Oduu Haaraya

SHEEKH MUHAMMED RASHAD KABIIR ABDULLEE KABIIR MUUMAYYAA

DHALOOTA ISAA :-
Dhaloonni isaa akka bara faranjiitti bara 1934.
BAKKEEN INNI ITTI DHALATE :
Baha Oromiyaa Carcar Laga Arbaa ganda Jarjaree ja’amutti
BARMOOTA ISAA KAN DURAATIFII KAN ITTI AANU :-
Barmoota isaa kan duraa :
•Abbaa isaa kabiir abdulleedharratti barate isaa daa’imaa waan abbaan isaa kabiira biyyaa imaama ummataa tayeef . Eegasii ulamaa’ii carcarii fi harar  keessa jirturratti barate.
BIYYA ARABAA DHAQUU ISAANII:-
•Eegasii biyya arabaa dhaqe. yamaniin jalqabee , eegasii biyya sa’udi’ii dhaqee bara 1950 hajjii fi umraa godhee ulamaa’ii biyya sanirratti waa barate. Eegasii beytulmaqdis (FALASXIIN) , Suriyaa dhaqee bara 1951 suuriyaa keessa bara shani ol taa’e. Ulamaa’ii gurguddoo biyya sanirratti waa baruuf jecha kan akka;  Sheekh Saalih Farfuur,kan akka Sheekh Abdurrazaaq Halabi’ii kan  Imaama masjida UMAWI’II .
MANA BARMOOTAA KAN INNI ITTI WAA BARATE:-
Mana barmootaa kan FATHGUL-ISLAAMII (ﺍﻟﻔﺘﺢ ﺍﻻﺳﻼﻣﻲ) je’amu seenee achitti barmoota islaamaa  hunda barate hanga ajaazaa fatwa`aa ulamaa’in suuriya’aa kenniteefitti .
 BIYYA MISRAA DHAQUU:-
•Eegasii suurya’arraa misraa dhaqee bara 1957  mana barmoota olii kan azhar kan (KULLIYYAA USUULUDDIIN)
je’amu seene .
WAAN INNI AZHARITTI BARATERRAA :-
 1. Beekkomsa qur’aanaa .
2. Beekkomsa Hadiitha .
3. Beekkomsa Seenaaa(History)
4. Beekkomsa  manxiqaafii  Falsafa’aa .
5. Beekkomsa Wajji Bulti’ii .
6. Bekkomsa Joghraafi’aa(Geography)
7. Beekkomsa Heeraa (Law).
8. Beekkomsa Amala Namaa
 ( ﻋﻠﻢ ﺍﻷﺧﻼﻕ ( . 9 . Beekkomsa haala namatti rarra’u kan dhalootarraa hanga du’utti .
BARMOOTA (AZHARITTI) FIXUU ISAANII :-
•Gaafni isaan barmoota jaami’aa azharirraa bayan bara  1962 inni kulliyyaa (USUULUDDIINIRRAA) kan tokkoffa’aa tayee baye, tanaaf iidaa beekkomsaa ta warri misraa amatarraa godhu keessatti ragaa tokkofa’aa badhaasaa wajji harka
JAMAAL ABDULNAASIRIRRAA fudhate bara 1963 .
DALAGAA JALQABUU ISAANII :-
•Isaa mana barmoota islaamaa kan gubba’aa keessatti  (MAJISTEER) baru’utti jiru azhar biyya soomaale’etti erge akka kaayuu isaanirratti dalagu, mana barmootaa kan isaanii keessatti qaraasisu’uufii masjida keessatti khuxbaa jum’aadhaa, gorsa
ummataa kennuu. bakki inni dalagaa tana itti jalqabe (BUR`OO) ammoo eega amata sadii azhariin wajji dalagee dalayduu
mootummaa soomaale’etti ida’ame akka waan biyyaa dalagu dandayuuf  duuba kitaaba diinifii kan afaan arabaatin mana
barmoota kan Jumhuuriyyaa Soomaaleeyiif barreessuu turee akkuma achitti qubee Afaan Oromoo kaayee yaroo dura
dursootif Raadiyoo Maqdishoo irraa afaan kanaan ummata Oromootiif beekkomsa adda addaa yaroo dheertuu keessatti
dabarsuu ture ..
IRRA GURGUDDOO WAAN INNI TOLCHE YOOKAA
BARREESSE:-
1. Hiikkaa Qur’aanaa Kan Rabbiin itti Bane .
 2. Barannaa Gaafa Afrika’aa ( Seenaa O . S . A ).
3. Ibsaa Islaamaa (Islam In Focus)
4. Hiikkaa Abbii shujaa’ .
5. Hiikkaa Hadiiza Afurtamaa Kan Nawawi’ii .
6. Yaada Fayyaa Qabutti Nama Yaamu , Akkaataa Hajji’iifii Umra’aa
7. Hiikkaa Towhgiidaa  Xahgaawiin Odeesse .
8. Akkaataa Qur’aana itti Qara’an . 9. Karaa jiddu jireysaa kan sababaa wal dhaba ulamaadhaa ibsuu .
10. Barsiisa akkaataa salaataa . duwaa’ii ganamaa galgalaatin wajji . 11. Kitaaba waan Diinarraa irraa hafiinsi hin jirre nama  barsiisuu
12. Oduu afaan  oromo`oo barreesu`uu yookaa harfii qubee  isaaa kaayu`uu.
13. Hiikkaa qur`aanaa gabaaba .
14. Tariikha nabii nageenyi isarratti haa jiraatu .
15. Hiikkaa Jechoota Arabaatifii Oromo’oo .
16. Kitaaba Walaloo Oromoo (SEENAA OROMO’OO) , Gorsa Joolle’ee , Gorsa Jaalalle’ee , Gorsa Marriissuu , Dhiichisa Dardara Oromo’oo , Dhiichisa Oromiyaadhaa , Faaruu Afaan Oromo’oo .
17. Hiikkaa Riyaadgusgaalihgiin.
18. Gadaa Yookaa Kaayyoo islaamaa .
19. Akkaataa Taraawiihga Kan Karaa Fayyaa qabuun nu gaye  .
20. Hiikkaa Waraqaat Kan Usuula Fiqhi’ii .
21. Xalayaa Gorsaa Tan Oromoo Kanadaa, Austraaliyaa, Awroppaa fi Itoophiyaa  Keessa Jirtuu Erge .
Arra du’aan dhabnullee yoomiyyuu waan inni nuuf barreessan yaadannoo isaati.
                  ~~~  Najiib Zannuun~~~

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …

One comment

  1. As wr wb akkam fayyuma nagaa badhadhaa? Najib horii bulii deeban Mata-dhiraa.
    Dr.Sheikh Mahamad Rashad Rabbi jannatul fardos haa keenuf . Yoomile yoomile seenaa yaadata .
    Seenaa dhalotaa dhalotaaf dabruu nuf kahan ka yoomile tahu. Quran Rabbi akka afaan keenna dheegenuf guddina afaan keenatif Oromummaaf Islamummale irra galatii kessaan jannata fi bilisummaa .
    Mata-nama.
    Rabbi jannatul fardos si haa keenu baba kiyyaa.