achi jiran hundii Hotela irra nannayuun akka bashannanaa turan ragaaleen achiirra argaman ni ibsu. Haatayuutii yoo barbaachisaa ta’ee ragaalee kanafii waan oduu horii kanaa dabaree itti aantutti qabannee isiiniif dhihaanna.

Miseensoota ABO SKANDINIVIA.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

28 comments

  1. dubbiin kun dhugaadha obboo ayyaana goobanaa maqa ABO horii walitti funaannate sababa haadha manatin wal dhabeen horii bank keesa jiru kan maddaa galii jadhamu sassabature akka saamammee ragaan bayee asuma magaala gudditti stokolm keesa ragaa qabataman ummata oromoti kun ajiiba ABO maqaa gandda tokko malee hin sokeysiitu kanumaa ajiiba itti jabadha gurra ummatta keenya nuuf buusa

  2. Waan hin fakkaanne.

    Dhaabni tokko biyya namaa kessatti seeraan sossoohuuf dura galmaawuu qaba. Galeen isaatis akkasumatti galmaawa. Maddi ifii baasiin (income statment, financial statement) galee sanaatis mootummatti galmaawa. Wanni namni tokko maqaa isaatin baankiitti kuusu tokko horii dhaabaa hin ja’amu. $80,000 wahuma namni tokko kuusachuu danda’u tokko malee waan guddisanii horii dhaabaa ja’anii odessanii miti. Maqaa wal balleessu kana irraa if qusadhaa dhiiroo.

    • Albaasuu dhugaa jette gltm. Namoonni keenya maqaa walxureessuuf fiiga. Yoo ta’es wal saaxiluun kun maaliif barbaachsa. kun icitii dhaaba ofii erga ta’e odeessuun maal fayyada. Amma yaroon isaa kan walsaxiluu miti. Yaroon isaa kan dinni oromoo karaa garaa garaa ummata oromoo dararaa, ajjeesaa, hidhaa, saamaa fi qeyee irraa buqqisaa jirtu dha. Wal facaasuuf karaa mijeessuun kun kanaan duras nu hinfayyadne fuldurattis nu hinfayyadu, dhumaatii fi gabrummaa ummata oromoo daran jabeessa malee. OROMO yoomuma wal kabajna laataa? Yoomuma icitii walii dhoksuu baranna laataa? Walsaaxiluu irraa yoom of qusanna laataa? Gandaan fi amantiin walhiruun kun yoom nurraa dhaabbata laataa? Yoo ta’es har’a gad baastanii himuu irra maaliif durumaan kun akka hintaane duukaa bu’uu dhiiftan. Erga ta’ee boodde kan iyyitan. Yeroo hunduma reactive maaliif taatu, proactive maaf hintaatan. Kun waan ofii keessanii nyaachuu dhabuu irraan kan ka’e warra kaan saaxiluuf yaaltan isin fakkeesa malee furmaata hinta’u. Duukaa turtanii har’a saaxiluun maal jedhame. Ummatni oromoo kana bira darbee jira. Kana booda hingowwoomu beekaa. Badus tolus hundikeessanuu tokkumaati nura cal jedhaa.

  3. US yaa ilma haadha sale. Abbaa garaa hojii goftoliin tee si ergete dalagi Kana ati amma haasoytu. Yeroon isaa dabree jira
    ABO dhiisii OFCO dr Mararaa isaanu ni gargarra

