Oduu Haaraya

Saamichaa Lafa Qotee Bulaa Oromoo Maqaa Mana Waliin Jireenyaa (Kondomiiniyeemii) Qofaan Raawwatamee jiru.

Roorroo Gabrumaatiin

Dubbistan Malee bira Hin Darbina!!
Hojiin Ergamtuu Wayyaanee OPDO, Oromiyaa samsisuu, Ajjeesisuu, hiisisuu fi Ergamtee Buluu Malee Mirga Oromoo kabachiisuuf Aangoo tokko illee hin qabdu!!
Qonnaan Bultootni Oromoo Naannawaa Finfinneetti Argamaan Maqaa Manneen Waliin Jireenyaa(Kondominiyeemii) jedhuun Lafa qonnaa fi Lafa jireenya isaanii Walumaagalatti 7,000Heektaara olitti kan Lakka’amu irra Buqqifamuun Jireenya waardiyyummaa fi Hojii guyyaa hojjechuun jiraachuuf saaxilaman!! Fakkeenyaaf Maqaa Kondominiyeemii qofaan :
1. Burraayyuutti Manneen kondomiyeemii lafa qotee bulaa hektaara 570 olii irratti ijaaramee jira,
2. Karaa Kibbaa Naannoo sabbataatti manneen Kondomiyeemii lafa qotee Bulaa Oromoo Heektaara 1000 olirratti ijaarame argama,
3. kibbaan Bakka Jamoo jedhamutti lafa qotee bulaa hektaara 1400hk lafa Oromoo irratti Manneen kondominiyeemii ijaaramanii argamu.
4. Kaaba Bahaa Finfinneetti immoo Laga Xaafootti:
A. Mana Jireenyaa(Real State Rooppak) jedhamu lafa qotee bulaa kan abbootiin qabeenyaa Wayyaanee dhalootan tigree ta’an Laga Xaafootti qotee bulaa irraa kaasuun ijaarratte lafa Heektaaraa 200hk irratti, ijaarratan .
B. Laga Xaafootti mana jireenyaa (Real State CCD) jedhamuun kan beekamuu lafa qotee bulaa irraa kan fudhatame Keektaara 416 Lafa Qotee Bulaa Oromoo irraa fudhachuun ergamaa Wayyaanee Dr Massalee kan jedhamu barsiisaa yuunibarsiitii Finfinnee kan ta’ee fi nama Master Pilaanii Finfinnee hojjechuu keessatti harka guddaa qabutu Real state irratti ijaaree jira.
C. Ammas Xaafootti Manneen kondominiiyeemii bakka Abadoo jedhammutti block 36,000 kan ijaaramee jiruu , dHagaa bu’uraa ergamaa Wayyaanee OPDO Mulaatuu Tashomeetu ka’ee amma Ijaaramee lafa Qotee bulaa heektaara 7000 qabatee argama.
D. Ammas Lagaa Xaafoo , Bakka Hayat jedhamutti Manneen Kondominiiyemmii lafa Qotee Bulaa hetaera 650 irratti ijaaramee kan jiru,
5. Bahaa Finfinneetti kan Argamu Diimtuu bakka jedhamutti Manneen Kondominiyeemii Block 45,000 kan ta’ee Lafa qotee bulaa 750hektara irratti ijaaramee kan jiruu,
6. Akkasumas baha Finfinnee bakka Marii CMC, Hayat jedhamanitti Manneen Kondominiyeemii lafa qotee bulaa Heectaara 1400 irratti ijaaramanii argamu.
7. Xuraawwaan Magaalaa Finfinnee Keessa Ba’uu immoo qilleensa Summeessuun ilmaan Oromoo, Hawwaan Oromoo, Daa’immaan Oromoo fi beelladootni Oromoo illee dhumaa jiraachuun ibsame jira. Dhiyeenya Kanaa Xuraawwaa hedduun Guuramee Naannoo Sandaafaa Bakkeetti guuramaa utuu jiruu Qilleensa summeessuun ilmaan oromoo sadii battalatti wareegamanii jiru.
Abbaan Lafaa Dhabee Lafasaa Qotatee Waan irra jiraatu, Wardiyaa dhaabatee bulaa, Hojii guyyaan jiraata. Jiruun Garbummaa waan hundumaa Caalaa Boqonnaa namaaf hin kennituu, Kanaafuu Oromoo Gara Lafa kee fi Qe’ee keetti deebi’ii lafa kee fi Qe’ee kee irratti du’ii falmadhu!!
Kanneen Maqaa Liizii, fi Investimentii , Warshalee adda addaan Saamichi rawwatamee jiruu fulduratti fakkeenya waliin isiniif dhiyeessina!!
Injifannoon uummata Oromoof!!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …