SEENAA FI HOJII SHEEK BAKRII SAPHALOO(ABUUBAKAR USMAAN ODAA)
KUTAA 2ffaa
SOCHII SHEEK BAKRII HAALA SIYAASAA FI HAWAASUMMAA OROMOO KEESSAATTI QABAACHAA TURE.
Barreessaan :- Saphaloo Kadiir
Sheek bakrii saphaloo warraaqsi sochii siyaasaa fi hawaasummaa oromoo keessatti qabaachaa ture baayyee cimaa fi kan seenaa isaa boonsuu dha. Kana keessaa akka fakkeenyaatti kan ibsaman:
Bara 1960 keessaa waldaa afran qalloo magaalaa dirree dhawaa keessatti hundeeffameef deeggaarsaa maallaqaa sassaabuu, hawaasa kakaasuu fi walaloo welliistootaaf kennuun hirmaacha turuu isaa hayyooni seenaa ni dubbatan.
Walaloo isaa humnaa qabeessaa, bareedina fi badhaadhina afaan oromoo ibsitu saniin hayyoota, walaleessitootaa fi wellistoota akka abubakar mussa, ayub abuubakar fi shantam shubbisaa faa akka horatamaan taasiseeti jira.
Bara 1960’ma keessaa kallattiin hawwisoo aadaa lama/biiftuu ganamaa fi urjii bakkalcha/ akka hundeeffaman hirmaannaa taasisee, miseensaas akka ture ragaan ni mul’isa.
Hundeeffama waldaa maccaa tuulamaa bara 1963-1967 finfinneetti yoo bu’uureeffamu deeggarsa yaadaa fi hirmaannaa gara garaatin maddii dhaabbachaa akka ture himama. Yeruma kana osoo mootummaan uggura hidha magaalaa dirree dhawaa keessaa akka hin baane irra kaayee jirutti general taddasaa birruu kan sababa waldaa macca fi tuulamaatiin galamsotti hidhame yeroo lama dhooysan deeme laalee, yaadaas wal dabaarfateeti jira.
Bara 1963 keessa sagantaan tamsaasaa raadiyoo magdashoo irraa afaan oromootiin dabaarsaa tureef dhooysatti walaloo fi gorsaan jajjabeessaa tureeti jira.
Sheek bakriin mana kitaabaa ammayyaawaa(modern library) iddoo iddutti gaalaa fi harreen sossoohuu akkaataa mala tooftaa baruu barsiisuu ammaayyaatiif mijjaahuutti iddoo deemu maratti if jalaan deemaa ture. Kuniis ragaalee isaa bakka deemu hundatti akka if biraa hin dhabneef isaan gargaara ture.
Sheek Bakriin nama yeroo jalqaabaatif afaan oromoo barruun akka dhihaatuuf qubee afaan oromootiif mijjaahu uumee dha. Qubee kanaas yoo kalaquu yeroo dheeraa irraatti fixee , guyya guyyaa barattoota isaa barsiisaa, halkan halkan ammo qubee kana bocaa bulu ture. Qubee kana waggaa hedduu booda kalaqee eega xumuree barattoota isaa ittiin barsiisaa, walaloo isaatiis ittiin barreessaa kan ture tahuu ragaaleen qorannoo seena ni mul’isa. Gama biraatiin qubeen sheek bakriin afaan oromootiif uumee kun akkuma afrikaattuu isa jalqabaa akka tahe shakkama. Maaliif jennaan qubeeleen afaanoota afrikaa marti kan biyyoota adda addaa irraa ergifame tahuu seenaatu mul’isa. Qubee sheek bakrii ammo qubeelee kanneen hundaa adda tahuu isaa ragaan ni mul’isa.
Qubeen sheek Bakrii kunis naannoo harargee, arsii fi baaleetti tamsaa’uun ummata oromoo bira gahuu yeroo jalqabu mootummaan haylasilaassee irratti dhaqqabee sheek bakriin magaalaa dirree dhawaa keessaa bahee karaa biraa deemuu akka hin dandeenyeef uggurri hidhaa irra kaayamee ture, bara 1965-68 hidhaa kanaan eega turee booda bara 1968 ti wiirtuu barnoota koortuu torbaanitti yeroo 2 ykn 3 akka dhaqu hayyamameef. Waggaa kudhan haaluma kanaan dirree dhawaa fi koortuu jidduu qofa deddeebi’aa ture.
Sheek Bakriin yeroo uggurri hidhaa irra kaayame kanaas hojii saba isaatiif hojjachaa ture addaan muruu hin dandeenye. Yeroo sanitti hojiin inni hojjate keessaa walaloo isaa dabalatee kitaaba maqaan isaa ‘Shaaldaa” ja’amuu qubee isaatiin barreessee ummata oromoof dhiheesse ture, shaaldaa jachuun hiikni isaa ‘ablee qaraa’ akka jachuu yoo tahu odeeffannoo siyaasaatiin ummata oromoo qaruuf kan qophaawe akka tahe seenaan ni hima.
Bara 1974 gaafa mootummaan haylasilaasee humna waraana dargiitiin angoo irraa fonqolu sheek Bakriin jaarsa waggaa 79 ture. Yeroo kana carraa hidhaa ugguraa jalaa bahuu argate. Haala mijjaawaa arkate kanatti fayyadamuun hojii dadammaqiinsaa fi warraaqsa qabsoo itti fufe. Ji’oota muraasaaf haalli mijjaawan uumameefi qaawni xiqqo banamnaan sheek bakriin carraan ummaata isaatiin wal arkuu sirritti mijjaaweef. Yeroo kana sheek bakriin qaawa kanatti fayyadamee xalayaa fuula 21 dargii dhaaf barreessee. Qabiyyeen xalayichaas mirga wal qixxummaa akkasumaas aadaa, afaanii fi amantaa isaanii sabaa oromoos dangaa malee akka fayyadamuu fi guddifachuus dandahan kan ibsuu fi gaafatu ture. Kanarraa ka’uun mirgi maxxansaa saba oromootiif laatamee bara 1975 gaazexaan bariisaa akka maxxaanfamuu hayyamamee, ummaataaf dhihaachuu jalqabe. Walaloon sheek bakriitiis, qabiyyee gaazexaa kanaarratti barreeffamaa waan turteef sagaleen sheek bakrii ijaa fi gurra oromoota hunda bira sirritti gahuu jalqabde.
Kanumaan osoo jiranii bara 1977-78 lolli ogaaden yoo ka’u namoonni dhageettii fi fudhatama hawaasa biratti qaban mootummaa itoophiyaan shakkamuu jalqaban. Sheek bakrii saphalootiis namoota kana keessaa isaan tokko fi hangafa waan turaniif umrii jaarsummaatiin biyyaa isaaniirra bafamanii soomaliyaati baqatan. Moora baqattoota hiran, tan biyya soomaaliyaa keessatti argamtutti haadha mana isaa waliin gale. Mooran baqataa jireenya isaatiif hin mijjooyne ture. Dhibeen, ergaramaa fi dullumtiis jaarsarratti wal gahanii miila itti fuudhan. Jabo eega daadarkeessa turan booda ebla 5, bara 1980’ti umrii isaanii waggaa 85 ti du’aan addunyaa kanarraa galan. Hayyuun aalimni, beekaan keenyaas biyyee biyya isaa tan bilisummaa hawwaafi ture dhabee, biyye biyya ambaa irratti saniifuu mora baqattootaa keessatti awwaalame.
Haa tahuu garuu sheek Bakriin biyya ambaa keessatti reefki isaa haa awwaalamuu malee awwaalchi isaa guddaan onnee oromoota hunda keessatti kan argamu akka tahe wal naman gaafachiisu.
Du’aa Sheekaa guddaa,aalima fi hayyuu oromoo kana ilaalchisee barataa isaa kan ture sheek mohammed rashaad abdullee gadda itti dhagahamee irra dhaabbatee, walaloo garaa nama nyaattu, tan ergaa guddaa qabdu fi namni marti waan gaarii sabaa fi mataa isaatiifis hojjachuu akka qabu gorsitu akkasumaas seenaa fi maqaan sheek bakrii yeroo hunda akka hin irraanfatamne ibsitu, akka asitti aanu kanatti barreessanii turan.
“Addunyaan hamtuudhaa hamtuudhaa ba`attii
Hamtuu ifii deemtun si bira qubattii,
Laalaa addunya`aa kan agarin jiruu
Namuu ni eeggataa waan waaqni saa hiruu
Quufaa fii beeltiniis haala addunya`aatii
Du`aa fii jirulleen beeki akkasiitii
Mi`aan addunyaadhaa hadhaadha ba`atti
Abbaadha fii ilmaan adda adda baaftii
Kan gaarii dalaguu hamtuu dura dhaabdii
Nama ol hiixatuu gadiin gara galtii.
Gammachuu jiruudhaa naasu`uu keessa jiraa
Jiruu addunyaadhaa du`aa waliin jiraa
Addunyaan tun baraa mana kheenyaa mitii
Baraa manni dhuga`aa kan du`a boodatii
Mee warra dur dabree qalbii godhii laalii
Kan nurra jaboodhaa gad kutan mee olii
Hundi du`aan dabree gara aakhira`aatii
Lubbuun rabbiin uumee fedhii saatin baatii
Irra guddaan saanii rasuula rabbiitii
Isaanuu dabranii gara rabbii fiitii,
Xiqqaafii guddaanis khara kana yaa`aa
Namuu du`a baataa waan dadhabu ba`aa
Namni gaarin du`u hundaatu rifataa
Ammoo badaan du`uu eenyumtu mil`ataa.
Duuti haadhaa-abba`aa ilmoo rifachiiftii
Duuti beekaa biyyaa ummata naasiftii
Naasuu guddoo guddo`oo mata`aa nu gad bu`ee
Sheekh Bakriin Saphaloo beekan biyyaa du`ee
Ummata boochiftee duuti isaaniitii
Akkamiin hin boonyee utubaa saanitii,
Utubaadha jigee ummata keenyarraa
Baraa ifa`aa dhaamee diinaa islaamarraa,
Duutii saanii baraa du`a taanin addaa
Eeyyee duuti saanii du`a biyyaa hundaa
Namni ka isaanii kan namuu jaalatuu
Kan xiqqaafii guddaan karaa saa abdatuu
Waan ergamuun sayuu biyya teenyarrattii
Zalaalamiin obbaatuu laalan du`a saatii
Sheekh Bakriin Saphaloo abbaa ummataatii
Kan isaan qaceelchuu karaa guddinaatii
Kan isaa barsiisuu karaa warraaqatii
Dirqiidhan argatu`uuf haqa isaanitii
Qabsoo jabeessanii diddaa xilaatatii
Dhiigan magarsanii qabsoo taariikhatii
Taariikha ummataa isaanumaa jaaree
Odoo isaan dhabnee yoom ifumaa barree
Kitaabban isaanii mee dubbisii laalii
Ajaa`iba gartaa kan sii himee olii
( Irsaalu sawaariikh ) kitaaba saanitii
Kan gad qabee himuu seenaa ummataatii,
Walaloon ( shaalda`aa ) tan isaan tolchani
Tan isiidhan namuu qabso`otti kaasanii,
Waan ajaa`ibaatii mee dubbisii bari
Hoggaa san agartaa qabsoo abii bakrii,
Bara kudha torbaan durattii tolchanii
Kan achirraa qabsoo ittuma fufanii
Walaloo shalda`aa xiqqo`orraa dhagayaa
Waan isaan tolchanii isi`iin nadha bayaa:-
“Cunqursaa amaaran ( dassitaa ) je`anii
Ammoo kaanin boruu barmaami je`anii
Dassitaan qabeeffe`ataa boruu barmaamii
Mala saa karaa yoo beyte sii tilmaamii
Fi`amuu didii haadallee tanaan ciri yaa baruu
Dassitaa badaa xilaata diin islaamii
Jahataan malii fe`amuu jalaa bahan eeginii
Akka jazaa`irii adanii cinqii feetanaamii
Du`an oolanii du`a faa sodaa matumaa gatii
Inumaa dafee fedhuu haa dhufuu as yaamii
Si namuu kha`ee khanumaan boruu taye maa rafaa
Asaboot korii yoo khee owwaatan yaami”
Kan dhageessaan kunii dubbii sheekh bakriitii
Irraa beekhaa qabsoo isaanitii
Bara khudha shaniin duratti je`anii
Diddaa amaaratiif dhiira dammaysanii
Harfin afaan kheenyaa tun isaan khaayanii
Waan ummata fiitin guddisuu yaadanii
Namuu yaada khanaa isaan duran yaannee
Isaanumaan baraa mataa ol qabannee
Isaa karaa banee dhiira dalayduufii
Isaa toltuu fidee biyya isaatifii
Tokkumaan ummataa isaanin magartee
Dubbiin walii galu`uu isaan jalqabamtee
Sheekh kheenya guddaa dalagaa isaanii
Waan himneen dandeenyee baraa lakkoysanii
Kan je`uu dandeenyuu dirree babaafnetii
Isaanumaa cabsii yaada amaaratii
Dhiira ammaan tanaa isaani gudisee
Isaanumaa kharaa jiruudhaa beysisee
Kan qaceelchanirraa bar tokko anumaa
Kan lafaa na kaasee baraa isaanumaa
Jennummaan sheekh Bakrii kan fakkaataan qabnee
Ummataaf yaddawuun waan wasanan qabnee
Cunqursa`aan mokkoruu itti jabeessanii
Argadhaa dhageyti`iin isumaa jibbanii
Meeqaatam marfamoo dirree dhawaadhattii
Akka irraan baanef gara biraatittii
Haatayuu dirmachuun rabbi biraa dhuftee
Cunqursaa ummata harkaa futtaa fatee
Ajjeechaa amaaraa jalaa ni bayanii
Hararii kha`aniiti hargeeysa dhufanii
Hargeessarraa biyya hireen geeffamanii
Bakka san qubatee ummataan wajjinii
Ummata isaanii kan biyyaa baafamee
Kan manaafii horiin isaa zarrafamee
Achi-wal gayanii biyya hireenitti
Sheekh Bakriin Saphaloo ifaa isaanitii
Kan isaan ammatuu kan namuu abdatuu
Kan halkanii guyyaa isaan tottooyatuu
Odoo rakkoon jabddun isaanitti jirtuu
Ummataaf yaaddawaa tan ifiin yaadatuu
Qilleensatu tuqee miila isaanii
Sanumaan du`anii guddinaan wajjinii
Gaafni isan du`an kumaaf dhib sagalii
Bara saddeettammaniis ittuma dabalii
Guyyaan aakhiraman guyyaa arba`aatii
Baatii ibriilii keessaa sayleessaa isiitii
Dhaloonni isaanii kumaaf dhib saddeetii
Saddeettamii tokko itti iddatetii
Maqaamni isaanii biyuma hireenii
Kabajaa guddo`oon baraa qabbaramanii,
Ulamaan ummataa achi wal gayanii
Kakka sheekh Bilisa`aa kaka sheekh Usmaanii
Gaafa inni du`ee dachiin gara-galtee
Ummata isaanii itti dukkanooytee
Ifaadhaatu dhaamee biyya hireenirraa
Lakkii ifaan dhaamun biyyuma hundarraa
Baraa isaan du`uun miidhaa addunya`aatii
Kan bakka saa bu`uu waan agartuu atii
Eenyumaatu sabraa sheekh Abuu bakrirraa
Ummata saa dhiisii orma addunya`arraa
sheekh Bakriin Saphaloo ifaa dukkanaatii
Kan nama qaceelchuu karaa guddinaatii
Qaamni saa godaanuu lubbuun saa ni jirtii
Tan ummata yaamtuu karaa jiruudhattii
Shi`ibii biyya teenya lubbuun saanii bakrii
Dalagaa isanii qalbi`iin laalii barii
Qabriin sheekh bakri`ii qalbii tee haataatuu
Akka zalaalamii si wajji jiraatuu
Diinaa keetif du`ee kan akkaan qabattuu
Biyya teetif du`ee odd-kkaan jaalatu
Namni biyyaaf du`ee inni baraan duunee
Qalbii saba saatii abaduu waan baanee
Yaa rabbi teessisii janata kee kheesssaa
Nuufis sabrii kennii waan nu qabanneessaa. X2
Sheek mohaammed rashaad haala kanaan walaloo gabaabduu kana keessatti seenaa fi hojii sheek bakrii ibsuun, dhaamsaas dhalootaaf dabarsee ture.
Akkuma sheek mohaammad rashaad ja’e yeroo ammaa onnee hawaasni oromoo hunda keessaa sheek bakriin akka jiru beekkamaadha.
Haala kanaan wal qabatee ummanni oromoo yeroo ammaa siidaa yaadannoo sheek bakrii saphaloo haraargee bahaa magaalaa kaarra millee keessatti ijaarameefi jira.
Eegaa nutiis sheek bakrii saphaloo fi barataa isaa kan ture sheek mohammad rashadiis fuulli rabbii itti haa tolu jachaa qophii keenya waa’ee seenaa sheek bakrii saphaloo irratti xiyyeeffate kutaa 2tti qoodnee isiniif dhiheessaa turre kanumaan goolabnaa, qoopheessee kan isiniif dhiheesse ani saphaloo kadiir, qophii wal fakkaataa biraan hanga walitti deebinuu nagayaan nuuf turaa isiniin jannaa.
Barreessaan Saphaloo Kadiir