Oduu Haaraya

Tatamsa’ina Vaayrasii Korona To’achuuf Murtoo MNO Dabarse

Mootummaan naannoo Oromiyaa tatamsa’ina vaayirasii koronaa ittisuu fi xiyyeeffannoo addaatiin socho’aa jira. Sosochii hanga ammaatti taasifame akka jirutti ta’ee gaaga’ama sababa dhibee daddarbaa kanaan dhufuu danda’urraa ummata keenya baraaruuf jecha murtoo dabalataa dabarsuun barbaachisaa ta’ee waan argameef mootummaan naannoo Oromiyaa murtoowwan armaan gadii dbarsee jira.

1.Geejjibni magaalaa keessaa kan akka taaksii,baajaajii, mootor saayikilii. gaarii fi kkf guutummaa guutuutti akka dhaabbatan akkasumas sochiin geejjiba ummataa naannoolee qaxxaamuru guutummaatti akka dhaabatu murtaa’ee jira. Sochiin geejjibaa ummataa aanaalee Oromiyaa keessaatti taasafaman dandeettii fe’umsaa isaanii %50 qofaan tajaajila akka kennani, tajiijila yeroo kennanis kallattiii ogeeyyiin fayaa kennaniin of eeggannoo cimaadhaan qofa akka raawwatamu murtaa’ee jira.

2.Walgahiin kamiyyuu akka dhaabbatu, caasaan mootummaas ta’e kan paartii gandaarraa aanaatti, aanaarraa godinatti, godinaa fi magaalota irraa naannootti waamichi walgahii godhamu kamiyyuu akka dhaabbatu, qaama walgahii waamus ta’e walgahii irratti hirmaatu kamiyyuu irraatti tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa kabajichiisuu akka irratti fudhatamu murta’aaee jira

3. Amma dandaa’ametti ummatni keenya sadarkaa gandaatti qe’ee isaa keessa akka turu sosochii baadiyyaa irraa gara magaalatti taasifamu irraa akka of daangessu murtaa’ee jira.
Walumaa galatti sosochiin ummataa bakkuma jiranitti akka daangeffamu, namootni bakka gabaa gurguddaa dhaquurraa akka of qusatan, gabaawwaan gurguddaan yeroodhaaf akka daangaa’an murtaa’ee jira.

4.Yeroo rakkinaa kana keessa saalaatnii fi kadhannaan gara Uumaa keenyaatti goonu barbaachisaa akka ta’e mootumman ni amana. Ta’us lakkoofsa heedduudhaan gara mannen amantaadeemuun tatamsa’ina dhibee kanaaf nama saaxila waan ta’eef sagantaaleen dhaabbilee lakkoofsa guddaadhaan taasifamu akka daangeffamu, namni dhuunfaadhaan mana ofiitti kadhannnaa isaa akka geggeessuu, abbootiin amantaas ummata baraaruuf jecha kallattii kaa’me kana raawwachiisuun akka tumsan mootummaan waamicha dabarse jira.

5.Manneen bashannanaa galgala, mannen ragadaa, manneen jimaa qamaasisanii fi manneen shiishaa dhibeen kun akka tatatmsa’u shoora guddaa waan qabaniif guutummaatti akka cufaman murtaa’ee jira.

6.Seensaa fi bahinsa magoolota Oromiyaa gurguddoo keessatti iddoon sakkata’iinsa ho’ina qaama namaa itti safaran (body tempratture check points) guyyaa har’aa irraa eegalee ogeeyyiidhaan akka eegalamu, sakatta’insa taasifamuun namootni vaayirasichaan qabamuun shakkaman giddu gala tursiisaa (Isolation center) dhiyeenya isaanitti argamu galanii hordoffiin barbaachisaan akka taasifamuuf mutrtaa’ee jira.

7.Ogeessotni fayyaa soorama bahanii fi barattootni ogummaa fayyaa barachaa jiran waamichi lammii isaanii baraaruuf tajaajila lammummaa akka kennani godhamuufi waan maluuf waamicha mootumaan taasisuuf akka of qopheessani.

8.Yunvarsiitiiwwan naannoo Oromiyaa keessa jiran, kolleejotni, giddu galli dargaggootaa, manneen barnoootaa namoota vaayirasii kanaan qabamuun shakkamaniif bakka tursiisaa (isolation centre) ta’anii tajaajiluuf akka qophaa’aan murtaa’ee jira.

9.Manneen hojii moootummaa tajaajila kennuu kan itti fufan ta’a. Ta’us hojjetoootaa murteessoo ta’an qofa hambisuun kanneen biroo murtoo hoggansa dhiyootti aragamuun boqonnaa akka bahan, iddoo hojii fi geejjiba waliinii keesatti gorsa ogeeyyii fayyaatiin kenname namuusa cimaan hojiirra oolchaa tajaajilota murteesssaa ta’an qofa akka kennan murtaa’ee jira.

10.Tatamsa’ina vaayirasichaa ilaalchisee qaamota odeeffannoo sobaa tamsaasuun ummata burjaajessan irratti tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa kabajichiisuu cimaa ta’e akka fudhatamu murtaa’ee jira.

11.Yeroo rakkinaa kana bira darbuuf tattaaffii godhamaa jiru kana keessatti humni mootummaa xiqqaa waan ta’eef ummatni akaataa duudhaa Oromummaatiin akka walbira dhaabatu, inni waa qabu namoota harka qalleeyyii ta’an akka gargaaru, kenniinsa tajaajila lammumaatiin qabeenya, humnaa fi beekumsa qabuun akka walbira dhaabbatu, qaamni mootummaa sadarkaan jiru hojii tajaajila lallmuumaa qindeessuun dhibee kana mo’achuuf sochii taasifamuuf qabeenya, humnaa fi beekumsa jiru walitti qindeessuun sochii ittisaa fi to’annoo vaayirasichaaf oolchuuf xiyyeeffanno adaatiin itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan kallattiin kaa’amee jira.

12.Murtoo Mootummaan naannoo Oromiyaa ummata keenya balaa dhibee vaayirasii kanaatiin dhufurraa ittisuuf dabarse qaamotni nageenyaa ol’aantumaa seeraa kabajichiisuudhaan akka raawwachiisan ajajni darbee jira.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bitootessa 21/2012
Finfinnee

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …