Oduu Haaraya

Rakkoo ilmi namaa uume ilmuma namaatu fala itti kenna

Gufuu qabsoo bilisummaa Oromootti baayyachaa jiruuf falli tokkichi, Oromoo fi Oromoon hojii manaa keenya sirnaan dalaguun, kan beellama itti qabannu miti. Keessumaa dhaabbileen siyaasaa………………

Sochii siyaasaa naannoo gaanfa Afrikaa fi Empayera Itiyoophiyaa keessatti deemaa jiru yoo ilaalle Oromoon akka sabaatti ammas hojiin manaa jajabduun akka fuundura keenya jirtu hubachuun nama hin dhibu. Oromoon humna taanu malee, haqa qabnu kan salphaatti namaaf fudhatu hin jiru. Haqi qabnu yoo humnaan hin deeggaramne sossobbii dippilomaasii fi hidhii namaaf xuuxun ala fayidaan hin qabu hin jiru. Kanaaf haqa qabnu goonfachuuf of humneessuun dirqama ta’a.

Oromoo humneessuu yeroo jedhamu dhaadannoo ykn jechaan namuu dubbachuu ni mala. Garuu hojii gaafata. Hojii lafaratti muldhatu. Fakkeessuu fi ololli ni jirra jedhu, diina nurraa hin haphifne. Faallaa kanaa ammas Oromiyaa fi ummata Oromoo, nama isaa otoo hin taane, qabeenyaa fi humna isaa qaamonni hawwan, ammas alaalaa amuummachaa fi dibbee waliif Rukuturra darbanii, Wayyaanee yeroo ammaa aangorra jiru hundeen buqqisuu irra, Oromoo laaffisuun akka adda duree ta’eefitti jira.

Siyaasa addunyaa fi naannoo keessatti haqa Oromoon qabsoo taasisaafii jiru yoo humna taanee muldhachuu baanne, qaamni nuuf hubatu hin jiru. Kun haqa addunyaan ittiin masakamaa jirtuu dha. Haqa qabsoo taasisaafii jirru bifa kamiinuu humna taanu malee haala adeemsa siyaasa addunyaa kana keessatti, iyyi keenya “ Bookee gurra arbaa buutee” dha. kun haqa jiruu dha. haqa kana hadhahus fudhachuu qabna. Yoo haqa kana argine maaltu nu hafe ykn maal gochuu qabna jennee afaanirra dabarree qabatamaan dalaguu dandeenya. Afaaniin ofirratti hirkannoo jennee yeroo eddu ni dhaadatama. Garuu malaa fi tarsiimoon ofirratti hirkannoon gaafatuun ala yeroo deemamu muldha.

Amma dubbiin dubbii nama Badhaasaa fi Abdallaa jedhamuu miti. Dubbiin dubbii oromummaa fi Oromiyaa ti. Kana booda yeroon nuti Badhaasaa fi Abdallaan eessa jira jennee, wal gaafannu otoo hin taane, akka Oromootti eessa jirra jennee wal gaafannuu dha. gaaffiin kun eega ka’ee yeroo dheeraa fudhatee jira. ummati keenya akka sabaatti gaaffii kanaaf deebii gahaa kennee jira. innis oromummaa fi tokkummaa kan jedhuu dha. rakkoon ammas kan jiruu fi kan uumes dhaabbilee siyaasa Oromoo ti. Ammas ilaalcha Badhaasaa fi Abdallaa jedhuun masakamuu barbaadanii fi oromummaa fi Oromiyaa akka lamataatti ilaalan gufuu tarkaafatamuu qabuu dha. diinni keenya kan nugarboonfataa jiru maqaa Badhaasaa fi Abdallaa jedhu duwwaan otoo hin taane, Oromoo ta’uu keenya duwwaani. Diina biratti maqaa gara garaa fi kallattii gara garaatti dhalannus Oromoo ta’uu keenyaan garbooffamaa jirra. Kanaaf akka Oromootti dhaabbachuun murteessaa dha.

Hojii manaa keenya akka Oromootti ojachuu qabna yeroon jedhu dhaabbileen siyaasaa gooboo (Nest) keessa jiran hunda keessaa dirreetti bahanii waltajjii tokko irratti waliin dubbachuu qabu. waliin dubbannee wal dadhabne jecha jidhu gabaasuuf otoo hintaane, dhimma garee dhiisanii dhimma waloo irratti waliif galuu qabu. kanaaf ammas ilaalcha Badhaasaa fi Abdallaa fannifatanii yoo kan walitti dhufan ta’e bishaan raasuu ta’a. hundi keenya Oromoo dha, Oromoof qabsoofna, gahee mataa keenyaa qabna, adeemsa qabsoo egeree sabaaf ta’uu irratti waliin dubbanna, haarsaa tokkummaan qabsa’otaa gaafatu kaffaluuf qophiidha, ………. Jedhamee mareetti seenamuun bu’aa fida, gareen ykn jaarmiyaan tokko mana taa’ee, kan biraa kan dhaqee gaafatu ykn kan mana jiru alduree dhuma hin qabne tolchee kan nama waamu yoo ta’e itti bahi isaa tokkummaa waggaa 24 keessa argaa turree dha. amma isa irraa baratamee kan waamus kan waamamus otoo hin jiraanne, waamicha Oromoof howwaachuu dha. kanaaf hojiin manaa keenya inni guddaan mooraa qabsoo Oromoo tokkoomsuu dha. kun salphaa miti. Garuu kan hin danda’amne miti. Rakkoo ilmi namaa uume ilmuma namaatu fala itti kenna. Kanaaf Oromoo humneessuudhaan hojii manaa keenya inni duraa tokkummaa maree haqaa irratti hundahe dhuguumsuu dha. Sochiin amma dhaabbilee siyaasaa biratti walitti siqanii rakkoo waloon jirtu, waloon fala itti barbaaduuf dhama’an jabaatee itti fufuu qaba. Haata’uu garuu ammas haala ummati keenya keessa jiruun hariifachuun dirqama ta’a.

Hojii manaa keenya isa lamataa barruu itti aanu keessatti dhiheessuuu yaala.

Camadaa Hundee

camadaa@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *