Daldalaa fi Laafinsa sirna gadaa
Gostti afran Qalloo takka takka warra 12 kan qabdu yommuu tahu sadarkaa warra irra Waan ol guddachaa dhufaniif ona mataa isaanii hundeessuuf rakkoon hin turre.haa tahu malee Bara 1570-1586ti akkuma walii galaatti oromoonni afran Qalloo gamtaa Afran Qalloo ( afran Qalloo confederacy) uumachuudhaan man- bultii bululoo gad dhaabatan.
Bara 1586-1594 keessa, sirni Gadaa ona Afran Qalloo keessatti hedduu daraaree ture. Baroota kana keessa, Oromoonni Afran Qalloo Gamtaadhaan sirna jila odaa, odaa Watar jalatti kan gaggeessan hoggaa tahu, yeruma kana keessa bululootti heera tumatan. Haa tahu malee jaarraa 18ffaan Oromoota afran Qallootiif “Distributive Era “ture.
Bara Hawaasni Oromoo irra caalaan sadarkaa horsiisee bulaarraa gara qonnaan bulaatti ca’haa tureedha. Kana qofaa mitti, akkuma beekamu onni Afran Qalloo irraa hedduun isaa kan hundeeffame sarara daldalaa guddicha irratti waan tureef hawaasni yeroo gabaabaa keessatti daldalaan wal fudhachaa dhufe. Gostti Noolee sarara jabuutii toohachuu qofaa mitti jiddu gala daldalaa tan mataa isaanii uumachuun magaalaa jaldeessaa hundeeffatan. Gostti Baabbilee gosoota Hawwiyyaa fii Garrii wajjiin gamtaa uumuudhaan sarara daldalaa kan Zeeylaa guutuu guutuutti toohachuu eegalan.
Gosti Alaa fi Oborraan magaalaa Harar wajjiin hariiroo daldalaa cimsachuu bira kutanii bittaa gurgurtaa maallaqa Harariin godhuudhaaf bara 1734 -1783 keessa Amiir Abdushakuur Yusuf wajjiin walii galan. Bara 1856 – 1875ti Amiir Mahmmad Ali mayyuu maallayni guutuu guutuutti ona Afran Qalloo keessatti akka hojjatu godhe. Haalli kun safisaan (Geopolitical ) siyaasaa naannoo sanii jijjiiraa dhufe. Qaamni sochii maallaqa toohatu naannoo sanitti humna tahuun as bahe. Bulchinsi sirna gadaa suuta suuta bulchinsa garaadaatiin bakka bu’aa dhufe.