Oduu Haaraya

Tokko hundaaf, hunddis tokkoof jenne wal haa tiksinnu..

Oduu dhangala’a fi hubachiisa. 
Kutaa lamaffaa. 
‪#‎OromoProtestsInjustice‬
Hardha GUYYAAN Caamsaa 27, 6408ALO, Caamsaa 27, 2014ALA fi Caamsaa 19,2006 ALH 
Torban darbe waayyee leenjii basaasoota “namaa” kan cyberspace(Fb, tiwtter fi email) oduu Kutaa 1ffaa isiiniif dhangalaasu ni yaadatu.

Leenjifamttootni KUN bakki dhoksaan itti leenjifaman biyya mootummaa TIGRAAYI Damee Yuniversity Makele ta’ee kan maqaa addaa Kelamino ykn techno-College jedhamee beekamu keessatti ture. Oggeeyyii cyberspace kan lammii Chaayiinaa, dhalootaan Oromoo hin tahiinnii fi qaxiiranyaa adii Kaaba Amerrika fi Auroopaan icciittin gaggeefame KUN guyyaa afurtami shaniif guyyaa fi galgalaan leenjiin gaggeefame KUN Wixata darbe 16,2006 ALH ykn 24, 2014 ALAti xumuramee ykn ebbifamuun leenjifamttootni gara Yuniversity illee Oromiyaa bakka irraa dhufaniitti qajeeluun isaannii oduu dhangala’a nu dhaqabe irraa mirkaneeyfachuun danda’ameetti jira. Mootummaan Faashistin Atsee TPLF basaasoota amma dura addunyaan maqaa itti hin baasiinii fi hin bobbaasiin ” nechi lebashoota” cyberspace Oromoof leenjiifachuun isaa hangam Yaadoon akka dhiphachaa jiru agarsiisa.

Karaa biraatiin ammoo hangam mirga dhala namaa dhiituuf akka qophaawwaa jiru mirkaneeysa. Mootummaan faashiistin KUN guyyaa TOKKOFILLE aangoo irra turuuf bitaa fi mirga kijibaa oolee buluu isaatiin kan beekamu ta’uu illee waan amma gochaa jiru kuni garuu xiyyeefanaa Saba Oromoo irratti qofa xiyyeefachuun basaasoota qaroo Oromoo irratti bobbaasuun kuni gochaa Nazi Germani waliin isa fakkeessaa jiraachu isaatti. Gara biraattiin farrumaan ummata Oromoof qaban dhaalmayuma Atsee Yoohaanis akka fudhatannii hojiirra oolchaa jiran agarsiisa. Sodaa fi jibbiinsa irraa tarkaanffiin fudhatamu hunda Karaa faashiistummaati geeysu isaa hubachuuf faayyeedaan ijaa fi gurra cufachuun gara sirna dukkanaatti Nama geeysu isaa Silaa hubatanii gocha kana irraa Osoo fagoo hin deemne irraa dhaabatannii gaarii dha.

Ilmaan Oromoo gurra waliif kennuun haala kana oduu waliif dabarsuun uf tiksuu fi wal tiksuun dirqama dhalootaa akka ta’eetti akka fudhataniin akka koodee fi jaala keessanniiti dhaamadha.
Tokko hundaaf, hunddis tokkoof jenne wal haa tiksinnu. Dhuma irratti yakki dhala naamaa irratti hojjatame tokko illeen hin dhokane. Fuuladuraafillee hin dhokatu. Haqa qabnna. Haqnniis dhuma irratti ni injifata.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …