Gosoonni Oromoo kan Ilmaan bareentummaa
tahan keessaa kan harargee keessa jiraatan
ilmaan Humbannaa/Aniyyaati isaaniis ilmaan
sadan Sadachaa Baabboo ,Malkaa fi Danbee
jedhamuun yammu beekaman ilmaan Afran
kodheellee immo Biduu, Annaa, macca fi
Kooyyee jedhamuun beekaman.
ilmaan Afran Qalloo immoo Afran ilmaan Qalloo
yammuu tahan isaaniis Oborraa, baabbile,Dagaafi
Ala jedhamuun beekaman.
Akkasuumaas Guutuu Harargee lixa qabatanii kan
argaman Ilmaan Murawwa/Ituu jedhamuun kan
beekaman yammuu tahu walumaaa galatti
Gosootni kuniis dhuma Jaarraa kudha lammaffaa
dura jalqanii seeraa gadaa tokkoon Odaa Bultum
jalatti waggaa dhibba hedduuf of bulchaa turuu
isaanii seenaan barreeffamaa adda addaa ni
ibsa.
Hiddi laatinsa Oromota Harargee akka kanaan
gadiitti tarreeffamu
Marawwaa (Ituu)
Afran Mana Ituu 2. Shanan Mana Baabboo
1/ Afran Mana Ituu
Adaayyoo Arroojjii Waayyee Baayee
2/ Shanan Mana Baabboo
Baabboo Algaa Galaan Warra Gaamoo
Humbannaa
Anniyyaa
Sadan Sadachaa Afran kodheellee
Baabboo Malkaa Danbee Biduu Annaa macca
Kooyyee
Qalloo
Oborraa Baabbilee Dagaa Alaa
Oborraa
Dagaa Akkichuu ` Bilii Dooranii
Yaasaa Booranii Mangaadhaa Xaayee Gorbee
Kuraa Hinee Yaasaa Guutaa Guttayyuu Abbichuu
Baabbilee
Areelee(1) Heeban(3) Hawwiyyaa(2) Girii
Dooyyoo 1. Fagaroo 1. Gundhabee Waalee
Waajaroo Lubaayaa
Goonaa 2. Karaalee
Baabboo
Haagloo
Maayaa (7)
Alii
Usmaan
Boonayaa
Dooranii
Hagaloo
Tudhaa
Miyyii
3/ Dagaa
Noolee Jaarsoo (6) Huumee (12)
1/ Haleelee 1/Oromoo 1/ Sirgaalaa
2/ Muchaa 2/ Dawwaaroo 2/ Duudaa
3/ Oromoo 3/ Dhangaa 3/ Warra Daay
4/ Walaabuu 4/ Badii
5/ Warrasay 5/ Oboo
6/ Ogaa 6/ Asaboo
7/ Ibsoo
8/ Onaayaa
9/ Alii
10/ Noolee
11/ Guyyee
12/ Busa
4/ Alaa (12)
Abbaadhoo (4) Abbayyii (4) Gutayyuu (4) Arroojjii
(7)
Tuulama 1. Kodhallee 1. Yaasaa A) Sadeen Oboo
Sirbaa 2. Amuumaa 2. Kuutayyaa 1. Baachoo
Kuraa 3. Diiramuu 3. Guuleee 2. Balaalo
4.maayaa 4. Sobaalee 4.yaayya 3. Doogu
Afrab Jamjam
1) Diimaa
2) Bonee
3) Waayyuu
4) Abbaadhoo
Alaa
Nuunnuu(4) Goollo(3) Galaan (3) Buubbuu (3)
1, Baabboo 1, Maaruu 1, Dambee 1, Aliimoo
2, Jiddaa 2, Hurratii 2, Iluu 2, Diramuu
3, Itayyaa 3, Jiddaa 3, Morowwaa 3, Kutaayyee
4, Biliidaa
Alaa
Kaakoo (4) Eree(3)
Diiramuu(4) Meettaa(8)4n baddaa 4n Lagaa
1, Hariroo 1, Dooguu 1, Oyloo 1, Ariyaa 5.Maaru
2, Dullachaa 2, Baaduu 2, Corroqoo 2, Buunnii
6.Dullacha
3, Dhanqaa 3, Buraaqsaa 3, Abuunni 3, Daada
7.Biyyoo
4, Adaanoo 3, Abuunni 4,Ooyloo
8.Dimmaa
Weeyrara Alagaatiin Dura Ittiin Bulmaata sirna
Gadaa Raabaa fi Doorii Oromoota Harargee
Bara sirna gadaa kana keessatti abboottii gadaa
lakkoofsan hedduu ta’aniitu teessoo isaanii Odaa
Bultum godhachuun Oromoo Harargee bulchaa
turan keessaa akka fkntti Abbaa gadaa Jaarraa
Mardiidaa/1193-1200/,Roobaa
Dhungataa /1201-1208/,Roobaa Gaamoo/
1209-1216/ Roobaa Gobeellee/1217-1224/
,Dooyyoo Daarimuu.1225-1232/ fi Harhar
Hargaya/1233-1241/ jalqaba irratti warreen
eeramaniidha
Haata`u malee lakkoofsi namaa fi horii
hedduummaachaa waan dhufeef gosoonni
Oromoo kun lafa baballifachuuf gargar fagaatanii
qubachuu jalqaban.
Akkaata kanaan Oromoon Afran Qalloofi
Anniyyaa gara bahaa godaananii lafa bal’aa
qabatanii jiraachuu jalqaban. Iddoon qubatanii
jiratan Odaa Bultum irraa baay’ee fagaatte.
Sababa fageenya kanaan seeraafi bokkuu tokko
jalatti buluun baay’ee ulfaataa dhufe.
Rakkina kana furuuf gosoota Orommo gara bahaa
socho’anii qubatan keessa tokko kan ta’e
Oromoon Afran Qalloo Jaarraa 18ffaa keessa
konfodereshiinii Afran Qalloo jedhamu
hundeessuun sirna gadaa mataa isaani
uummatanii ittin of bulchuu jalqaban.
Sirni gadaa ilmaan Afran Qalloo hundeeffatanii
ittin bulaa turan kun Raabaa Doorii jedhama.
Teesson gadaa Raabaa Doorii afran qalloo
Mooraa Fugug bakka Buluuloo jedhamtutti
yammuu tahu Buluuloon Aana Qarsaa naannoo
Magaalaa waatar jedhamtu cinaatti argamti.
Korri caffee gadaa Raabaa Doorii walgahii isaa
waggaa saddeet, saddetiin gaggeeffata.
Hirmaattoonni kora caffee gadaa Raabaa Doorii
kuniis dhiibbaa tokko malee bilisaan yaada
isaanii dabarfatu.Korri yaa’ii caffee kun gosa
hunda walqixxummaan hirmaachisee nageenyaa
fi tasgabbii ummataa kabachiisaa tureera.
Kana malees, sababa bishaan dhugaati fi lafa
margaatin walitti buinsa gosa jiddutti uumamaa
ture furmaata itti keennuun nageenyaa ummata
jiddutti buusaa ture.
Sirni gadaa kun Aadaa,duudhaa,afaan,seenaa fi
Amantii saba Oromoo akka hin banne eegee
dhaloota irra dhalootatti akka dabru taasisuun
guddina Aadaa fi eenyuummaa oromootif gahee
bahaa ture.
Gama biraatin gosoonni Afran Qalloo hundi
bulchinsa Raabaa Doorii kan mataa ofii
qabaachaa turan.
Bulchinsi kunis kora caffee Raabaa Doorii
gosaatin hogganama.
Korri gosaa kan rakkoolee xixiqqoo gosa jiddutti
umamtu furmaata itti kennuun nageenya
hawaasaa tiksu Raaba jedhama.
Haata’u malee rakkoolee gurguddoo gosa jiddutti
uumamtu ilaaluuf kan aangoo qabu kora caffee
gadaa Doorii jedhama.
Bulchinsa gadaa Afran Qalloo keessatti qaamni
aangoo guddaa qabu Caffee Gadaati.
Gara biraatiin Raabni bulchinsa gadaa yoo ta’u
Dooriin waraana gadaati.Hojiin waraana doorii
diina ummata irra ittisee nageenya hawaasa
Oromoo tiiksuudha.
Ajajaan waraana doorii Abbaa Duulaa jedhama.
Haata’u malee, qaamni waraana labsuuf aangoo
qabu Caffee Raabaa Dooriiti.
Hoggantoonni sirna gadaa raabaa doorii karaa
dimookiraasiitin ummatan filamanii waggaa
saddeet,saddeetin aangoo walif dabarsaa biyya
bulchaa turan..
Gama kaaniin gosti Oromoo Anniyyaa Jaarraa
kudha saddeetaffaa irra eegalee Caffee Gadaatin
of bulchaa turuu isaani seenaan manguddoota
oromoo irra argame ni ibsa.
Akka manguddoonni kunneen jedhanitti teessoon
caffee gadaa Oromoo anniyya Diida Anniyyaa
ykn Burqaa Tirtiraa jedhamti.
Miseensota hoggansaa kora caffee Gadaa
Raabaa fi Doorii akka kanaan gadiitti
tarraa`aniiru.
Abbaa Fugug(Abbaa Gadaa) – Presidenti
Abbaa Bokku – Itti Aaanaa-Presidenti
Abbaa Chaffe – Waliitti Qabaa kora (Chaffe)
Abbaa Dubbi – Kan Dubbii Ykn Dhimmoota
Uumaman akka murtii Argataniif kora caffeetiif
dhiheessu
Abbaa Seera – inniis nama heeraa fi seera sirritti
beeku fi akkasumaas heeraa fi seera kana kora
caffeetiif kan ibsuudha
Abbaa Alanga – Inniis dhimmoota umameef
murtii gitu kora caffeettiif kan himu
Abbaa Duula – Ajajaa waraanaatti
Abbaa Sa’a – qabeenya kan toohatu
Hoggansi kora caffee kun Aadaa, seenaa,afaan fi
safuu hawaasa beekuufi akka hin tuqamne
tiksuuf dirqama qaba.
1.Hiikkaa Gadaa
Gadaan waan jecha tokkoon himamuu miti.
Kana jechuun gadaan hiika hedduu qaba
jechuudha.
Innis akka armaan gaditti ibsama.
Gadaan sirni ittin bulmaataa Oromooti
Gadaan maqaa waliigalaa kan ittin bulmaataa
dimookiraatawaa taheedha.
Sirna dimookiraasii hayyoota Oromootiin
uumameedha. Sirni gadaa heera saba Oromoo
guutuu kan siyaasaa, dinagdee fi
hawaassummaan sabichaa ittin murteeffamuu
dha.
Kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa
beekee itti walii galu wabii tokkummaati.
Gadaan sadarkaa umriiti
Sirni gadaa sirna dhalli Oromoo hoodaa fi itti
gaafatama adda addaa kan itti qabatanii dha.
Hojiileen raawwatamu hundi sirna gadaan walitti
hidhata qaba.
Kana jechuun gadaan sirna aadaa, seenaa, afaan,
hawaasummaa, dinagdee Oromoo irratti
hundaa’ee ijaarame jechuudha.
Dhallii oromoo sadarkaa umrii waggaa saddeet
saddeettin tokko irra gara biraatti dabraa bara
saddeetama booda sadarkaa gadamoojjii /kudha
tokkoffa irra gaha.
Namni tokko sadarkaa gadaa tokko keessa bara
saddeet qofa tura. Yeroo sadarkaa gadaa tokko
irra kan biraatti cehu sirna adda addaatuu
raawwatama.
Sadarkaaleen gadaa kunis akka armaan gadiitti
dhihaatu.
2. Sadarkaalee Gadaa
maxxaarii (0-8)
Sadarkaa kun sadarkaa daa’imaati
Daa’imni sadaekaa kana keessa jiru rifeensi isaa
hin haadamu
Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana hulluqu
maqaa arkata.
Maatiin daa’iman sadarka kana keessa jiran
qaban yoo aannan hin qabne gosaatuu keennaf.
Daa’imni sadarka kana keessa jiru hamtuufi
toltuu, firaa fi alagaa addan baasuuf fa’a.
kana malees hibboo fi seenaa akaakkayyuu fi
abaabilee isaa irra barata. Akkasumaas,
gaggeessa paartii gaafa dhalatan taayta irra ture
waliin akka miseensaatti fudhatama.
Sadarkaan kun Oromoo Ituu biratti maxxaarrii
jedhama.
Ruubaa/Itti makoo (9-16)
Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana seenu
rifeensi irra haadamee booda ayyaanni
qophaahee keennaan gabbisaa /goramsa tokko/
keennameefii sadarkaa itti makkootti seena.
Yeroo kana hammachiifamee maqaan baafamaf.
Guyyaa kanarra eegalee maqaan kanaan
beekkama. Ijoolleen sadarkaa kana seenani bara
afur booda gaammaa haaddatanii, roggee filatan
Gahee hojii isaanii
Bishaan daakuu, farda gulufsiisuu fi sirba fi
geerarsa baratu.
Kanamalees hidda sanyii isaanii, hojiitiksaa,
adamoo, ispiirtii aadaa fi jibrii foo’uu baratu.
Akkasumaas , siyaasaa (mirga, dirq
ama, seera) fi hawaasummaa baratu.
Dhumma irrattis ayyaana ijoollee kan tabooree
jedhamu hiriyaa isaanii walin kabaju.
Sadarkaan kun – Boorana keessatti – Gammee
xixiqaa jedhama
Goobama/Dabballee (17-24)
Da’imni sadarkaa Ruubaa keessa dabree
sadarkaa goobamaa ykn dargaggoo keessa
seena.
Gahee hojii
Leenjii waraanaa baratu
Biyya irra deemuun sirba saban wal baru
Yeroo gadaan buttaa qalu goobamaatuu korma
kuffisee qabaaf
sadarkaan kun bakkoota adda addaatti maqaa
adda addaa qaba.
Tuulama – Foollee
Borrona – Gammaa Gurguddaa
Gujii – Kuusaa
Afran Qalloo – Goobama
Raaba/Foollee (25-32)
Namni tokko sadarkaa gobama keessa bahee
sadarkaa raabaatii seena.
Sadarkaan kun sadarkaa loltummaattii.
Namni sadarkaa kana seenee waraana taha
jechuudha.
Sirna gadaa keessatti murni kun murna loltuu
ture.
Namni umriin isaa sadarkaa kana seenee hundi
loltummaa tahuuf dirqama qaba.
Gahee hojii Raabaa
Leenjii waraanaa baratanii yeroo diinni biyya
weerare meeshaa waraanaa kan akka xiyyaa,
eeboo, gaachanaa fi fardaan duulanii diina ofiirra
deebisu.
Dhimmoota biyyaan wal qabatan barachuu
jalqaban.
Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda
addaa qaba.
Kunis
Booranatti – Kuusaa
Tuulamatti – Qondaala
Gujiitti – Raabaa
Afran Qallootti – Raabaa jedhamu
Doorii (33-40)
Sadarkaan kun yeroo itti ilmaan kormaa aangoo
qabachuuf qophii barbaachisu itti godhaniidha.
Haalii hojii isaanii warra biyya bulchan waliin
waliitti hidhata qaba.
Gahee Hojii Doorii
Bakka warri gadaa itti murtii seeraa keennan
rakkoo gosaa ilaalanii fi marii adda addaa
godhanitti argamanii seea baratan.
Manguuddoo biyyaa irraa aadaa, seenaa, amantii,
fi seera baratan.
Yaa’ii caffee gadaarratti hirmaatanii duudha
bulchinsa gadaa baratan.
Rakkoolee xixiqqaa uumamte furanii muuxannoo
hojii horatan.
Biyya keessa deemanii ummatan wal baru.
Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda
addaa qaba.
Kunis :- Booranatti – Raabaa Doorii
Tuulamatti – Luuba
Afran Qallootti – Doorii /Raaboodoorii/
Gujiitti – Doorii jedhama.
Waluma galatti sadarkaan doorii kun yeroo itti
ilmaan kormaa aadaa, duudhaa, seenaa, safuu,
seeraa fi heera baratanii angoo qaphachuuf itti
of qopheessaniidha.
Gadaa (41-48)
Sadarkaan kun yeroo ilmaan kormaa aangoo
siyaasaa itti qabatanii biyya bulchanii dha.
Kana malees yeroo seera itti seeraa ilaalanii
rakkoo gosaa furaniidha. Akkasumas abbaan
gadaa biyya bulchu yeroo kana filamee hojii
mootummaa godhaa itti jalqaba. Sadarkaan kun
bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba.
Innis :-
Booranatti – Gadaa
Gujiitti – Gadaa
Tuulamatti – Luuba
Arsiitti – Luuba
Waluma galatti sadarkaa gadaa kana keessatti
biyya guutuu keessa deemanii rakkoo dinagdee,
hawaasaa, siyaasaa fi waraanaa furuuf itti
gaafatama qaban.
7.Abbaa Bokkuu(49-56).
8.Abbaa muudaa(57-64)
9.Hayyuu(65-72)
10.Gada Mooji(73 -80)
Sadarkaan kun yeroo murni duraan aangoo irra
ture aangoo itti dabarsu keennuun aangoo irra
buhuudha. Manguddoonni yeroo aangoo isaanii
fixan akka angafootti ilaalaman.
Abboottii Gadaa aangoo irra jiran gargaaran ykn
gursu.
3/ Gadaan maqaa miseensoota paartiilee
gadaati.
Gadaan oromoo shani ykn gaggeessa gadaa shan
qaba. Gaggeessa gadaa jeechuun miseensa
paartiilee siyaasaa jechuudha.
Gadaan tokko waggaa saddeet qaba.
Gaggeessi tokko waggaa saddeet biyya bulchee
kan itti aanuuf aangoo keenna.
Abbootiin gadaa waggaa saddeet saddeetiin
aangoo waliif dabarsu. Waggaan saddeet gadaa
tokko maqaa mataa isaa qaba.
Kunis gaggeessa ykn miseensa gadaa jedhama.
Kunis bakka adda addaattii maqaa adda addaa
qaba.
Boorana – Gaggeessa Gadaa
Tuulama – Miseensa Gadaa
Ituu – Miseensa Gadaa
Arsii – Miseensa Gadaa
Gujii – Baalii jedhama.
4.Marsaa Gadaa
Gaggeessi gadaa tokko tartiibaan deemee kan
jalqabaatti yoo deebi’u marsaa tokko tahu.
Kunis Marsaa Gadaa jedhama. Gaggeessi gadaa
tokko waggaa 40 booda bakka isaatti deebi’a ykn
aangoo qabata.
Ilmaan gadaa moojii warra gadaati. Kana
jeechuun abbaan gadaamoojii yoota’u ilmi isaa
abbaa gadaa ta’a.
Gaggeessa Gadaa Afran Qalloo
Hormaata
Sabbooqa
Dibbeessa
Fadataa
Daraaraa fa’a.
Gaggeessii kun tartiibaa marsaan gadaan yoo
mul’atu kan armaan gadii
fakkaata.
Sabbooqa
Hormaata Dibbeessa
Daraaraa Foodataa
Waluma galatti gaggeessi gadaa 5 marsaa gadaa
tokko tahu. Tartiiba yeroo idileetiin yoo laallu
jireenya namaa tokko keessa marsaa gadaa
lamaatu jira.
Isaaniis
Marsaa duraa – Gadaa Abbaa
Marsaa Boodaa – Gadaa Ilmaa
Dhalii oromoo tokko guyyaa itti dhalatee eegalee
hanga umrii waggaa (80) miseensa paartii gadaa
tokko tahee jiraata
Kana jechuun abbaa fi ilma jidhuu garagarummaa
umrii waggaa 40 jira.
——————————————————-
Ababoota laamishaahuu fi Guutummatti
dhababmuu sirna Gadaa Raabaa fi Doorii
Ittin bulmaatni Mootummaa Raabaa fi Doorii
Harargee Kuniis laamshaahuu kan eegale .
Jalqaba jaarraa 18ffaa keessa sababa Abbootiin
Gadaa Rabaa fi Doorii tokko tokko Amiirota
hararii waliin hariiroo Fuudhaa fi Heeruma uumuu
dabalatee Amirota Harararii gosa orommoo
lallabachuu barbaadaniif akka gosti
moggaafamtuuf godhan booda.
Adeemsi kuniis muudamni Abbaa gadaa akka
duraatti kan heeraafi seera sirna gadaa eggatee
deemu osoo hin taane Angoon abbaa Gadaa
maatii irraa gara maatiitti akka darbuuf xurree
saaqe.
Sababnii bara hariiroon kun uumamu Angoon
Amiirota kan warra maatii tookko waan tureef
Aboottiin Gadaa raabaa fi Dooriitiis Adeemsa
kana dhaaluu jalqaban fkn Amiir Ali ibn Da’ud kan
bara(1647-1661)bulchaa ture irraa eegalee hanga
Amiiraa isa dhumaa Amir Abdullahi ibn
Muhammed kan bara(1885-1887)harar bulchaa
turetti Amiirumaan Abbaa irraa gara ilmaa ykn
obboleessa irraa gara obboleessaattii dabraa
turte.
Gara oromootiinis Abbootiin Gadaa adeemsa
kanan bulchaa turan akka fkntti Ballaa Buubaa
,Caammaa Nuur,kormooso,wadaay galmoo faan
isaan muraasa.
Adeemsa fuudhaa fi heerumaatiin walqabatee Ali
ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture niitiin
issaa oromo Anniyyaa yammuu taatu Amiir
muhamad kan(1866-1875)Harar bulchaa ture
nitiin isaa oboleettii koormoosoo kan abbaa
gadaa afrn qalloo ture yammuu taatu inniis
kudha lamaana alaa keessaa gosa warra
Abbaadhooti.
Akkasumaas kormoosoos intala Amir Abdul
Karim (1825-1834),kadja tan jedhamtu fuudhee
akka ture ni himama.
Gara biraatiin naannoon Oromiyaa Bahaa tun
Afaan qawwee weerartoota Arabaa jechuun
Mootummaan Turkii fi Mootummaan Misraatiin
A.L.A bara (1875-1885) Weeyraramuun ittiin
bulmaaatni sirna Gadaa Raabaafii Doorii
Oromoota hararg kun daran akka laamishaahu
ta`e.
Adeemsa kanaaniis Weeyrartoonni kun bakka
Abbootii Gadaa Duursitoota Gosaa gosoota
oromoo kan naanno kana jiraatan keessaa filanii
Maqaa Damiina,Garaada fi Malaaqa jedhamu
moggaasuudhaan angoo kennaniifi akka adeemsi
ittiin bulmaaata sirna Gadaa sabni kun ittiin
walbulchaa ture dadhabu taasisan.
Dhuma irrattis Sirni Gadaa boonsaan Oromoon
ofii kalaqatee ittin of bulchaa ture Kun xumura
Jaarraa 19ffaa keessa weeyrara nafxanyootaatiin
guutuutti Barbadaahuu isaa yaadannoo
kaleessaatti.
Xumura
Akukuma jalqaba irratti ibsine sirni Gadaa sirna
Dhimma jiruu fi jireenya ummata Oromoo fuula
hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada
diinagdeefi amantiiti.
Akkaataan jireenya maatii, fuudhaafii heerumaa,
hariiroon uumaa, Akkaataan qabannoo qabeenyaa
itti loon bobbaasan, ,akkaataan itti qabeenya
horatanii dhimma ittiin bahan hundi aadaa Gadaa
keessatti bakka olaanaa qabu.
Namuu qabeenya mataa isaa irratti mirga guutuu
qaba.
Akkaataan baasiin gumaa, adabni seeraa
cabsanii fi sababa biraalleeofitti makanii itti
waliin jiraatan hundi aadaa sirna kanaantiin
gaggeefamu.
Akka bara saniitti eenyulleen aadaa kana
nifudhata.
Murtiin adabbii yoo irratti dabrellee namni sun
beekeeti eegumsa tokko malee, taa’ee adaba
isarritti raaw’atamu eeggata.
Aadaa kanaa ala bahuun, badiidha, namuu aadaa
tahuu isaa waan beekuuf sirna Gadaa keessa jiru
osoo keessaa of hinbaasin kabajee jiraata.
Walumaa galatti sirni Gadaa sirna tokkicha
ilmaan Oromoo hundi ittiin wal-bulchaa ture har`a
addunyaa biratti fudhatama argachuun Galmee
UNESCO irratti Galmaa`e waan ta`eef sirna
kanaan yoo har’a wal-bulchine tokkummaa
Oromoo gutumaan guutuutti mirkaneessuu bira
dabree eenyummaan
Saba Keenyaa daran Addunyaa irratti akka
beekamu taasisaa.
kanaafuu sirna miidhagaa sabni keenya ittiin
walbulchaa ture kan gita bittaan nafxanyaa akka
awwaalamu taasise ture kana iddoo jalqabaatti
deebi`ee akka dagaagu gochuuf ga`een tokkoo
tookkoo abbaa aadaa kan ta`e saba oromoo irraa
eegamu ol`aanaa waan taheef gumaachi yaadaa
fi beekumsaa nuti gumaachinu eegala dhuma hin
qabneedha
Check Also
Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate
Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …