Oduu Haaraya

Ruumicha kaameeraa baatu.

ruumicha

Dubara beeloftuu afaan du’aarra turte takka ruumichi wayii liqimsuudhaaf eeggachaa jira. Iddoon isaa Sudaanidha. Barri sun bara beelaa ture.

Yaruma kana gaazexessaan suuraa Afrikaa kibbaa Keeviin Kaartar jedhamu tokko iddoo sanitti argamee; ishiifi ruumicha duubaa du’a ishii eeggacha jiru suuraa kaase.

Suuraan Kaartar kaase kun baay’ee beela ture addunyaaf ifa baasee ajaa’ibsiifamee badhaasallee argamsiiseefi.

Suuraa adda ta’e kanaaf baay’ee kabajamee oduufi ajandaa miidiyaalee gurguddoo ta’ee ture.

Gammachuun beekamtii kuni garuu baa’yuma irra hinturre.

Sagantaa wayii irratti gaaffii gaafatameef otoo deebii kennaa jiruu jidduudhaan gaaffiin bilbilaan gaafatame takka gammachuu beekamtii kana irraa mulqite.

‘‘Daa’imittiin maal taateree?’’ jedheen gaaftaan tokko.

‘’ Ani suuricha kaasnaan achi hinturre. Ee …Xiyyaara dhaqqabachuun qaba waanta’eef ennasuun biraa deeme.’’ Jedhee deebiseefi.

‘’Guyyaa sana intalattii ruumicha laamtu argate; inni tokko kaameeraa qaba ture.’’ gaafaataan sun.

Jechi kun daqiiqaa sanarraa eegalee sammuu Kaartar keessaa baduu dide. sanduuqni poostaafi imeeyiliin isaa gaaffuma kanaan guutamee namoonni isuma balaaleffatan.

Biyyas jijjiirraan yaadichi sammuu keessaa yaroo yaroodhaan itti bilbila. Bakka namni isa beekurraa luka fageeffatee dhokatullee gaafichi irraa hinfagaanne.

Dhumarratti jechi sun sammuudhaa baduu didnaan of balleessee obbaafate.

Keeviin Kaartar dubara billisee xiqqittii san balaarraa odoo hambisuu danda’uu suuraafi beekamttiidhaaf dursa kenneeti ofis balaatti of kenne.

Kamtu dursa?

Miidhama namootaa odeessuuf ykn komachuuf muuddamuun dura namoota san baraaruuf yaaluun dursi kennamuufii qaba.

Namoota gargaarree bayyanachiisuufi imimmaan haquutu dursa.

Yaada qajeelaafi sirrii ta’e; onnee namaaf na’u Rabbi nuuf haakennu!

(Poositi Bishop Samzuga irraa kan hiikame.)

Maddi: miidiyaa hawaasaa

Jabaan Waaqa!

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *