Oduu Haaraya

Tarsiimoon Kaleessaa Nu Laamshesse Lammata Nutti Deebi’uun Waan Hinmalle

Abdalbari Mohamed

Tarsiimoon siyaasaa biyya toophiyyaa heddu. Tokko eenyummaa dhaloota sabaa balleessanii kan ofii barbaadaniin bakka buusuudha. Kun waggoota hedduuf osoo walirraa hincinne mala garagaraatin akka milkaawu irratti hojjatamee jira. Saboonni ykn sablammoonni tarsiimoo kana jala aanan baay’eedha. Galaanni isaan nyaate takkaa akka eenyummaa isaaniitti deebi’an hinhayyamneef; achumaan hafan akka waan hindhalatiniitti waakkataman. Duudhaalee, aadaafi seenaan isaaniillee kan guyyaa keessa itti dhalataniin dhugamee wal-nyaatee, bukaayee kan warra jabaa ta’eera. Sab-bicuuwwan hedduu, saba irra jireessaan akka jawweetti liqimfamanii, sukkuumamanii, bullaayanii nafa saba irra jireessaa ta’aniiru. Maqaa-fi-mataan sab-bicuuwwanii jijjiiramee akka ciraan isaanii barbaadamee hinargamnetti bade. Sanyiin isaaniillee kan warra jabaatti makamee daranuu jabaa jabeessee; lakkoofsallee itti dabale. Sabni jabaadha ofiin jedhee waggaa 3000 keessatti biyya jabduu beekamtuu ijaare jedhu yoo sanyiin(fiixaan) lakkaawamtu, osoo abbaa torba hingeenye maqaa isaan hinfakkaannetti bahama. Eenyummaa gaarii maqaa badaan waamamuu mannaa, eenyummaa badaa maqaa gaariin waamamu filchuu!

Bakka irraa ka’an yaadachuun yookaan fiixaa isaanii lakkaayuun itoophiyummaa ganuudha. Gara gandaatti gadi siquudha. Balbalaafi gosa, hinqaban; saba ofiin jechuus hinfedhan. Yoo tokko tokkommoo sabni koo Itoophiyaadha jedhu. Sabni Itoophiyaa jedhamu sanyii dhala namaa kami irraa daraare yoo jedhaman deebiin hinjiru; maraamartoo! Maqaan itoophiyaa jedhu isaaniif maqaa daldalaa cimaadha! Gatii baay’ee isaaniif baasee galii heddullee irraa milkaayanii jiru. Maqaa daldalaa kanaan maamilli baay’een moogfamee waggaa 120 ol gabaa dharaa keessa jiraataa ture. Baadaa duwwaa kan isaan qofti irraa buufatan keessa jiraanne! Maqaafi gabaa dharaa tanarraa heddutu hoongawe! Heddutu gowwooffamee akka dullattii qarree qilee dheedduutti qileetti dhidhimee bututee/bullaayee achumaan hafe! Maqaa daldalaa kanaan heddutu dhiige. Maqaan daldalaa kunis mala eenyummaa sab-bicuuwwanii ittiin balleessan keessatti ramadama. Itoophiyummaan sabas jedhamee yaadama! Achi keessatti warri of gatee bade heddu. Beeksisa yookaan dhaadhessa gurra nama duuchu hojjatanii saboota heddu jaanjursan. Filannoon biraa akka hinjiraanne cichanii irratti hojjatan. Afaan hinhafne! Seenaan hinhafne! Aadaan hinhafne! Hundumaa maqaa daldalaa kana keessaa waraabanii saboota obaasaa turan. Maqaa daldalaa kanaan malee beeksisni birooo akka hinjiraanne hojjatan! Akkanaan soba tuulanii ijaaranii keessa nu jiraachisan. Kun ammallee jira! Warri kana dikeessuu(decompose) dhufan ammoo maqaa daldalaa fudhatanii ijaarsa ture diigaa jiran waggoottan kurnan lamaan darban. Tana amma qalbiin itti na hinjirtu; itti deebi’a beellamaan.

Tarsiimoon lammeessoo, arraba! Namaa gadii saba godhuudha(dehumanization)! Eenyummaa saboonni duraan qaban dhoqqee itti faalanii achi booda akka saboonni itti hinboonne duuba goranii arrabsu. Gadaantummaafi doofummaa! Gadaantummaafi doofummaa keessatti lakkaawamuu warri hinbarbaanne dafanii waan olaantummaafi qarummaa keessa isaan naqu keessatti dhidhiman. Garuu, mala lakkoofsa daneessa ittiin xiqqeessan jedhee fudha. Sababiin isaa warri arrabsamu hinfeene yookaan arrabni akkasii itti moggaafame eenyummaa ittiin dhalatan keessaa godaananii eenyummaa sobaan tolfamtetti baqachuu filatan(state of exile into nonexistent self). Tana keessa lakkoofsi warra maqaan badaan itti bahee gadi deemaati kan warra nama arrabsuu oldeema.Warri arrabas danda’anii eenyummaa isaaniitin ‘waan ofii natti kufi’ jedhanii cichanii walumaan bushaayan adha mi’aawanii gatiin isaanii qabsiisuu dideera. Nu bira dhaabadhaa! Walmalee hintollu; walmalee hintibboofnu(grace)! Nama moo warra akkasiiti? Warri akkasii miicanii xuriin irraa hinbahu! Warri akkasii bubbulanii akka maaliyyootti ciincawu! jedhaa bahan. Amma sirba isaanii malee hinsirbinu jedhan!

Gaafa barataa sadarkaa jiddugaleessaa ture, abbaan koo daldala hojjata waan ta’eef gaafa gabaa (magaalaa) fagoo deemu yoo dhaqaa yookaan yoo gala narra goree na dubbisee gala. Adeemsa keessa gaafa tokko, haati mana irraa kireeffadhe ‘namni si bira dhufu kun si fakkaata maal keeti?’ naan jennaan, fayyaalessummaa koorraa ka’eeti ‘abbaa kooti’ jedheen. Odoo jennuu qaallittiin haadha warraa jajaa dhibbaa bara Harreesillaasee kan Dargiin ajjeeseeti. Achumaan gaafa lammeessoo, ‘maaliif wal nu hinbarsiiftu naan’ jette. Tole jedhee walbarsiise abbaa koofi qaallittii mana irraa kireeffadhe. Achi booda gaafa na bira dhufee na dubbisu abbaan koo mana isaaniillee aseenee nagaa gaafatee waan ‘bunaa’ harka buusee biraa deema abbaan koo. Tana booda gaafa tokko, ‘abbaan kee amala gaarii qaba; Oromoo hinfakkaatu; akkuma nama amaaraa keenyaa nama gaariidha’ naan jette qaallittiin mana irraa kireeffadhe. Abbaan koo gaarii ta’ullee Oromoo hinfakkaatu amaara malee! Akkasitti narraa fudhatan abbaa koo! Akkasitti eenyummaa isaa irraa mulqan osoo inni quba hinqabne! Akkasitti osoo argu abbaan koo amaara ta’e kaa dhiiroo! ‘Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf’ jedha warri keenya! Silaa abbaan koo gaariin seenaa tana dhagahee gaarii ta’ee Oromoollee ta’uu waan hinqabneef na duraa amaarayee ture! Akkasitti Oromoon gaariin Amaara ta’aa ture jechuu kooti!

Kan biraa sabni daneessi abbaa biyyaa ture erga daangaan isaa cabee kaasee, deebi’ee akka mirga ofiin ofbulchuu hingaafanne galtuudha; biyya ambaatii dhufte jedhaniin. Kun seenaa keessatti galmaayee himame. Biyya isaan ijaarre jedhan keessatti mataa olqabatanii hiree ofii murteeffachuuf gaafachuun biyya maqaa daldala siyaasaa isaanitin waamamtu ganuudha; biyya diiguudha; farra tokkummaati; diina itoophiyummaati! Adhallee maqaa Oromiyaafi Oromoollee yoo dhagahan daandillee itti marti lafti. Sodaa jabaa daangaa hinqabnetu isaanitti bu’a. Oromoon warra maqaa daldala siyaasaa isaanii balleessu; Oromiyaan biyya cittee ollaa isaanii akka jiraattu eebjuudhaanillee arguu hinbarbaanne! Maqaa daldala siyaasaatin hinwaamamu fottoquu fedha yookaan lakki eessattin fottoqa waan anaan gitu argadhee ofiin ofbulchaa maqaa sobaa waggaa 3000 jijjiira kan jedhu Oromoodha. Oromoon filannoo lammaffaa filannaanis isaan dhibee garaa isaaniifi mataa isaanii qabderraa hinfayyan. Oromoon garuu waan gaafate irraa duubatti gugataa hinjiru. Takkaa micciiree sirreessa ta’uu baannaan isaanumatu dirqamee waan Oromoon gaafatu kenna.

Amma waan kaleessaa keessa hinjirru Oromoo umriin haabultu! Lallabee ulfina jaarraa 16ffaa keessa ittiin beekamu deeboo deebise! Qeerroofi qarreen dhaloonni qubeetis galata jabaa qabu! Warri ammallee kasoomuu Oromoo(Oromo loyalty) barbaadu malee, Oromoo kophaa isaatti ofdanda’ee dhaabatu arguu hinfedhan. Siyaasni Oromoo ammas taanaan Oromoo bakka isaan maltu irraan yoo gahuu baate, eeggataa abbaa harka jala aanuu ta’uun faayidaa tokkollee nuuf hinqabdu! Bakka lakkoofsa isaatin walgitu, bakka qabeenna isaatin walgituufi bakka seenaa isaa kaleessaatin walgitu argachuutu isaa male! Waldeeggaruun badooma hinqabu, ammas deebinee jala aanuun garuu fokkuudha! Salphinna! Tarsiimoon kaleessa Oromoo ittiin laamshessan ammallee deebisuuf ganda FB irra yoo labne waan garaa isaanii argaa oolla. Fayyaalessummaadhaan of gatuun cidha isaan tolchanitti waamamuun waan darberraa barachuu dadhabuudha!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. abo mataan si haa bulu. jiraadhu! akkanumatti itti fufi.