Oduu Haaraya

Qabsoon Oromoo maaliif galma gahuu hanqatte??

Abdulhakiim Ahmad

Qabsoon oromoo maaliif galma gahuu hanqayye kan jedhu jalatti haala qabsoo oromoo mudate hanga tokko ibsuu barbaada.
Qabsoon oromoo ganamaa dhalata gaarii fi muldhata gaarii hawaasa oromoo fi firoottan qabsoo oromoo akkasumas alagaa biratti muldhataa fi kabaja argattee turte.
Biyya olla oromiyaa hunda biratti hanga tokkoo qabsoo oromiitiif hanga tokko balbala banaa qabaachuu tuete. Ta’us garuu kufaatii hogganoota qabsoo ABO saddeettamoota keessa muudateen hariiroon biyyota olla wajjiin jiruu fi haalli keessa qabsoo oromoo kan gaddaan muudatame akkasumas deebisani of ijaaruu kan jedhu fi haalli qubsumaa tuu rakkoo ta’aa turuu isaa hubanna .
Qabsoon ABO saba oromoo gabrummaa jalaa baasuufi mirgaa fi abbaa biyyummaa isaa gonfachiisee oromiyaa irratti sabni oromoo nagayaa fi tasgabbiin bilimmaan akka jiraatu gochuuf qabso isaa golee mara keessatti qabsoo hidhannoo godheen ammas irra deebi’ee akka qabsoon oromoo galii isaa kan iraa maa’ii akka hin rukunne godhe akka duratti kyfaatii yeroo gara garaa hogganoota dhugaa qabsoo sabaa galmaan ga’uuf qabsoo godhan lubbii isaanii qaalii itti dhaban muudatee fi yeroo irraa yerotti qoqqoodamiinsa mooraa qabsoo bilisummaa oromoo keessatti muudateettu akka qabsoon oromoo akka gara fuunduraatti hin tarkaan fannee fi injifannoo qabsaa otaa galma hanqisee gara duubaachaa aatti deebise.

Gochaan fakkeessitoota qabsoo oromoo keessatti yeroo dhaaf bakka ol’aanaa qabaachaa turus adeemsa keessa madda gufuu guddaa ta’ee muldhatee jira.Qabsoo oromoon gochaa turee fi ammas gochaa jiru maaliif galma gahuu hanqate kan jedhu yeroo kamiyyuu dubbatamuu hin dhabne. Ta’us garuu qabsaa’onni rakkoo qabsoo oromoo muudatte keessaa fi alaan gara qorannoo siyaasaatii fufanis hin dhabaman.
Qabsoo oromoo keessatti warroonni akka ta’an yoo dhaban akka hin taane ta’an kan jedhan kan jedhu sunis hin dhabamu . qabsoo oromoo sadarkaa amma irra jirtu gara duugda duubaatti kan deebisuuf tattaafanis jiraachuu hin oolle .Hogganummaa keessatti gaafatama itti kenname gara aangootti jijjiiruun fidhii qabsaa’otaa qabsoo sabaa milkeessuuf nam-tokkeenis ta’ee gurmuun ykn gareen sadrkaa dhaabaattis ta’ee sadarkaa caasaaleetti godhaa turan hamilee qabsaa’onni qabsoof qaban keessatti dhahuun fedhii dhuunfaa guuttachuuf mooraa qabsoo bilisummaa oromoo fi qabsaa’ota jiddutti maddoota rakkoo ta’aa dhufuun qabsoo oromoo gara boodaatti deebisuu muldhata. Kun immo akka sabni oromoo qabsoo isaa hifatuu fi humni qabsaa’otaa laaffatuuf hubannoo malee kan godhame fakkaata. Qabsoo keessatti gochaan silaa diina nyaaphaa woyyaanee irratti dalagamuu qabu qabsaa’ota irratti dalaguun fedhii dhaabaa osoo hin taane fedhii nama tokkoo akka fedhii isaa yoo hin guuttamin maqa balleessa ykn dhaabbilee siyaasaa sana wajjiin walitti hidhata qaba ykn qabdi jechuun ykn immoo waanuma fedhiin isaa hin guuttaminiif akeeka diinaa qaba ykn qabdi jechuun weebsaayitii fi miidiyaalee
Irratti akka waan diina qabsoo keessaa qulqulleessanitti afaan guuttattanii dabarsutuu fedhii qabsaa’otaa fi hawaasa baldhas qabsoo isaa galmaan gahuu hanqise. Kana keessatti kan hubatamuu qabu amaloonni akkanaa kun amaloota akka waan faaydaa namaa ykn qabsoof qabutti iti fayyadamamuu ture.
Garuu kan ta’uu qabu kanaa miti .bu’aas hin qabu. Faaydaanis kana keessa hin jiraatu. Kan ta’uu qabu garuu faaydaa dhuunfaa jala fiiguu osoo hin taane faaydaa waloo sabaa fi egere qabsoo irratti gad dhaabbachutuu barbaachisummaa bira kutee dirqama yeroo ammaa gaafatuu dha.
Dhaabbilee siyaasaa kanneen diinaan falmaa jiran keessatti garaa garummaan siyaasaa jiraatus diina walii akka hin taane hubachuun dhimmoota waloon qabnu waliin hojjachuun irree keenya akka cimsu hubatamuu qaba.
Kutaan lammaffaan ittifufa….

Galatoomaa .

E-mail= aanoolee@gmail.com
F.book=tokkummaaoromoo@yahoo.com

Oromiyaan ni bilisoomti!!!!!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …