Oduu Haaraya

“Waaqni fi Faranjiin Nama Jabaate Gargaaru” Kanuma jabaadha

“Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, giddiidhaan utuu hin ta’in, jaalalaan, akka Waaqayyo barbaadutti, bu’aa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin ta’in, of kennuudhaan egaa*! 1Phexiroos 5:2

sinoodoosii oromiyaa

Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqayyo tokko

Ameen

Ummata Kiristaanaa hundaaf hunda dursa Waaqayyo Abbaan Keenya yeroo kana eebbisee waan nuuf kenneef, eeggumsaafi tolummaa isaatin waan nu eegeef galatni bara baraa isaaf yaa tahu.

Itti aansee akkuma beekamu Manni Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo bara hedduuf wangeela ilmaan namaaf lallabaa turteetti. Ammas jabeessitee itti jirti. Keessumattuu ayyaanota garaagaraa haala ajaayibaatin kabachiisaafi seeraafi duudhaa Kiristaanummaa tiksaa har’aan geesseerti.

Ammas hojiin eebbifamaa kun cimee afaanota hundaan ummata hundaaf akka gahu bu’ura Sinoodosii qulqulluun akeekeen hojjetamaa jira. Keessumattuu rakkoo abboota aadaafi afaan ummatichaa beekan dhabuun umamaa ture furuun yaaddoo tahaa tureera.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa kanatti abbootii ummata isaanii afaan ummatni beekuun eebbisuufi gaggeessuu dandahan muudameera.

Muudamu abbootiirraatti.

1. Mana Kiristaanatti subaa’een qabamee hojii eebbifamaa raawwateedha

2. Bu’ura kitaabilee seeraa Mana Kiristaanaa Kitaabilee akka Didisqiiliyaa, Fithaa Negestiitin Phaaphasotni Sadi walitti dhufuun abboota kana filaniiru

3. Eebbifamoo Phaaphasotni Lamaa ol walitti dhufuun phaaphasii biraa filuun akka dandahamu seera mana Kiristaana keenyati.

4. Holola Fonqolcha Paatiraarikiitu tahe jedhu dhugaarraa kan fagaatedha. Manni Kiristaanaa Paatiraarikio keenya Eebbifamoo Abbaa Maatiyaasin bulti.

5. Manni Kiristaanaa adda fottoqxe hin jiru. Mana Kiristaanaa tokkummeessufi tajaajila ishee cimsuuf murtee fudhatameedha

6. Qoomosota Manni kiristaanaa keenya kabaja kenniteefitu eebba phaaphasummaa argate. Qaamni manni Kiristaanaa hin beekne filame hin jiru.

7. Rakkoo Afaanii bu’urarraa hiikuuf gaaffiin kun marii Sinoodosii onkololeessa darbe gaafatame waan didameef abbootii qulqulluun aangoofi faayidaa keenyarra deebii ummataa deebisuu wayya jedhanii murtee fudhataniidha.

Walumaagalatti ummatni Kiristaanaa baga gammaddan. Abboota qulqulluu waaqayyoo siniif kenneef jecha galateeffadhaa! Tokkummaa mana Kiristaanaaf dhaabbadhaa. Olola sobaa deddeemaa jiruun hin burjjajja’inaa!

Jabaan Waaqa!

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *