Leenjisoo Horoo
Ebla 10, 2023
Mata-dureen kun, yaadannoon guyyaa sanyii duguuggaa Oromoo barbaachisummaa isaa fi bu’aa isaa, rakkinnaa guyyaa kana dhugoomsuu irratti jiruu fi carraa Yaadannoo kana dhogoomsuuf jiru, gababbamatti ibsuu yaala. Seenaa ilma namaa keessatti, biyyoonni heddu, yaadannoon guyyaa sanyii duguuggaa akaakayootaa fi abaabayyoota isaaniirrattii fi akkasumas dhaloota ammaa irratti raawwatamee qabu. Garuu, Oromiyaa keessatti, Oromoon lammii isaanii- akaakayootaa fi abaabayyoota, akkasumaas, ittifufiinsaan isaan boodaas saba Oromoorratti duguuggaan sanyii raawwatamaa turee fi ammallee raawwatamaa jiruuf yaadannoo guyyaa duguuggaa sanyi hin qabu. Kanaaf, akkuma sabootni biraa lammii isaaniitiif guyyaa yaadannoo qaban, Oromoonillee guyyaa yaadannoo lammii isaatiif qabaachuun barbaachisaa fi dirqama seenaa ta’a. Lammiiwwan Oromoo hunduu kanarratti mari’atuu qabu. Oromoon biyyaa keessaa fi diyaasporaa jiraan, yaadaa fi ijjannoo tokkoon falmuu, duuluu, waliin dhaabbatuu fi dubbatuun yookiin abukaatoo ta’anii itti gaafatamummaa fi dirqama fudhatuu qabu. Oromoon, yaadannoo kana hojitti jijjiiruuf ka’uu qabu. Yoo Oromoon tokkummaan ka’e, kan isa dhaabuu danda’u hin jiru, jiraatuullee hin danda’u. Guyyaan Yaadannoo Sanyii Duguuggaa Oromoo kun Oromiyaa keessata labsama; Oromiyaa keessatti yaadatama.
1. Barbaachisummaa
- Siidaan Menelikii, Oromiyaa keessaa buqqifama; maqaan Menelikii gaaridhaan Oromiyaa keessatti waamamuun, kaafamuun,fi eebbifamuun yakka ta’a;
- Suuraa Menelikii ufata irratti maxxansanii ykn hodhanii uffatuun Oromiyaa keessatti yaakka ta’a;
- Alaabaan Menelik qabatee, Oromiyaa ittiin weeraree fi sanyii duguuggaa Oromoo irrattiin raawwate kan bifa magariisa, keelloo fi diimaa qabu qabatuun yookiin fannissuun Oromiyaa keessatti yakka ta’a; seeraan nama gaafachiisa;
- Kafana alaabaa Menelikiin kuulame ykn mallattoo alaabaa kanaa qabu, uffatuun Oromiyaa keessatti yakka ta’a; seera sanyii duguuggaatiin nama gaafachiisa;
- Faaruun alaabaa kanaa Oromiyaa keessatti faarsuun yakka ta’a;
- Sabni Oromoo, guyyaa yaadannoo duguuggaa sanyii lammii isaa irratti diinaan raawwatame kana, waggaa waggaan akka ayyaana ummataa, Oromiyaa keessatti dhalootaa dhalootan yaadata.
Seenaarraa akkuma hubatamutti, Jewn ykn Yahuudaan, sanyii duguuggaa Naazii Jarman irratti raawwateef, Guyyaa Yaadannoo Hoolookoosti Yahuudaa qabu. Armeeniyaan sanyii duguuggaa Ottomaan Impaayeri saba isaanii irratti raawwateef, Guyyaa Yaadannoo Sanyii Duguuggaa Armeeniyaa qabu. Akkasumas, Bangladesh keessatti, sanyii duguuggaa kan Pakistaaniin bara 1971, Bengali irratti raawwateef, Guyyaa Yaadannoo Sanyii duguuggaa Bengali uumamee kabajama. Kaamboodiyaa keessatti, fixiinsa mootummaan Khmer Rouge kan Pol Potiin hoogganamu saba isaa irratti raawwateef, Guyyaa Yaadannoo Sanyii duguuggaa Kaamboodiyaa jedhamee akka kabajjamu godhamee jira. Gara biraatiin, Ruwaandaa keessatti bara 1994, sanyii duguuggaa Tuutsii irratti Huttuu Paawer (Huttu Power) raawwatameef Guyyaa Yaadannoo Miidhamtoota Sanyii duguuggaa Ruwaandaa beekkama fi kkf heddutu jira. Garuu, Oromoon miliyoona shan kan Menelik II mootiin Amhaaraa sanyii duguuggaa raawwateef yaadannoo sanyii duguuggaa lammii ofiitiif hin qabu.
Akkuma beekkamu, dhuma jaaraa 19ffaa keessatti koloneeffataan Mootummaan Amhaaraa kan Meneliki II hoogganamu, sanyii duguuggaa Oromoo irratti raawwate; miliyoona shan lafarraa haxaawe. Kanaan booda, Oromiyaa weerare; koloneeffate, lafa fudhate, Oromoo lafarraa buqqise; qubatoota Amhaaraa irra qubsiise; qubatootni abbaa lafaa ta’an. Oromo lafa dhabe. Kana hordofuun koloneeffattoonni qubsiistotaa, Oromoo naanoo isaarraa qulqulleessuu, siyaasaa Oromoo ajjeessuu (politicide), aadaa isaa ajjeessuu (culturicide), afaan isaa ajjeesuu (linguicide), amantii isaa Waaqeeffannaa ajjeessuu (religicide) irratti, duguuggaa dhaabbilee isaa irratti fi eenyummaa isaa irratti raawwate. Kun hunduu irratti raawwatamee, garuu hamma har’ati Oromootni, guyyaa Yaadannoo sanyii duguuggaa lammii isaaniirratti raawwatameef uumuuf itti yaadaniis, irratti dubbataniis, tarkaanfii barbaachisu fudhatuu isaanii irratti dubbatamees, tarkaanfiin barbaachisaa ta’e fudhatamees, fi dhagayamees hin beekkamu.
2. Rakkinna Jiru
Dhugaan har’a jiru garuu, odoo Abiy Ahmad bakka Malas Zeenaawii Muummicha Ministeera Impaayeera Itoophiyaa yeroo san ta’ee jiraate, Siidaa Aanolee fi Calii Calanqoo akka ijaaramaniif hin hayyamu ture. Kana kan dhuga’oomsu, akkuma aangoo Imphaayeera Itoophiyaa irratti baheen Abiy Ahmad, Siidaa Yaadannoo Menelikii, Paarkii Tokkummaa (Unity Park) jedhee ijaare keessatti dhaabeef. Kana callaa miti, yeroo miseensi paartii isaa, Obbo Addisuu Araggaa, walgeettii Oro-Amhara, Ambootti geeggeffame irratti, Aanolee asoosama jedhee duula harkaa-harma muraa Aanolee irratti adeemsise, Abiy Ahmad hin dubbanne; jecha kanaaf, Addisuu hin qeeqne. Maaliif yoo jedhame, duulli Addisuu Araggaa Harmaa-Harka muraa Aanolee irratti adeemsise, kallattiinis ta’e al-kallattiin (kolbaaniis ta’ee kolba malee) fedhii MM Abiy Ahmad waan guuteefiif. Akkasumas, Oromoota hordoftoota amantaa Ortodooksii, Sinoodoosii Oromiyaa hundeessuu haaleera. Phaaphaasota Oromoo illee sodaachisee fi qaanessee, kunoo hoolota badde qabee isinii fide jedhee gara Sinoodoosii Impaayeera Itoophiyaa gara Phaaphaasota Amhaara geesse. Kana qofa miti, Abiyi Ahmad fi gareen fakkoo isaa, Alaabaan Oromoo Finfinnee keessatti akka hin fanniffamnee fi faaruun isaa illee akka hin faarfamne godhee jira. Dhugaan jiru, Abiy Ahmad fi fakkaattootni isaa akkuma qabsoo bililsummaa Oromoo dura dhaabatan, hundeeffamuu Guyyaa Yaadannoo Sanyii Duguuggaa Oromoo kanallee dura dhaabbatu.
Faallaa Itoophiyaanistoota Menelikoota murna kanaa, dura dhaabatee gocha isaanii fashalsiisuu kan danda’u saba Oromoo fi qabsaawoota isaa duwwaadha. Faallaa murna kanaa kan dhaabatu, ummatni bal’aan Oromoo, sabboonootni Oromoo, hayyootni Oromoo, fi hawaasni Oromoo diyaaspora jiran uumuu guuyyaa yaadannoo sanyii duguuggaa Oromoo guutumaa guututti deeggaru. Akka hubannoo kiyyatti, irra caalaan Caffee Oromiyaatiyyuu seeraan hundeeffamuu guyyaa yaadannoo saynii duguuggaa Oromoo ni deeggaru. Kanaaf, tokkummaa fi humna Oromoo duwwatu murnoota guyyaa yaadannoo sanyii duguuggaa Oromoo dura dhaabatan akka odoo hin jaalanne fudhataniif dirqisiisa.Kana qofa miti, Abiy Ahmad, ABO Gaafa Afrikaa keessaa dhabamuu qaba jedhee, Pirezidaantii Keeniyaa Uhuru Muigai Keeniyaattaa akka wajjiin irratti duuluuf gamtoomina gaafate. Kanuma wajjiin, Oromoon nu Oromoodha ofiin jedhuun of xinneessuudha jedha. Nuy, Itoophiyaawaadha ofiin jedhaa jedhe. Kanatti dabaluudhaan “Nuy jireennusi Itoophiyawa, duunuusi Itoophiyaawadha” jedhe. Yeroo Fiqaaduu Tasammaa, Jecha, akkuma qurxummiin galaana daaku, riphee lolaan ummata keessa socho’a jechutti fayyadamuudhaan, qurxummii dhabamsiisuu, galaana gogsuun barbaachisa jedhe. Akkasumas, riphee lolaa dhabamsiissuuf, saba inni keessa socho’u fixuun barbaachisaadha jedhe. Abiy Ahmad, Fiqaaduu Tasammaaf jechi isaatiif diniina hin kennineef. Kana caalaa ammoo, Abiy Ahmad mataan isaatuu, jecha Fiqaaduu Tasammaa gargaaru, samii fi lafarraan duula saba Oromoo lafarraa haquu irratti raawwaataa jira.
Kana duwwaa miti, Alaabaa Oromoo odoo Finfinnee keessatti balalisaa fi faaruun isaallee faaarfamaa ture, nafxanyootni iyyuudhaan kun Finfinnee Itoophiyummaa irraa bilisa ta’uu (de-Ethiopianization of Finfinnee) jedhanii dura dhaabatan. Kanarraa kan Abiy Ahmad, Alaabaa Oromoo Finfinnee keessaa kaase; faaruu isaallee akka hin faarfamne godhe. Yeroo Qeesootni Oromoo, sinoodoota Oromiyaa dhaabuuf tattaafatan, cinaa Qeesoota Amharaa dhaabatuun dhoogge. Murni kunii fi fakkaattootni isaanii, murna gaaddidduu suuraa Menelik waaqeeffatu. Kanaaf, Guyyaa Yaadannoo Sanyii duguuggaa Oromoo hojiirra oolchuu dura dhaabbatu. Xiyyeeffannaan siyaasaa murna kanaa, Impaayeera Itoophiyaa tiksuu, qabeenna Oromoo saamuu fi saamsisuu, saba Oromoo fi qabsaawoota isaa kan walabummaa fi bilisummaaf qabsaawan dhabamsiisuudha.
Akkasuma, murni gara biraallee kan gad-bahee ifaa fi ifatti qabsoo walabummaa fi Guyyaa Yaadannoo Sanyii duguuggaa Oromoo akka hundeeffamuuf hin falmine jiru. Isaan kun, Oromoota daraasoota (kittillayyootaa) Menelikii kan gara biraati. Akkuma, murnoota asii olitti maqaan kaafamanii, isaan kun Oromoota aangoo ykn lafa argachuuf gororan, Impaayeera Meneliki Sanyii duguuggaa Oromoorratti raawwateen ijaare tiksuuf olii fi gad, asii fi achi raatawaa fiigaa jiranii dha. Murni kun, fedhiin isaanii kan Abiy Ahmadiin addaa miti. Guyyaa Yaadannoo Sanyii duguuggaa Oromoo ta’ee, qabsoo walabummaa Oromoos ta’ee irree ta’aniifii gargaaruuf fidhii hin qaban.
Kanaa alatti, Oromootni siyaasaa gara biraa hordofanis jiru. Isaan kun, Oromoota Oromummaa fi Itoophiyummaa jidduutti hargufamaa fiigaa jiraatan. Jiddu jiraatoota Impaayera Itoophiyaa fi Oromyaati jechuudha; nurna siyaasaan asii fi achi bubbutamaa raafamaa jiru. Garreen kun, Oromoofiis fira, Amharaafiis fira. Dhokatanii jiraatu; ayyaanlaallattoota jechuudha. Murni kun, ifaa fi ifatti gad-bahanii qabsoo bilislummaa Oromoo fi Guyyaa Yaadannoo Sanyii duguuggaa Oromoo dura hin dhaabatan; ifaa fi ifatti dubbataniillee hin gargaaran; akkasumaas, ifaa fi ifatti Impaayeera Itoophiyaa duraas hin dhaabatan. Eennuunniyyuu yookiin murna kamiinniyyuu ifaa fi ifatti duraas hin dhabatan; hin gargaraniis. Maaliif, yoo jedhame, Impaayera Itoophiyaatiif yoo dhaabatan, Oromoon waldhabu; akkasumas, qabsoo Oromootiif yoo dhaabatan, Amhaaraan waldhabu. Kanaaf, jidduu jiraachuu filatu. Fedhiin murna kanaa, kan mooyate waliin deemuudha. Jechuun, yoo daraasootni Meneliki mooyatan, Impaayeera Itoophiyaa tan Meneliki ijaare reebbatu. Yoo, qabsaawootni bilisummaa Oromoo mooyatan, ni fudhatu; ni reebbatu. Yeroo dheeraaf qabsoon bilisummaa Oromoo haala kaniin keessatti rakkataa turte; ammallee rakkataa jirti. Gaafii, Guyyaa Yaadannoo Sanyii duguuggaa Oromoo gaafatamaarullee rakkoma kanatu mudata.
3. Carraa jiru
Oromoon saba wayyaba, waan fedhu hojitti hiikuuf, carraa guddaa qaba. Garuu, murteessaan carraa kanaa Oromoo ta ‘a. Carraan isaa tokko guddinna isaati; lammaffaan tokkummaa isaati; sadaffaan yaada tokko qabaatuu isaati. Yoo sabni Oromoo fi qabsaawotni isaa tokkummaan harka walqabatanii ka’an, humni tokkummaa kana dhaabuus, kan dhaabuu danda’uus; kan dura dhaabatuu danda’uus hin jiraatu. Menelikootaa haarawwanii (new Menelikists) fi daraasoota haarawwan Menelikii fi jiddu jiraatoota yeroo gabbaadduu keessatti mooyanaan irra aanama. Oromoon tokkummaan yoo ka’e, bakka imaammate gahuu danda’a. Kanaaf, qabsoo walabummaa Oromiyaa fi guyyaa yaadannoo sanyii duguuggaa Oromoo hojiirra oolchuuf tokkummaan ka’uun murteessaa fi barbaachisaadha. Rakkoon har’a Oromoo harkaa qabu, garuu, hoogganaa cimaa fi ititaa, dhaaba cimaa fi ititaa dhabuudha; hooggana kaayoo fi galii qabsoo Oromoo ifaa fi ifatti diinaa fi firaattillee himu dhabuu dha. Jagnootni Oromoo kan jireenna isaanii guutuu, qabsoo kana xumuraan gahuuf of qusannoo tokko malee qabsaawaa turan kan waan har’a Oromoo argate- qubee Oromoo, kaartaa Oromiyaa, tokkummaa Oromoo, Afaan Oromootiin baruu, fi kkf argamsiisan wayyabni isaanii warreegamanii jiru. Hambaan jagnootaa kanaa, Jaal Galaasaa Dilboo fi Jaal Damisee K. Sardaa, isaaniis har’a wareegamanii jiru. Amma, Jaallan hafan laakkoofsaan muraasa. Har’a siyaasni sabboonummaa Oromoo jeequmsa keessa jira; haala gaddisiisaa, sodaachisaa fi yaaddessaa keessa seenee jira. Rakkinna kana keessaa bahuuf, dhalotni har’aa, dursee gaafiin of gaafatuu qabu, akkamitti bakka amma jirru akka geenne hubachuu fi akkamiiniis keessaa bahuu akka dandeennu xiinxaluu fi beekuun murteessaadha.
Akka ilaalcha kiyyatti, dhalootni har’aa, qabsoo Oromoo rakkinna isa mudate kana keessaa baasuuf, itti gaafatamummaa fi dirqama waloo fi dhuunfaa kan kaayyoo siyaasaa fi galii qabsoo kanaa ofitti fudhatee, dhugoomsuuf tokkummaan ka’uun barbaachisaa fi murteessaa ta’uu fudhatuu qaba. Kun, kutannoo gaafata; tokkummaa gaafata. Tokkummaan humna. Oromoon humnatti of jijjiiruu qaba; gurmaawuu qaba. Gurmaawuun, maqaa Oromoo qofa maxxanfatuu odoo hintaane, akka Oromoo fi Oromiyaatti, qorqalbii Oromummaa dhugaa qabatanii kaayyoo siyaasaa fi galii mama hin qabne irratti hundaawuun gurmaawuun waan filannoo hin qabne. Jechuun, kaayyoo siyaasaa ifaa, galii ifaa, dhaaba cimaa, caasaa diriirfame cimaa fi hooggana waloo cimaa qabaatuun qabsoo walabummaa fi Guyyaa Yaadannoo sanyii Duguuggaa Oromoo kana xumuraan gahuuf murteesaa ta’a. Kun, gaafii qabsooti; gaafii saba Oromooti; gaafii qabsaawotaati. Waabiin qabsoo Oromoo galii isaatiin gahuu, tokkumaa saba Oromoo fi qabsaawoota isaati. Tokkummaan humnatti of jijjiiruun barbaachisaadha. Tokkummaan humna; diina mooyata; galii aggaamatameen saba gaha. Kana galmaan gawuuf,fedhii, kutannoo, ogummaa fi ciminna guddaa gaafata. Oromiyaa keessatti guyyaan lama yaadatamuu qabu. Isaaniis Guyyaa Yaadannoo Gootoota Oromoo fi Guyyaa Yaadannoo Sanyii Duguuggaa Oromoo ta’u. Baatii adda addaa keessatti yaadatamu.
Oromiyaan ni bilisoomti!