Oduu Haaraya
gammachiis fiqaaduu

Sab-quunnamtii hawaasummaa akka madda odeeffannootti; muuxannoo ogeesotaa fi dargaggoota Oromoo

Halleeluyaa Luulee, Gammadaa Olaanaa , Gammachiis Fiqaaduu

Qobiyyeee fi maddi Oduu fi odeeffanoo hundi keenya guura itti qabnuu hookan immoo jala buunee hordofnnu adda adda.

Oggoota dheera dha namoonni odeeffannoo argachuudhaafis ta’ee sagantaawwan bashannanaa hordoofuu dha, Raadiyoo, TV fi baruulee irratti hundahaa turan . Kun jijjirramaa dhufeera, keesumatuu dargaggota birratti. Akka fakkeenyatti kaasudha Qorannoon akka agarsiisutti Yunaaytid Isteetsitti ,dhaloonni mileenial jedhaniin (namoota umriin isaanii ogga18 – 34 jiran jechuudhaa) dhibba keessaa garri harka 74, addunyaan akka itti bulteef ooltee beekudhaa mobaayilii fi sab-qunnamtii hawaasummaa iratti hundaahan.

Gara keenya hoo deebine hoo, dargaggoonni Oromoo Oduu fi Odeeffanno eessaa argatan? Waan argamuum hoo dhugaa ta’udhaaf dhiisuu isaa akkkamitti qulqulleeffatan? Dargaggota Oromo sab-qunnamtiiwan hawaasummaa, kessumatuu feesbuukii baayyinaaan fayyadaman lamaan tokko dubiseera.

Hunda dura garu, akkuma beekkamu jalqaba torban kanaa barattoonni qormaata kutaa 12ffaa amma fixanitti sabqunaamtiin haawaasummaa cufameera..

Mootumaan Itoophiyaa barattoonni waan midiyaawwaan kana iratti deemuun odoo hin rirrifatin qormaata isaan irratti akka xiyyeefatanii murtee sanirra gahuu ibseeti han midiyaawwan kana yeroo murtahee cufe.

Gammadaa Olaanaa ogeessaa kominikeeshinitif gaazexeessa dha. Namoota dhimoota aadaa fi artiratti Oromoo irratti fesbuukidhaan odeeffannoo baayyinaan hawaasa biraan gahan keessaa tokko. Haala guyyaa sadeen ture nuu ibseera.

Kana malees, akkaataa fayyadama sabqunamitii hawwaasummaa dargaggoota irratti, Halleeluyaa Luulee, dhabbata Qorannoo Nageenyaa Afrikaatti (Institute of Security Studies) qorataa han ture akkasumas Gammachiis Fiqaaduu Naayyroobii irraa hasofsiisnerraa, armaan gaditti dhaggeeffadha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …