Oduu Haaraya

Filannoo wayyaanee jeeqamuun filannoon osoo hin geggeeffamin hafuun dhaga’amaa jira.

Godina Lixa Shawaa Gindabaratii fi Ona Guduruu keessatti
ummatni gootummaan wayyaanee of irratti hin fillu jechuu irraa filannoon sirnichi adeemsisu akka
fashale maddeen oduu naannoo sanii ni hubachiisu.Mootummaan wayyaanee humna
waraanaa ummatni hin beekne itti bobbaasuun humnaan yaasee of filchiisuuf yaalii godhus akka
hin milkaa’intu gabaafame. Addatti Ona Gindabarat keessatti namni filannoof manaa bahe akka hin jirre kan gabaasan maddeen naannoo sanii, keenya gaheen, murtoon, dirqamni qabnu fincila jechuun dargaggootni ummata waliin filannoo wayyaanee akka morman hubachiisan.

Godinaalee biroo keessaa humnaa fi shira xaxameen dhibbentaadhaan nuti dursaa jira jechuun jaleen wayyaanee OPDOn dhaadachuu eegaltuyyuu, itti bahi filmaatichaa duraanuu waan ifa jiruuf, kun waan haaraa akka hin taanes ibsameera.

Gama biraan Godina Addaa Finfinnee Sulultaa, Sabbataa naannoo Alamganaatti fincilatu ka’a sodaa jedhuun mootummaan wayyaanee Caamsaa 23,2015 halkan waraana itti guuruun ummata doorsisaa fi mirga karaa irra bilisaan socho’uu ugguraa akka jirutu gabaafame.Oduudhuma filannoo walqabatee nu dhaqqabeen Kaaba Shaggar Ona Gabra Gurraachaa keessatti ummatni wayyaanee filuu akka lagatee fi filannoo kana irraas waa tokkollee kan hin eegne ta’uu dubbachaa akka jiru ibsameera. Addatti filannoo kana ilaalchisuun ibsi ABOn tibbana baase bakkoota adda addaa keessatti facaafamuun walqabatee dargaggootnii fi ummatni hubannoota
guddaa irraa argachuun filannoo kana caaluutti akka dugda irraa galagalfatu taasifamuun
gabaafameera.Mootummaan wayyaanee tikootaa fi caasaalee achii qabuun haala ummatichi irra jiru hubachuun sodaatee waraana itti ergus, humni waraanaa haalli jiru itti toluu dhabuu irraa achirraa akka socho’e maddeen oduu naannoo sanii ni hubachiisu. Dargaggootni kan bilisummaa nuu fiduu fi mirga keenya argamsiisu filannoo wayyaanee miti;
qabsoo keenyatu bilisa nu baasa jechuun akka ejjennaa isaanii ibsatan maddeen
gabaasaniiru.Filannoon Gabra Gurraacha keessatti geggeeffameera jedhamu kan caasaan mootummaa wayyaanee filate, kan ummatni lagate ta’uun hubatameera.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …