Sirna abbaa gadaa
Kan mallattoo odaa
Odaa jala taa’uu galmaa
Seeratu jalatti tumamaa!
Dabareen walfilaa gadooma
Mirgatu akkasitti eegama.
Gadaan moo’ee kalee
Lubni buttaa qalee
Aangoo fudhatee galee.
Waggaa saddee gadoomee
Aangoon gadaa kennamee
Gadaan shanitti hiramee.
Har’a maalif badaa?
Sirni abbaa gadaa
Dimokiraasii jettee Giriik maqaa
Kan Oromootii dimokiraasiin haqaa
Seenaa kaleessaa isinumti laalaa
Dimokiraasiin ka Oromoottu caalaa!!
Gamteessaa Sabaa(A.T.)
Check Also
Damee hortee oromo Ilmman Oromo lammii (2)
1,boraana 2 ,bareentu Booranni Ilmman.12 dhalee isaanis 1,wallagga 2,callabba 3,goree 4,goofaa 5,sidaamoo 6,arii 7,dacee 8,garrii …