  4. gaadisa lammii
    YAA OROMO kunoo ilaalaa warri nam qabsoof dalaga hamilee buusanii ofiif gochaa farrommaa geggeessuf deeman waan kijibaa hin fakkaanne nama sabboonaa oromoof dhiigu irratti olola hin tanofaa jiru.
    WArreen akkas godhan warra opdo keessa turee fi warra dhaaba kana keessa bahanii leencoo jala hirirantu kana odeessaajira issan kanas eenyu faa akka ta’an ni beekna. Kanaaf ololaniif qabsoo irra wanni nama deebisu hin jiru beekaa kana .
    Gama biraan dubbiin kun akka gama mootumma swedn ga’ee ija seeraan ilaalamuuf irratti dalagne halkaniif guyya . isa booda eenyu akka dhugaa qabuu fi ololu ummata oromoo walii galaaf ibsuuf deemna oromoo marti kana quba qabaadhaa. Dura bilisummaa com seeraan akka gaafatmu mamii tokko hi qabu san booda ololtuu waliin ishee adda baha.
    OLOLTUUN NI DHABAMTI QABSAAWAAN NI IN IJIFATA..

    • Wannii kun diraamaa wayyaaneen galgalaa fi guyyaa qabssaawota Oromorrati hojjettuu woliin wolifakkata. Hamattuun titiisauma haa badduu itti dhiisuudha jedha Oromoon yero maymaaku.

      Boonaa Oromoo

  5. Magan dhugaa jiru dhooysuuf takka opdo takka minxirqoo jedhuu dhiisaa. Oromoon kana irraa guddatee jira. Dhugaan dhugaan dhugaadha sobni soba haa jennu

    • Ati Waa Oromoo miti saree fincaan Habashaati . namni Oromoon yeroo kanatti waan akkanaa kana hin Odeessuu

      • Yaa ka sobaa fii dhugaa adda hin beekne, balla namni qabee kara barbaadetti oofu, lafa tam bilisoomsaa jirta, Asmarraa teessee sharmuuxa tigreerraa horuun qabsoodha?

  6. abet soobaa
    ABOn – $80 000 dhiissati 80 000 kr hinqabuu marumatii hinsoobinaa
    soobduwan
    kaftooch biyee nyadhaa
    bagaa nyateeeeeeeeeeeeeeeeeeeeeeeeeeeeeee

  7. Nama wasakha akkanaa kana kijiba yeroon itti dabre of irraa dhiisi . amma lenco Kamaal Dawid yeroon itti jennu hin jiru , namni Oromoof yaadu Ilmaan natxanyaa Oromo iarratti deebi,uuf dhama,aa yroo jiranitti i TPLF Ummata keenya lafa irraa buqqisaa kana maqaa ABOn Yakkee mana hidhaatti fixaa yeroo jirutti kana haasayuun kee ati Doofaa ilma doofaa akka ati taate nama garsiisa najisa namaa

  8. Waywaanni du’a naman oolchu jetti oromoon waywaata dhiisa dhugaan haabaatu bakkajirtu!!baala walirrati cabsuun aadaa teeysani tana beeyne balaa tana hundaahu wanni fide tana .guuza waliif oolujecha maqaa lakkoysanqabne namaaf mogggaftan isin maali? Eenyu isan hoo?

  9. jaallan hin morminna obboo ayyaan goobana akkuma bekkamutti samara wagga irra hotela ammabbasadari deemi gara asmaraa dubartti warraa erttira irraa diqala horattee akkasuma horii jaarma ABO itti bashannane oso WBO beela keessa jiru osoo kinina dhabaaf dhukubasa jiru asuma magaala stokohom keesa hawaasa oroo diigufi fafacasu irratti qinddefatte waa bayee oromo irratti hojacha ture kana dagattan ammas nama kana baala irrrati cabsuun ajiiba yoomo dhugaa hinjalattan sababan waldhabbi haadha mana issa tif issa giddu dhufeen bekkamadha sababa sagaggalumaa gara ASMARA deeme hojattetti dubartti warra ertira aadde saara tan jadhamittu maqan ishe irra ilmme toko argate jira kanaaf haati mana faranjjittin warra lammi fillanddi tan haadha ijolle issa wagga dhera walin turan addan bahudhan horii bankki keesa jiru kan birkki madda galii saamudhan akkasuma konkolataa fi mana issasi amma bellama irra akka jiru gara fuula duraatitti ni arggina kanumaa warrii kanafii facciisa jirttan ofitti kijibbu dhiisa dubbichi dhugaadha 100/%

  10. yaa ummaata oromo dubbin kun dhugaadhaa anu niin hubadha sababaan miseensumma keesaa itti nabaaseef obbo ayyaanan waan kana itti kasse jannan naa reebee kun ajiibaa hanggaa yoomitti kiishaa ummaa oromoo ittin bashannani mee hawasiin keenyaa laala

  11. Dhugumaa namini ayyaan jadhamu kuni keesattu hawaasa oromoo addan fooye jira tokko oromo kutaa hararggee ijan arggaa hinjaalatu kara biraatin qabssoo ABO maal akka fakkatu hin beeku akkanuma fiiga malee ammas mee laala dhalaa oromo kutaa bira kanneeni amma issaniwalin jiran mee nama tokko fida kan ittigafatama qaban garu maqa ganddatin of ijarudhan sagagaalumma dhaaba keesatti daldala jiraa kanaf ummanni oromo kanaan booda arggaa keesatti ilmman hararggee kanneen issan jala fiiga jirttan kan akka obboo IBSAA ZAKKO yokaan ibsaa caffee jarri kuni boolla siibusif deeman of eegadhu obbaleesa koo ayyanan bandda wajjin nyaate ture EAP akka taheeti hinbeeyttu gowwaa nama kana siifdhama akka nama keetitti kanumaa

  12. Warri ODF ammas kana jalqabe. Callaa Oborraa faan garaan gubannaan waan hin jirre oofu jalqaban – magan. Mee anma Barbaraa, Asmaraa fi kana hunda dhaqee qabamee maalaqa nyaate jachuun waanuma hin fakkaanne.
    Kan hedduu nama dhibu garuu Boonsaan waan qabatamaa hin taanee fi oduu rakisha akkanaa maxxansuu isaati. Akka nama gaazexeessaa tokkotti qabatama tahuu gaafachuu akkasumas maqaa ofiin waa baasuu malee akkanumatti asirraa kaayuun sirrii miti.
    An miseensa ABO Scan. keessaa tokko. Waan akkanaa dhageenye hin beeynu. Maqa keenyaan waan hin jirree barreessun seeraan nama akka gaafachiisu beekuun irra jira. Biruma geenya, gaafas waan taatu garra.

    • Gaafa dubbiin kuni abbaa waan kana barreesen hubatamee akka nama tokkotitti dhaaba kiyyafi hoggana QBO ABO maqa balleesu fi maqa xureesu kana irratti tarkkanfiin laaleeyssan biyyu ammabba kana kan amma waan salphatti laala jirttan kanafi of qopheesa kannen olola hafarsa jirttan warra sammun dandoofittea

  13. Yaa hattoota ani. Wanni kun hund akka doba tahe min beekaa amma hararge. Jalqabdan baga bashanane. Maal fiddan doolara 80.000 enyuutu buusaa waggaa waggaan kan buufamuu 20.000 kr . kanaahuu hin gahu

  14. Dhiiroo oomoon kun yoomuma kijiba fixatte gara diina haadhaa fi obboleettii keenyatti taphattuu, abbaa fi obooleessa keenya hiitee itti roorriftutti xiyyeeffattii? Moo nuun kun ni haraamofne? Mee diinni Oromoo kun wayyaanee moo shanee dha? kan waa balleessitee gad baate hundi yeroo lafaa kaatu shanee jetti, yeroo ofiin keessa turtan isin shanee hin turree? Maallaqa 80,000 dhugumaan Oromoon biyya alaa kun qorqodduu qalbiin hiyyoometu guute eessaa baheetu maallaqne haga kanaa dhalate? please kijibaan gurra nu hin cufiinaa.
    ODF yoo tahe edda keessaa bahanii waan ABO waan isaan dubbachiise maali? kan isaanii hojjetanii oromoof as baasuu dha. Oromoon kun qabsoo illee hin beeknu, hayyuus hin qabnu, magan, warra abaarsaa.

  15. Wayyanen fule dura batee dinuma oromo fii islama garsiisti. Shanee keesa moo ummata xiqa “sargo gabii ” banda seene oromo fii islama miduu jira. Wann kana shanee keesaa Akka jiru oromo maraa bekaa. ABO kann ilman oromoti. Isin islama, afran qalo fii Arsi abartan yeron keesan dumee.

    ABO hajabatu!
    Diniin oromo ijarmayaa kenya keesaa bahaa.

  16. GUMII SABAA OROMOO

    ABO FI Miseenssii Dhaaba kana fi akkasummaa Qabsawoon qabssoo sabaa fi sabaa jaallatoni yoomiyyuu ololaaf abddii hin kutatu warrii amaloota Qabssoo hin bekinnee fi warrii rakko qabsoon qabdduu hinbeekinnee yoomiyyuu dafee abddii kutata kanaf wannin jachu barbaadee abadan tanaaf J/Aayyaan Goobanaas tahee kan biras tahee olola kanaaf harakka kennu dhiis bakkayyu hinkenninufi warrii tanaf gammaddan warraa QORII HABASHAAN guddatan harakkaa habashan fi sabaa ofii gurguratu baran keessa ammas harkka hanna baree Doolu sochaa waan taheef (akkasi nutti ammas missenssotaa koonyaa seweden fi kutaa jadhamu kana keessatti hagaa arraattii horii jaar,mayaa issaa badeefi issin herregata jirttan kana waa argu hindanddenyee mee wayyaneedhattii hirregga akkana hirregadhaa yoo fayyaa kan qabaatan tahee
    osso kan fagu faguuti kan horu horaa jadhanimi,, dhaamisa dhumaa ABO FI WBO fi miseensoon dhaaba kana walttajji qabnnaa seeraa qabanna akkanuman dhaaba kana balleesuuf diigu irrattii toofitafi tarsiimoo wayyanneen itti laate nama irrattii ololun nuuf jabiin malee laafinamittii kanumaa Qalbbii waaqumitti issin haadeebisu gabirii gabruman dhamaafittee yoo mala dhabee diinaf ergamaa kannenis ammma akksii hujii akkanaf bakka hin laannuu
    GLTM
    IUOF ABO WBO
    GSO

  17. VIVA GSO, it hiimi loowan kana

  18. Balaan ayyaana asmera seente qabsaawaa dhugaatiifii Dubbataa dhaabaa kan tahee hujii isaa irraa fonqolchitee gama mana hidhaatti oofaa jirti tanaan hoomaljettu? waan dabati.

  19. Waanti nut oromootnni booddetti hafnneef waan sobaa fi waan abbaa qabu irratti wal maraa ooluu dha .Diina keenya dhiisnee walii keenya irratti uummata sammuun dhiisee fagaaraan yaadu, gariin isaa ammoo kana keessa ergaa diinaa bakkaan gahaa jira haa tahu malee naminni kunii fi haati manaan isaa waan odeessan kana irraa adda akki itti isaan jiran . waan nama dhibu Dhaabnni yoom horii keenya nyaate jedhee himate?Kan biraan ammoo warri WBO beelahaa jiru jettan tarii gariin keessan amma nama kanaa WBO waliin quba wal hin qabdan natti fakkaata .Kanaaf iyyuu waanti isin yaaddanii gootaniif dhaabocha dadhabsiisuuf akka tahe nama sammuun yaaduuf ni galaaf jedheen yaada . Walumaa galaa ilmi oromoo tokko waan kana odeessu irra diina irratti bobbahuutu mishan jedha.

  20. kan ABO n waan hin qabuu jedhuu suunii hadhaa isaa haa saluu ilmaa fincaan waranaa wayyanetiin dhatee dofaa tortoraa