Oduu Haaraya

Taphataa Kubbaa Miilaa Beekamaa Devid Beekamii fi Leenjisaa Aleksi Fergusen Tapha Dhiisuuf Labsan

WASHINGTON,DC — Warrii addunyaan kubbaa miilaa isaan taphatanii fi leenjsian irraa faaydaa hedduu argatte;David Beekamii fi Manajerii garee Manchester United,Alekis Fergusen dhiyoo tana kaan tapha kaan ammoo leenjii dhiisuuf labsan.

Devdi Beekam nama ganna 20 caalaa garee Manchester Yunaytid dabalee Amerikaa fi biyya gara garaa keessa taphachaa bahe.Marroo 400 caalaa taphatee goolii 100 caalaa galafate.Garee isaatii goolii marroo hedduu shaampiyoonaa English Premier League moohachiise.Dorgommii UEFA fi FACUP ya moohachiise.

Namii kun gaafa gannii isaa 17 taphachuu jalqabe,garee Amerikaa,LA Galaxydabalee biyya hedduu taphate.Beekam nama maqaan isaa beessisaa fi waan gara garaatiin hojjatame.

Beekamiin kun horii tapha kubbaa miilaa irraa argatuun dureessaa beekkamaa tahe.Abbaa ijoollee afuritii,jaartiin isaalleen moodelii beekamtuu.

Namii kaan leenjii ykn garee Manchester Yunited leenjisuu dhiise ammoo Aleksi Ferguseniiti,garee tana ganna 26 waliin turee marroo 38 moohachiise.Dhiyoo tanallee dorgommii English Primer League marroo 13essoof moohachiise.
Ganna 71tti xurataa bahee  nagaa dhaamate.

Madda: VOA

Check Also

lalisaa 2017

A Runner In Exile

After his dramatic protest at the Rio Olympics, Ethiopian marathoner Feyisa Lilesa didn’t feel safe …