Oduu Haaraya

Galmee Seenaarraa; Shoorri Jaal_Mullis_Gadaa qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessatti qabu

Adam Tukkaale Alii

Kan dhalate godina Hararghee bahaa aanaa Cinaaqsan, ganda Mullisaa Igguutti yoo tahu, warra gootota dhalchuun beekamuu, goota ilma Jaarsoo Dagaa Qallooti. Mullis Gadaa nama Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa malee afaanoota biraa hin dubbanne ture. Garuu Abshaalaa fi gamna gameessootaati. Qabsoo Oromootiif biyya Arabaa, biyya Somaalee, biyya Tigree, biyya Amhaara fi bakka adda addaa iddoon inni hin joorin hin turre. Dhugumatti FALMAA MIRGA DHALA ILMAAN OROMOO GUDDAA fi HANGAFA ture.

mullis gadaa
Jaal Mullis Gadaa

Shoorri Jaal_Mullis_Gadaa qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessatti qabu kan hammana hin ja’amne yoo tahu, garuu hanga gumaacha isaa takka hin seeneefamneefi. Qeerroo ganamaa marsaa duraa keessaa osoo mana hidhaa Somaaliyaa hin seenin kan hafe Mullis Abbaa Gadaa ti ture. Mullis Gadaa miseensa qeerroo ganamaa tahu qofa osoo hin tahin qabsa’oota Oromoo akka lakkoofsa faranjii bara 1969 dhaaba ABO unkuran muraasa keessa nama tokkoo fi hangafa ture. Gumaachaa Jaal Mullis qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gumaache himnee fixuu hin dandeenyu waan tahef, ammaaf qabsoo inni taasise keessaa akka qajjiisatti tokko qofa keessaa harkisnee ilaaluun, goota maqaan isaa dagatamuu hin qabne kana haa yaadannu!!.

Barri isaa 1973 G.C ti Hoggansi ABO kan jalqabaa fi miseensoonni Qeerroo ganamaa 36 osoo hidhatanii soomaaliyarraa gara biyyaa seenuuf yaalan mootummaa Somaaliyaatiin qabamanii mana hidhaa mandheeritti hidhaa jiru. Yeroo kanattis Qeerroon gamamaa marsaan tokkooffaa waggaa 3 ol mana hidhaa keessatti lakkoofsisanii jiru. Duuba Qeerroon ganamaa marsaan lammaffaa Hooggansa gootoowwan ELEMOO QILXUU fi HINDEE DHAABAAtiin durfamaa biyya Yaman Edanirraa ka’aanii, Soomaaliyaa keessa darbuun Carcar koonyaa Habroo, XIRROOti lola mootummaa Haayileesilaaseerratti jalqaban. Lola Guyyaa jalqabaatiin waraana mootummaa irraa nama 125 galaafatan. Yeroo kana Mullis A Gadaa Soomaaliyaa keessa jira ture.

Haala Sochii biyya keessatti deemuu jalqabamte tana gabaasni ishii Hayyuu Duree gaafasii kan tahe fi mana hidhaa Mandheritti kan argaman Jaarraa Abbaa Gadaa faa dhaqqabuu qabdi. Kanaaf Mullis Abbaa Gadaa ergama haala sochii biyya keessatti Elemoo Qilxuu faan itt jiran hordoofuu, Deeggarsa Qabsoo kanaatiif Loltoota Ertriyaa wajjiin walitti hidhata uumuu fi raawwii sochii kanaatis biyya Soomaalitti hidhaa kan jiran qeerroo ganamaatiin gahu dirqamni itti kenname. Dirqama kanas fudhatee Soomaaliyaarraa gara Oromiyaa miilaan imaluu jalqabe. Yoo kana Elemoo faanis amma reefuu Hararghee seenan. Mullis Isaan akkumma jirutti itti dhiisee, yoo Oromoon bahaan sochii kana jalqabu warri Eertriyaatis kaabaan qabsoo finiinsanii akka yeroo gabaabduti Mootummaa Haayilee kuffisan mari’ate. Osoodhuma Ertriyaa naannoo Karan jiru elemoo faan Xirrootti qabsoo finiinsaa jiraachuu fi waraana Mootummaa 125 ajjeessuu Raadiyoon dhagaye.

Yoo kana dhagayu dafee gad deebi’uu waan qabuuf gara finfinee dhufe. Haala sana deeggaruuf Carcar Habroo dhaqe. Guyyaa inni Carcar Galamso gahu Elemoo fi Hundeen wareegamanii jiru. Haa tahu malee sochii kanaan Oromoonni carcar daranuu dammaqanii , kaka’uumsi qabsoo mana mana oromoota Carcar hunda seene jira. Raawwii qabsoo Xirroo kanaa, daddamaqiinsaa fi sosoochii dargaggoonni Carcar sana booda itti jiran gabaasa qabate. Gabaasa Haala sochii kanaa Hoggoonsi Mana hidhaa mandherr jiru argachuu waan qabuuf, ammas miilaan ofbooda gara Soomaaliyaa imaluun mana hidhaa mandheeritti Jaarraa abbaa gadaa faan oduu saniin dhaqabe. Qeerroon ganamaa tan mana hidhaa mandheer keessa jiraniif haala kana dhageeysisee, Hamilee isaanii tan hidhamuu isaaniitiin miidhamte, Oduu kanaan dhaqabee daran Onnee isaanii abdii fi kutannoon guute. Gammoojiiif Baddaa, Gaaraa fi Tulluu, Biyya keessaa fi Ala, lafti inni bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf hindhaabbatiin waan jiru hin fakkaatu.

Mullis Abbaa Gadaa qabsoo Oromoo keessatti nama qalama hin haqamneen ofgalmeessuu dandayye. Goota Shoora culluluuqaa kaayyee addunyarra darbee dha. Seenaan isaa tulluu guddoo akka gaaraatti, barruu gabaabduu tanaan kan dhumtuu miti. Yoo rabbi ja’e Fuuldura itti dachaana .

Jaal Mullis Abbaa Gadaa Rabbi Jannataan haa qannaniissu!!

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *