Oduu Haaraya

Raajii Jaalalaa

Zelealem Aberra Tesfa tiin

Luucaan gaaddisashee cululuqaan gannaa
Jaalalli irraa caamee, kan gubee xooxarse ergaramni bonaa
Aggachuu dhadabee roorroo aduu banbanaa
Akka waan afanii, dirrashee isa qoore
Akka waan qaqanii qaamashee isa aare
Akka waan moogayee maddii isa shuntuure
Akka waan saamani dhandhashe isa daare
Dibbiqqoo fi waalluunshee kan irraa habarare
Miidhagaan qullaashee, qullaan durba-qarree
Dheebuu jaalalaatiin, dhabuu saa yeroo argu uffee fi qabbana
Waa faluu fi yaade. Bullukkoo isheen footeef, duumeessa ulfinaa,
Uffatee, aguuggatee; sammii limixaayee gurraacha dukkana
Mallattoo seer-murtii, goraade-adabbiin, bakakkaan baqqaanaa
Qilleensa konkonee, bubbee loggommatee, aangoo sammii koree
Qaamashee haammachuuf qaamasaa itti maree
Akka ’nni gabbatu dhandhishee inni mooge, dafee dhiiga horee
Roobee dafqisiisuuf, roobee cululuqsuuf, jaalalaan soree;
Dutaa dhedheekkamaa!
Bookkisaa guungumaa!
Guca-dukkan-saaqaa qaqaweessaa ibsee
Yeroonni achias ka’u sagaleensaa dursee,
Hunda tatamsaasee, uummata rommi’siise
Giiftii Haadha Margootti huurrii buluklkoosaa yeroonni itti huwwise.

* * *

Mukti qarree gubbaa, caakkaan muummee keessaa
Laftoo fi hoomiin, qilxuu fi birbirsa
Adda-jaboo fi harbuu, qararoo fi waddeessa
Reejjii fi eebicha ceekaa fi hadheessa,
Mukarbaa fi haanquu, botoroo fi gambeela
Bakkaniisa fi somboo gugddaan daggalaa
Hacaacee, sokorruu, eebicha fi dhumuugaa
Dhallaaduu, babaldhii, baggee fi alaltuu, biqiltuu afaan-lagaa
Bineenssi lafa’rraa uumaan bitaa fi mirggaa
Yaa’ee akka simatuu, harkatti qabatee badhaasaa fi arggaa
Iyyee iyyaa dabarsuuf takka achi luucca’a, takkas as luucca’a, takkaas achi fiiga.
Osoleen holqasheetti, canoon gara baalaa
Illeettiin dhidhimatti, hantuunni gara boollaa
Loccuun gara kaabaa, billaacha fi fuutuun gara damee jalaa
Tikseen tiksuu dhiiste, daldaltuun daldala.
Dheessee, jalaa fiigee akka qoomnii uumu
Jaalalli Guungumaa, jaalala Haadha Margoo akkanni qunnamu.

* * *

Gara cabsaa waggaaf jaalalli waldhabe
Wal arguu gammadee wal itti gaggabe
Marmee wal haammate wal itti qadaadame, akka qadaada fi qabee
Ganama jaalala, galagala jaalala, guyyaas jaalala roobe
Silaa…. “ Jiruun tole harma jige kaasaa” jaalalaan utubee
Harki ’bbaa warraashee yommuunni qaqqabe
Giiftiin ergaramte guntuttee miidhagde akka loon dorrobe.
Luucaan Haadha Margoo kan camsaan xooxarse
Yeroo xinnoo boodaa biqilee lalise
Gobbatee wal muddee, dambalali’ee mise
Gadmeessi maseene biqiltuu magarsee.
Muujjaan kosii keessaa, qunnii fi ijji buqqee
Sanyiin qomoo adda-adda, kan namni gadi gate, kan namni gadi naqe
Habaqi, hungulaalli, saaphaphu fi waan kaan kan ija miliqe
Adaa, keelloo fi tuufoo, qobboo fi bosoqqee
Morma ol baafate, cabsee biyyoo quuqee.
Obboo abbaan Guunguma, jaalala dooddeessee
Qaamaa qullaasheetiitti siddisa huwise
Maddi qaamasheeti, boqooqoon hunddinuu burqitu mirgise
Jajjabaa fi giraanxaan harawwaa miidhagse
Malkaan muummeeshee ti taliila lolaasee
Uummata ijoolleeshee badhaasa badhaase.
Biddiqqoo fi waalluushee, kan calleen faayame
Yommuutti gonfattu dirreen dirrashee tii kooree koora uume
Tulluun guntutashee, daangulaa abbaa naatoo
Guntutee mirgise akka harma daamatoo.

* * *

Cabsaa waggaa booda, yommuu hiyyoolee-daree
Yommuu jamaan gubuu damaraa damaree
Yommuu lookoo gurbaa, yommuu faaggaa durbaa, yommuu qoraa qarree
Ariisaa goromsaa fi kormi goobuu, booda yeroo b a a a a a y e e e turee
Giifitn Haati Margoo jaalala quufuushee eega hubatee bare,
Boqqolloon sandaabee algeeyyuu duddigee
Dugda boosetti ‘rratti xaafiin marguu argee
Qoccoon yeroo abba ajjeesuu ilaalee, hubatee,
Galuu dhaaf qajeelee, qilleensaa konkonee, bubbee loggommatee
Giifti Haadha Margootti utuu nagaa hindhaamin fuula achi deeffate
Sabata-Waaqayoo morma shee’rratti dhiisee akka waan irraanfate.
Dutaa dhedhekkama!
Bokkisaa guungumaa!
Yeroonni qajeelu, ilmaan ilma-namaa:
“Dhufee galuu hindhiisin
Galee dhufuu hindiisin, Waaqni jaalalasaa nurraa achi hindeebisin”
Jedhee waa mammaakee, gammachuu haasayee
Malee……… kan gala hinfakkaannee, yerosaa eeggatee galee qulqullaaye
Jaalalli Guungumaan Haadha Margoof qabuu roobee warwarraaye.
Akka hurgufateen, akka huuriin saaqe
Martuu gadi yaa’ee, iddoo itti baqatee, lafatti miliqee
Iddoo hadhaba seenee, iddoo keessa of suuqee
Tikeen gara kalootti, ta’aattii of facaasaa, corroqaa fi bacaqqee.
Uumaan lubbuu horee, hirribaa dammaqe
Sila hincaama hinseene, akka ijibbaataa yeroonni gadi naqe!

* * *

Giifti Haati Margoos, ijoollee to’achuuf hiixacha ol kaate
Aduun, suuuuuuta suutaan akka waan saalfattee
Goorroo huurri boroon morma as baafatte
Danuu qaqqaana’a fuulashee muldhiste
Qummaada ganamaa kaarruu basaq’ gootee
Harka dheeressitee Haadha Margoo haammattee
Afuuraa ho’aadhaan uumaa kaloo hundaa yommuu isheen dhungatte
Kunoo yeroo sana tulluun gama fagoo, aguuggii buufatee
Aduu harka-fuudhe, harka jarjarsuutiin marxoo marxifatee
Asii gadii deebii’ee, afaan Waaq dhungachuuf iddo itti hiixatee.
Uumaan lubbuu horee, irriba dammaqe, hinka’e inni ciise
Ol jedhee hiixate kanneen mataa buuse
Kormi nibaroode, fardi nihimimse.
Horiin dirree kaloo, bineensi daggalaa
Huursaan muummee keessaa, bubbisa bishaan lolaa
Kiphee haadho re’ee, hobobsa korbuu hoolaa
Raachi laga keessaa, fatteen dhagaa jalaa
Ta’usaa weeddise, sammiin waxalaqqe, Daches habaxalla.
Guungumaan godaanee yommuu jaalalli caame
Tulluun moggaa fagoo akka waan buqqa’ee achii as adeemee
Walali muldhate iddo itti Guungumaan Hadha Margoo qunname.
Quruphisni jabbii, garmaamsi fardooli, qirixxee raadotaa
Fandalalli gaangoo, boorraanna korommii, biddiiqni sangootaa
Mardhannaa saawwoli, mardhannaan hoolotaa
Korrisi weennii fi caraansi wadalaa, alaakni harrootaa
Boombiin maseenqoo saan, qorophisi ululleen adunyaa farfataa
Guungumaa geggeessuuf aduummoo simachuuf, waan sirban fakkaata.
Siiquu sinbirrootaa fi kolfa qamaleetiin dirreen lubbuu horee
Adunyaan gammade garaan Waaqa ifnaaniif, qilleensi huurri haree.

Dagatte Ammagawuuf

Sadaasa 11, bara 2001

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

OMN:Sirna Eebbaa fi Saaqiinsaa FIB (Amajji 26, 2020)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *