Oduu Haaraya

Oduu Ho'aa Ammaa; Muddee 16 Bara 2015 Godina Iluu Abbaa Booraati Baratootin Mana Barumsaa Qophaahina Sadarkaa 2ffaa...

Posted by Fetensa Ilu on den 16 december 2015

“Siifan Lolaa Oromoo Narra hin gortuu”

 

Oduu Ho’aa Ammaa; Muddee 16 Bara 2015 Godina Iluu Abbaa Booraati Baratootin Mana Barumsaa Qophaahina Sadarkaa 2ffaa Abdii Borii Gochaa Mootummaan Abbaa Hirree Wayyaanee Ilmaan Oromoo Irrat raawwachaa jiru balaaleffachuun Magalaa Mattuu Keessati Sagalee Mormmii fi Dhaadanoolee Lafa Keenya Alagaaf hin kenninu,Gaafiin keenya gaafii Mirgaa Abbaa Biyyuummaati jedhuuf sirboota “Siifan Lolaa Oromoo Narra hin gorttuu” jedhu Dhageessisaa oolaniiru.hiriira guyyaa kaleessaa Baratootin Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Mattuu Bahaniin wal qabatee Baratootin Hedduun Mana hidhaati guuramanii reebichi hamaan Irrat Geggeeffamaa jiraachuu maddeen keenya Ibsaniiru.oduudhuma wal qabateen Baratootin Yunivarsitii Mattuu Mormmii Isaanii guyyaa 3ffaaf kan itti fufan ta’uu caalaa guyyaa har’aa Muddee 16 Bara 2015 irraa jalqabuun guutummaati “Barumsi Bilisummaa Booda” jechuun Barumsa dhaabuu Isaanii beekameera.

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …