Oduu Haaraya

Qabsoon Oromoo kan milkaa’u,“Qabsaa’onni” gaafa Qabsoo Siyaasaa Eegalaniidha.

Qabsoon Oromoo kan milkaa’u,“Qabsaa’onni” gaafa Qabsoo Siyaasaa Eegalaniidha.

Biqiltuu Birbirsaa tiin

Barri kun waa hedduu nama argisiisa. Qabsaa’oota ykn hayyoota keenya
seenaan beeknu kana carraa argannee hundayyuu ijaan arginee yaada
isaanii fi seenaa isaanii akkasumas Namummaa isaanii ilaaluuf hin
milkaa’iin malee, hedduu isaanii ijaanu arginee , waliinis
jiraanneerra. Isa kaan ammoo karaa Tekinoolojii yaada keenya kana itti
laannu , ammuma isaan bira jirruutti waa hedduu isaan taajjabaa jirra.
Warri taajjabnu kun dhaloota har’aa ta’uu hin dagatiinaa .

Kana irraa kaaneeti , mata duree kana kan filanne. “Qabsoon Oromoo kan
milkaa’u, “Qabsaa’oonni” gaafa Qabsoo siyaasaa egalaniidha” jennee
yaada keenya laachuuf kan dirqamne. Qabsaa’oota yennaa jennu ,
beektootaa fi hayyoota keenya akkasumas, nama dhunfaas ta’u murna
Qabsoo kana eegalee kaasee har’allee keessa kan jiru akka makatu nu
hubadhaa. Maaliif yoo jedhame, rakkoo amma ammaatti jiruuf kan itti
gaafatamu kan adeemsa qabsoo kana keessa dabre hundaa ta’uu hubachuu
qabna. Rakkoon har’a qabsoo kana hudhee qabaa jiru, bara qabsochi
eegalamee kaasee waan furamu qabu gangalachaa asi ga’uu ta’u eenyullee
haalu hin danda’u.

Barruu kana halagaanis waan dubbisuuf akka maqaaf hundeessitoota
qabsichaa ofiin jechaa arraba dhdheerachuu hin barbaannu. Dogoggora
nama biraan kan qaaniiti jechaa , warra kalessa bara dukkanaa sana
keessa rakko meeqa waliin dabarsan har’a ilaalchaan adda ba’anii wal
arrabsanii hin taanu. Kun yoo xiqqaate dhaloota har’atti akka ce’u hin
barbaannu. Mata dureen keenya tokko kana irraa madde. Qabsaa’oonni
keenya har’alle adeemsa siyaasaa wallaalni haa ta’uu, akka wal ilaalan
irraa haa ta’uu , garuu hanqina siyaasaa ulfaataa qaban. Mee Addunyaa
kana keessaa Biyyi siyaasa Ilaalcha humna tokko irratti hundooftee
jiraattu jirtii ? Mootummaan dhaabbilee siyaasaa tokko qofaan jiraataa
jiru jiraa ?  abbaa irrummaan eessayyuu jiraatus, yoo xiqqaate faallaa
ofii kan ta’u tokko ykn lama jiraachuun hin hafu. Umaan iyyuu waan
faallaa waliininn alatti jiraachuu hin dandeessu.

Maarree qabsaa’oonni keenya kana yoo hubatanii ilaalcha adda adda
qaban walitti fidanii akkam haa taanu jedhanii mari’achuu yoom eegalu
? qabsaa’oonni keenya waggaa 40 siyaasa jiru tarkaanfachiisaa jirra
jedhan, ilaalchi siyaasaa Ummata miliyoona 40 keessaa tokko qofaa
ta’uu qaba jedhanii , hiree murteeffannaaf qabsoofne jechaa , hiree
murteffachuu saba isaanii ukkaamsuuf arreedu yoom dhaabanii carraa
Ummatichaa bal’isanii tarkaanfatu eegalu ? yoom siyaasa maatii keessaa
ba’nii qabsoo Ummata kanaa milkeessuuf seera baasaniin wal qadabanii
Qabsoo siyaasaa gaggeessuu eegalu ? Hayyoonni keenya Oromiyaa irratti
ofiin-of Bulchuu barbaanna yennaa jedhan, mee qabatamaatti of bulchuu
danda’uu isaaniif hundee kan ta’e sadarkaa dhaaba siyaasaattu yoom
mul’isan ? waggaa 40 keessatti dhaabbilee siyaasaa 10 olitti wal
qooduudhaa of bulchuun ? hawaasa Biyya keessaa miti kan alumayyuu jiru
gurmeessanii itti gargaaramuu dhabuudhaa of bulchinaan ? Qabsaa’oota
kamtu waliin jiraatu ykn Hayyoota dhimma Oromoo qorachuunn malee
waliin dhaabbchuu fi qabsaa’uuf kan fakkeenya taa’a jiru meerre ?

Qabsaa’oonnis ta’uu hayyoonni keenya , gandummaa waggaa 100 caaluuf
nurra maggaluu dhaabu dadhabanii isaanu ittiin diigaman argaa odoo
jirru, ABOn kootii , kee mitii jedhanii wal unkuraa osoo jiranii ,
mooraa qabsoo oromoo diinni hafatee keessa ciisaa , adeemsa qabsoo isa
kam keessa jirra jennee lallabnaa ???????????Qabsaa’oonni adeemsa
siyaasaa lubbu lammiilee gumaa ba’uuf socha’u hanga hin ijaarnitti
qabsoon kun ni milkaa’a jedhanii yaaduun gawwummaadha.
Oromiyaa baafatanii jiraachuu fi Itoophiyaa keessaan jiraannaan hiree
dhala Oromoo hundaa ta’uu odoo beekamu ykn ilaalchi kun lameen
Ummaticha keessa jiraachuun odoo beekamu , maaliif karaa tokko qofaan
yoo ta’e malee jennee wal salphifna. ?

Ilmaan OROMOO hiree
murteeffannaa isaaniif qabsoofna yennaa jennu , Foxxoqsuuf qofatti
maaliif fudhanna. Yoo ummati saboota waliin jiraanna jedhewoo ? hiree
murteeffachuu jechuun gama lama ta’uu osoo beeknu , waan dubbannee
waliin fixachuu dandeenyu irratti , maaliif akka warra gawwaa wal
diigaa jiraanna ?

Qabsaa’oonni keenya , qabsaa’oota siyaasaa ta’uu qaban. Qabsoon Oromoo
addunyaa irraa adda taasise ilaalu eessaanu nu hin ga’u. Qabsoon
Oromoo adeemsa addunyaa ykn saboota nu waliin jiraatani mitii, kan
keessa isaa iyyuu ilaaluuf karaa hin eegaliin jira. Humni keessa isaa
hin jabeeffatiin eenyu waliinu hasa’uu hin danda’u. haasa’us
ummatichaaf furmaata hin fidu. Kanatu hanga har’aatti qabsoo saba
kanaa gufachiisaa jiraate. Qabsaa’oonni fi hayyoonni siyaasaa keenya
adeemsa kana hanga hin eegalinitti  , qabsoon kun ni milkaa’a jechuun
baayyee , baayyee dadhabummaadha.

Har’a Ummati wanni eegaa jiru waan araaraati . qabsaa’oonni waan
keessa jiranilllee hin hubatiin araarri kun yeroo gabaabaatti kan
xumuran taasisanii miidiyaan illee lallaban. Garuu hin taane. Kun
hundumtu rakkoon wal dhabdee qabsaa’ootaa maal akka ta’e wallaalu
irraa madda . kan booda qabsaa’ootas ta’e Hayyoota siyaasaa OROMOO
biratti warraarri ni jiraata jedhee kan yaadu yoo jiraate kan haala
jiru hin hubanne qofaadha. Kun kan ta’u ammo har’allee madda
rakkinichaa wallaalu irraati . kaleessa fakkeessuuf adeemsa qabsichaa
fi waan biro akka sababaatti dhihaachaa ture. Rakkoon hangafaa jiru
rakkoo ilaalchaati. Wal dhabdeen jiru, mata duree “Rippaabilika
Oromiyaa ijaaruu if mirgi keenya kabajabee Itoophiyaa keessaan
jiraanna ”isa jedhu. Kun ammoo diina keenya innikkaa kan ta’ee, Ummata
keenya akka baala mukaa harcaasaa jiru nu dagachiisee wal dura nu
dhaabee waan jiruuf furmaata kan argatu hin fakkaatu . kanaf araarri
kun akka hin milkoofne dubbanna.

Egaa adeemsa kana eenyutu sirreessa ? warri ni sirreessu jedhamanii
ummataan eegamanu falmii kana kan dhuunfaa isaanii taasifatanii wal
qoccolaa jiru eenyutu fala kenna ? warri dhaaba kana hundeessanis wal
hiranii jiru. Warri harkaa fuudhes wal hiree jira. Warri itti aanus
ija diimeffatee wal eegaa jira. Dhalooti itti aanus xuxuqamee jira.
Maarree eenyu irratti furama ?

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …