Oduu Haaraya

Sinodoosiin Oromoo ummata gantee amaarootarra miilarra kufte

Amantoonni bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo kumaatamaan lakkaa’aman magaalaa Naqamteetti hiriira bahan.

Dhiibbaa mootummaan sinoodoosii duraanii waliin ta’uun geessisaa jiruu fi hidhamuu abbootiin mufataniitu amantoonni har’a addabaabaayii kan bahan.

Mootummaan mirga dureewwan amantaa afaan, aadaa fi eenyummaa keenya beekanii fi kabajaniitiin durfamuu keenya mulquuf sinoodoosii duraanii waliin hiriiree dhufuun akkaan nu gaddisiisee jira jedhan namoonni hiriira mormii bahan.

Abboota keenya hidhuun badii guddaa dha kan jedhan hiriirtonni, mootummaan gochaa badaa akka kanaa irraa saffisaan akka dhaabbatu gaafannaa jedhan.

Uummanni Oromoo mirga afaan ofiin waaqeffachuu qaba, kana immoo eenyu irraayyuu heeyyama hin gaafatuu jedhan.

Jaarraa 21ffaa keessa afaan keessaniin hin waaqeffatinaa, nutu abbaa amantaa isiniif ramada jechuun adeemsi sinoodoosiin duraanii itti jiru waan fudhatama hin qabne akka ta’e himaniiru.

Mootummaan qabsoo jabaa uummata Oromoon gara aangootti dhufee Oromootu biyya bulchaa jira jedhu warra uummanni Oromoo Afaan Oromoon waaqeffachuu hin qabu jedhu waliin hiriiree abboota keenya hidhuun qaanii guddaa dha jedhan.

Maddi OMN

Check Also

Sinoodsii haaraa hundeeyfamerratti duulli maqaa balleessiin adda addaa baname.

Gareewwan mana amantaa ijaaruun olaantummaa paartii tokkoo kabachiisuu barbaadan abbootii Sinoodsii haaraa hundeessan irratti duula

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *