Oduu Haaraya

Lola diinni kee waggaa 30 guutuu si qorqe har’a bakka lamatti wal baasee wal lolu keessa hin galin!

Lola kaabaa

Akkuma lola isa waggaa lama duraa ammas humni waraanaa PP ‘Ajaja Bahaa’ jedhamu daangaa cehee Eertiraa akka seenu godhameera. Lola darbe keessatti bifa kanaan Eertiraa cehanii achirraa waraana Eertiraa daboo waammatanii Tigraay weeraran. Ammas toftaa wal fakkaataadhaan deemaa akka jiran maddeen Tigraay gabaasaa jiru. Lola kanaan gareen lachuu (abbaa fi ilmi ykn PP fi TPLF) marsaa isa xumuraati jechuun walitti dhaadataa jiru.

Ergaa ilmaan Oromoof!

loltuu abiyyii
Ilmaan Hiyyeessaa akkatti itti taphatan

Garee kamuu amantee waliin dhaabbattee wareegama bilaasha hin kafalin. Lola isa qehee keetii wal tahii irree tokkummaa hanga guddina Oromoo gahuun qehee keerratti loladhu. Kan masaraatti dhufes tahee kan deebi’ee dhufuuf hawwu kamuu dhiiga keerra ejjetee lafatti si haqatee aangootti ol baha. Kan ammatti fagoo jirus gaafa daangaa keetti siqu si tuffachuu eegala. ”Humni samii gadii kamuu Shaggar seenuu nan dhorku” jedhee dhaadata. Dhaada akkasiif deebii gahaa deebisuuf kan dandeessu yoo ammumarraa saba guddaa kana jaartee akka of kabajsiiftutti warraaqxe likkii kee garsiifte qofa. Gaafas daangaa kee seenuu fi dhiisuu irratti hayyama kee gaafachuuf dirqama. Yoo kan humna gahaa hin qabnee fi afaan wal garagaltee wal nyaattu tahe garuu dhaadachuu bira darbee haaloo isa ati aangoorraa isa kaaftee san si bahata. Lola diinni kee waggaa 30 guutuu si qorqe har’a bakka lamatti wal baasee wal lolu keessaan hiree laalladhu waan kee jabeeffachuuf oolfadhu malee garee kamiifuu hin booji’amin!

loltuu abiyyii 1
Ilmaan Hiyyeessaa akkatti itti taphatan
loltuu abiyyii 2
Ilmaan Hiyyeessaa akkatti itti taphatan
loltuu abiyyii 3
Ilmaan Hiyyeessaa akkatti itti taphatan
loltuu abiyyii 4
Ilmaan Hiyyeessaa akkatti itti taphatan

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *