Oduu Haaraya

Sirna Gadaa Deebisuu

 

Jaallatamoo fi kabajamoo ilmaan oromo fi  firoottan keenya.  Yeroo yaada asiin gadii kana isinitti dhiheessinu gammachuu guddaan nutti dhaga’amaati. Yeroon yaada guddaa akksii uummata keenyatti dhiheesinus amma kana jedhnee amana. Yeroo waaee yaada kanaa irratti mariachaa turre waan hedduu nama gammachiisutu ta’aa ture. Tokkoffaa, Waldaan Qoannoo Oromoo yaadaa kana akka tuqaa tokkotti yaalii isaa baranaa keessatti qaba ture. Kana malees, suduuddin Oromoo tokko tokkos waaee kanaa kaasanii irratti yaada kennaa turan. Kabajamoo Dr. Gammachuu Magarsaas waaee kana TV Oromoo irratti gaafii fi deebii godhaniin hedduu jajjabina nuuf tanii turan. Yeroo amma kanas Oromoon keessaa fi alaa haadaa Oromoo keessaa isa tokkoo fi isa hedduu qululuqaa tae irreecha yeroo itti kabajachaa jiru dha. Yeroo waliin hojjennu humtuu nuuf hin dadhabamu. Barruun kun teessoo isaanii arganne hundaafuu ergamee jira. Yoo hin arganne tae dhiifama guddaa isin gaafatna. Waan kun tauu dandaeef waa lama kofa ta’a. Yookaan teessoo keessan hin arganne yookaaan unka/formii keessani isa suduuda keessani irra jirutti gargaaramuu hin dandeenye. Suduudota warra teessoo warra kaanii nuuf kuusaniif, keessumaa iyyuu Gadaa.com galateeffachuu feedhna. Abdiin keenya, waarri dhageenye, dhaabotii, meediyaa fi namoota hin dhageenye hundaatti akka walitti himnu dha. Ka’aa haa dhammaqnuu, ammuma kana haa hojjeenuu.

Galatooma.

 

Yaada Bu’uuraa Mariif Dhihaate:

 

Sirna Gadaa akka Waltajjii Tokkicha Oromoo Tokkoomsuu dandau.

 

 

 

Seensa

 

Oromoon erga humnaan lafaa fi qabeenya isaa irraa fudhatamee jalqabee mirga namummaa fi uumamaa sarbamee jiruu fi jireenyaan qaanii fi gadadoo keessatti kufee jira.  Uummatni keenya yeroo dheeraaf barnootaa fi qarooma irraa dukkanatti hidhamee akka hafuu, carraa barnoota hammayyaa irraa dhowwamee akka hafuu yeroo hedduu mootummoota Itoophiaa darbaniin gochaa suukaneessaan irratti raawwatamaa tureera. Seenaa Oromoo jarrumti uumanii, jarrumti akka fedhanitti jallisanii, xureessanii, burreessanii jiru. Oromoon akka biyya hin qabne, akka sammuu hin qabne, akka seera bulmaataa hin qabne barreessuu irra darbanii namummaa Oromoo hanga haaluutti seenaa isaan bareessan keessatti addaatee jira.

Haala suukanneessaa ijaa fi gurratti hin tollee kana keessaa bahuudhaaf ilmaan Oromoo yeroo fi bakka adda addaatti haalli migaa’aa haa taus hin tainis roorroo qe’ee issatti itti dhufe of irraatti cal-jedhee ilaalee hin beeku. Haa tau malee amma hara’a jaarraa 21ffaa kana keessattu gadadoon ilmaan Oromoo daran itti caale malee wanti irraa fooyyae hin jiru.

 Hara’a Oromoon yeroo kami iyyuu caalaa seenaa isaa kan itti barate qofa utuu hin taane seenaa fi eeynummaa isaatti kan boonu, eenyumaa isaa fi mirga isaa kan falmatu taee jira. Erga qabsoon fara wara cunqursitootaa ABOn bakka tokkootti akka qindau qodhamee as Oromoon seenaa isaa isa dhugaa barachuu irra derbee eeggachuutti jira. Aadaa isaa isa mallattoo eeynumaa isaa tae haala nama gammachiisuun simatee ittiin boonaa jira.  Kun hundinuu dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoo jiruu fi jireenya isaanii caalaa kabajaa fi ulfina uummata isaanii caalsifataniin kan argame haa tau malee ammallee mirgi keenya kun harka alagaa keessaa qulgulaaee hin bane.

Diinni Oromoo duraan cabse haras mirgi Oromoo argame kun harka isaa keessa akka jiru har’a illee uummata keenyaan kana uffadhu, kana bitadhu ittiin jechaa jira. Kana amannes dhiisnes Oromoon har’a iyyuu harka diinaa jala jira. Uummatni Oromoo sabni guddaan kun akkamittii diinaa bicuun cabe, maaliifis har’a diina jalaa bahuu dadhabe jennee yoo wal gaafatne, deebiin isaa waa tokkittii dha.-tokkummaa dhabuu.

Dur yeroo jalqabaa diinni nutti dhuftes haa tau, hara’a yeroo diinotni keenya Oromoo cabsuu fi bituu irratti walii-galan, ilmaan Oromoo diina irratti qabsaauu irratti walii- galtee hin qabnu.  Yeroo dur warri Amaaraa Oromoo cabsani warri Tigree mormii hin qabani turani. Yeroo warri Tigree har’a Oromoo akka fedhan ajjeessani, hidhani, biyyaa hariani warri Amaraa mormii tokko illee hin qabani.  Warri kun lamani akkamitti akka Oromoon qabamu irratti wal-diddaa tokko illee hin qabani. Oromoo garuu Amaraa tae Tigree loluu fi mormuu irratti walii hin gallu. Oromoo inni kaan gara diinaa goree saba isaa irratti daabbachaa ture, jiras.

Yeroo Oromoon inni tokko Itoophiyaa lolu, tokko immoo Itoophiyaaf lola. Warri diinaa uummata adduynaa biratti wanti isaan Oromoo caalaa fudhatama qobaniif Itoophiaa tiksuu irratti walii-galu. Oromoon nuti garu yeroo uummatni adduynaa nu gaafatu dhimma kana irratti walii hin gallu. Kanaafuu deggersa hawaassa adduynaa argachuun rakkoo ta’ee jira.  Utuu ilmaan Oromoo diinaa fi fira isaa walii baree yaadni adda addaa kun hin jiraatu.

 Dhugaadha ilmaan Oromoo hedduun har’a iyyuu barnoota hin qabani, seenaa fi eeynumaa isaanii sirriitti hin beekani. Warri beekan iyyuu garalacha(copy) warri diinaa bareessani malee seenaa isa dhugaa hin beekani. Kanaaf akka bishaan gabatee irraa gara qabanitti jara oofa. Wallaalumni  diinaa keeyna isa guddaa  haa tau malee iyyumnii fi rakkinis ilmaan Oromoo fidhii fi amantaa isaanii malee qabeenyaa fi mirga isaanii harka diinaa keessaa kadhachaa jiru. Haa tau malee rakkoon Oromoo inni guddaan waaee mirgaa, seenaa fi qabsoo diinaa irratti yaada tokko dhabuu dha. Yoo tokkummaan kana irratti jiraate wallaalaan beekaa ilaalee dafee barata; iyyeessii fi rakkataani abdii mirga isaa gonfachuu dihootti ilaalee ofi hin xiqqeessu, kadhaa mana warra mana isaa saamtee hindhaqu. Mirga isaa fi mirga uummata isaa waan xinnootti hin gurguru. Seenaa isaa seenaa Goobanaa hin godhu. Kana hundaaf malli jiru tokkumaa ilmaan Oromoo ti.

 

Akkamitti tokkumaa akka malee hedduu barbaachisaa tae kana argachuu dandeenya egaa? Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand yaada miseensa isaa tokkoon kae yeroo dheeraaf irratti mar’achaa turreera. Yaada kana waldaan keenya irratti irra deddeebi’ee haa mar’atamu malee yaada bilchaataa gara hojiitti deemuu kaa tauuf beektonni Oromoo waaladaalee Oromoo biyya adda addaa jiraanif jaarmiyaaleen Oromoo, yaada kana irratti qo’annaa fi marii akka geeggeesan jechaa ifa baasuuf murteessine. Yaadni kun akka amantii keenyaatti ilmaan Oromoo biyyaa keessa fi ala jiran yeroo dhihoo walitti kurfeessuuf yeroo dheeraadhaaf waliin qabuu danda’a.

Akka beekamu sirni Gadaa sirna hedduu fedhii ummataa irratti hundae, sirna hedduu diimookraatawaa tae fi kan uummata Oromoo gaaddisa tokko jalaatti walitti qabee bulchuu irra darbee diinota isaa irratti injifatnoo fi ol-aantummaa gonfachiifa ture dha. Yeroo adduynaan du’aa fi ajjeechaan wal-jeequ sirna kana keessatti bulchitootni Oromoo wal-diddaa tokko malee aangoo walitti dabarsaa turan. Akka beekamu bulchitota lama yookaan sadii utuu hin taane waggaa saddeetti saddeetin baroota dhibaan laakka’amiif rakkoo tokko malee nagaadhaan aangoo wali-harkaa fuudhaa turani.

 

Sirni Gadaa ilmaan Oromoo hundaa guyyaa dhalootaa kaasee hanga duanitti kan dirqama misoomsa hawaasa Oromoo kan itti kennu qofa utuu hin taanee, mirga Oromommummaa isaaniis eegeefii gulantaa gara gutantaatti kan gammachuu fi jaalalaan jiraachisaa ture dha.  Sirna kana keessatti haalli itti bulchitoota filan, haallii itti komee ilaalani, haalii itti daaiman, jaarsaa, dadhabaa fi dhukkubsataa kunuunsan har’a illee jiruu fi jiraayna uummata keenyaa keesatti ni argama. Sirni Gadaa sirna bilchaataa, tolaa fi sirna ammayaa ti.  Sirni Gadaa qabeenya ilmaan Oromoo qabnuu keessaa isa tokkoo fi isa guddicha dha. Kanaafuu ilmaan Abbaa Gadaa hundi keenya sirna Gadaatiiniif abootii keenya warra sirna Gadaa uumeetti boonuu qabna.

Akka amantii miseensota Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaanditti kan uummata keenya tokkoomsuu danda’u sirna Gadaa qofa dha. Kanaafuu sirna Gadaa akka seenaatti haasauu fi bareessuu irra darbinee haala Oromoon ittiin jiraachuu jalqabu irratti hojjechuun waa hunda caalaa ariifachiisaa dha. Waldaan keenya Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand waldaalee Oromoo biyya  adduynaa hundaa keessa jiraniif, beektota Oromoo biyyaa keessaa fi ala jiraniif, jarmiyaalee fi dhaabotii humnoota siyaasaa Oromoo hundaaf waamicha kana dhiheesina. Dhaamsi keenyas kottaa sirna Gadaa keenyaan wali- bulchinaa kan jedhu dha.

 

Akkuma hundi keessan yaaddani waamichi kana hojii irra oolchuun salphaa hin tau. Garuu waa tokko yoo yaadanne abootiin keenya jaarraa hedduun dura beekumsaa murta’aa fi haala mijuu hin taane keessatti waan uummata isaaniitiif tau uumanii hojii irra oolchaa turani. Yeroo sana yaadannu yaadin kuni yeroo keenyatti amma kana hamaa hin tau. Kana malees sirni Gadaa barbaachisaa kofa utuu hin taanee Oromoof dirqama taee jira. Sirna kana qofatu tokko nu taasisa waan taeef.

 

Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand uummata keenya keesumaa iyyuu uummata Oromoo naanoo Booranaa waarra haalaa hedduu suukanneessaa diinnii Oromoo irraatti rawwachaa ture ofi irraa qolachuun hanga hara’aatti fiixee sirna Gadaatti cichanii har’an gauu isaaniittif jaalalaa fi kabajaa isaanii qabnu isbachuu feena. Uumantin kuni harra’s sirna Gadaatiin wal-bulchuun akka dandaa’amu nutti agarasiisaa jiru waan taeef yaada kana hojii irra oolchuun hin rakkisu. Gaarummaan fi bilchinni sirna Gadaa inni tokko sirna ammayyaa sinra diimookraasii warri dhihaa waliin kan wal hin faallessine tauu isaa ti. Yoo wanti wal-darbu jiraate kan akka mirga dhala namaafaa illee akka salphaatti wal- irraa dhaaluu danda’u. Sirna keenya sirna Gadaa seenummaa irra dabarsinaa jiraataa fi dhugaa gochuun dirqama ilmaan Oromoo hundaa ti.

 

Yaadaa  Bu’uuraa

 

Akkamittii fi eessaa akka jalqabu yaadni gara garaa jiraachuu mala. Waldaadhuma keenya keessa iyyuu waan tureef, gamma keessanis jiraachuun dirqama ta’a. Issa iyyuu haa jalqabuu galiin sirna Gadaatiin waliitti dhufuu  fi tokkumma ilmaan Oromoo it. Akka yaada keenyaatti sirni Gadaa sirna tokkicha ilmaan Oromoo hundi ittiin wal-bulchaa ture waan taeef sirna kanaan yoo har’a wal-bulchine tokkummaa Oromoo gutumaan guutuutti mirkaneessuu ni dhanda’ama.

Akka jalqabaatti yaadni keenya asiin gadii kun akka kaumsaatti ilaaluun ni dagaa’ama.

 

1.   Jalqaba lammiiwwan Oromoo, waldaaleen Oromoo fi beektonni Oromoo , ilmaan Oromoo hundi sirna Gadaa akka barrutti warra  sirna Gadaa hin beekne sagantaa qabanne walbarsiifna. Kaayyoon sirna kanaa inni duraa fi guddaan Oromoo tokkumsuu, achiis biyya isaa goonfachiisuu dha.

2.   Ilmaan Oromoo biyya keessattis tae alatti akka seeraa fi heera sirna Gadaatti wal- kurfeessanii (Waldaa sirna Gadaa Oromoo uummatanii) oogantoota akka sirna kanaatti filamanii, aangoos akka sinra Gadaatti akka walitti dabarssan seeraa ka’atu.

3.   Akka itti filmaataa, bulmaataa fi daagaan aangoo isaanii seeraan murtaa’a. Seeri kun kan sirna Gadaa fi sirna diimokrasii ammayyaa walitti baqsee uumamu tau. Kuni beektotaa, maanguddootaa fi qaamota uummata Oromootiin  murtaa’a.

 

 

4.   Waldaaleen Oromoo bakka jiranii walitti dhufanii oogantoota ol-aanoo filatu.

 

Biyya alaa warri jiru akka biyya keessa jiruutti dura biyya  yookaan zoonii(county, state) irratti, achii booddee Ardii irratti( Awuroophaa, Ameriikaa, Austiraaliiyaa) irratti dumaa irratti addunyaa irratti Abbaa Gadaa isaanii filatu. Biyya keessattis yoo haalli mijate akkuma kanatti walitti fiduun ni yaalama.

5.   Abbaan Gadaa fi warri isaa/ishee waliin filaman oogantoota Oromoo (Leaders of Oromo Gadaa Community, effectively Government of Oromia) tau. Waan uummatani filamaniif aangoo ga’aa qabu. Kanaafuu yeroo booddee uummata Oromoo alaa fi biyyaa walitti fiduun tokkumaa Oromoo cimsu. Rakkoo Oromoo irra gau adunyaattii beeksisu. Oromoon mirga isaa kaee akka falmatu waamicha godhu, sochii sana ni qindeessu.

6.   Oogantootni Gadaa filaman kun uummata biyya keessa jiruun, keesumaa iyyuu warra sirna Gadaan bulaa jiruun walitti dhufee bulchiinsa Oromoo keessaa fi alaan jajabeessa. Ilmaan Oromoo rakkoo biyya isaanitti irra gaeen biyya alaa jiran rakkoo eenyumaa fi lammummaa isaan qabaniif fura barbaada.

7.   Sirni Gadaa jalqabamu kun uumna fi aangoo akka ilmaan Oromoo biraa argatu bajata ittin sosochous ilmaam Oromoo biraa argata. Kun karaa waldaa Oromoo fi dureeyyota Oromoo bu’ursamuu danda’a.

8.   Oogantootni filaman uummatan waan ta’aniif adeemsa siyaasa keessatti qooda guddaa bau. Fakkeenyaaf, uummata jajjabeesuu, gorsuu, dhaabilee walitti fiduu.

9.   Amantiin sirna kana keessatti wal-qixxummaan akkamitti haala siyaasaa keessa utuu hin galin wal-kabajuun waliin jiraachuu  akka itti dandau tolcha. Amantiin sirna Gadaa keessatti akkuma jochaa turre sagantaa isaa dabalatee oogantoota filama muuduuf eebbisu, oogantootaa fi biyyaa Waaqa kadhachuu, kkf ta’a.

10. Warri sirna kana keesstti filaman bara tokko keessatti guyyaalee ayyaana adda addaa uummata Oromoo keessatti kabajamuu qabuu murteessanii uummata beeksisu.

11. Aangotiin kun dhimma uumatoota biraa biyya Oromiyaa keessa jiraatanii qo’atanii uummataaf gorsa, oogganaa fi qajeelcha dabarsu. Dhimma uummata Oromoo biyya keessaa fi ala jjratanii,

12. Anngotiin kun dhimma biyyaa fi qabeenya ishee hundaa irratti uummata gorsu, waan dandaa’amu hundaan saamicha irraa eegu. Ilmaan Oromoo diinaaf hunma ta’a karaa isaan gara fedhii uummata isaaniitti deebian qo’atu, ojii irra oolchu.

 

Xumura

 

Yaadni armaan olitti kaa’ame kun akka yaadaatti malee, akka seeraatti miti. Akkuma gara jalqabaatti ibsame yaadni kun mareedhaaf dhihaate. Akkuma argamuu waan hedduun wanti ifa hin taane jira. Abdiin keenya garuu maree fi qoannoon hunda isaatiif hiikaa

qaba jenna. Kanaafuu waldaan keenya waldaaleen Oromoo hundi akka irratti mariatani; midiyaaleen Oromoo hundi. beektotaa fi maangguddoo Oromoo akka irratti mariachiisani; jaarmiyaaleen siivilii fi qoannaa  keessumaa akkamitti sirna Gadaa fi sirna diimokraasii ammayya walitti baqsuun dandaa’amu qoannoo irratti akka geggeessani; jaarmiyaaleen sisaasaa Oromoo gaee isaanii akka bahani; uumman keenya biyya jirus yaada kana irratti bakka dandaa’ame hundaddatti akka irratti marianiif jijjiramaaf qophii

akka ta’ani waamicha keenya kan lammummaa dhihesina. Yaadni kun yaaada dubbistanii cali jettan miti. Yaada akka beektaniif barreeffame miti; yaada akka irratti haasoiftanii fi irratti hojjechuu jalqabdani dha.

 

Abdiin keenya kana. Sirni Gadaa sirna aadaa fi sirna ammayyaa kan Oromoon jaarra hedduun dura uumame taee beekama, nutis abbootii keenyatis tae Orommummaa keenyatti daran boonna.  Gaafa oogantoota keenya biyya alaatti jabeessinee guddifannu, uummatni keenya kan biyya jiran oogantoonni isaa baqaatani biyya alaa akka jirutti amanu, ooggana diinaa irratti qabsoo finiinsu. Oromoon biyyaa isaa kabajaa isaa beebie gonfachuu danda’a.

 

Galatoomaa.

 

Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand www.oromocommunityireland.com

oromocommunityireland@yahoo.ie

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *