Oduu Haaraya

SAREEN WARRA NYAATTEEF DUTTI

Abaa Milkii 

Erga mormiin “master plaanii”Finfinnee jalqabamee gareen faashistii mootummaa ofiin jedhu mormii kanaan baarage (wareere) barattoottaf ummata Oromoo harka duwwaa hiriira bahanii yaada isaanii ibsatanirratti rasaasa roobsun daa’imman wagga 8 irraa kaasee barattoota sadarkaa adda addaarra jiraniifi jiraattota maanguddoonni keessatti argaman jimlaan ajjeesuu fii mana hidhaa beekkamuuf hinbeekkamnetti guuree dararaa suukanneessaa irran gahaa akka jiru waan Addunyaan marti quba qabuudha. Kanuma laalchisee ergamtoonni wuyyaanee nama muummicha ministeeraa ofiin jedhurraa kaasee af-yaa’in mana marii fii anga’oonni OPDO sadarkaa adda addaarra jiran mormii kana dhaamsuuf fashalsiisurratti halaknii guyyaa hojjachaa akka jiran miidiyyaalee saanitiinis taee kan biyyoota alaatin ibsa kennannirraa argaa jirra. Namoota watwaataa jiran keessa namni saba Tigray hanga ammaatti keessatti hinmul’anne. Isaan duuba taa’anii afaan meeshaawwan dubbatan kanaa ajeejaa, keessan dubbachaa jiru. Ergamtoonni ammoo qaaman nama ta’anii huummamman malee hojiin saanii hojii meeshaa (mayicraafoni namni keessan dubbatu) waan ta’aniif bakka itti ergaman dhaqanii waan itti himame sana ummatatti diddigaa jiru. Yoo kana raawwatan nameenyaan saanii qixxuma barcuma mana aangawaa TPLF keessaa jiruu kan yeroo barbaadan bakka fedhan kaa’ani irra taa’an, yoo barbaadamu baate baasanii gatani, ykn caccabsanii bobeessaniitti gadi bu’eeti jechuudha. Kana baruuf qorannaa addaa gochuu nama hindhamaasu. Waayee Junaddiin, Hasan, Almaz, Yonaatan,…..faa ilaaluun gahaadha. Jarri kuni bara aangorra turan yakka suukkanneessaa gooftoliin saanii ummata nihogganna jedhan kanarrtti dalagan adda durummaan raawwachaafi yakka san haaluuf golgaa adda addaan haguugun diina tajaajilaa turanii gaafa barbaachisummaan saanii raawwatu akka barcuma hinbarbaadamnee sana salphaatti baasanii gatamani. Biyya bittaa alagaaf mijeessaa turan sana keessarree jiraachuu mirga dhabanii seenaa saanii xuraa’a baatanii biyya ambaatti baqatanii jiruu baqataa gaggeessu dirqaman. Iddoo itti baqa tanittis jiruun saanii salphaa miti. Hawaasa kamittu makamuuf carraa hinqabani, morma ol qabatanii deemuuf hamileen keessatti du’ee oromoo yoo argan qaaniifi sodaadhaan akka bosonuutti baqaachaa jiraatu. Namni kanarraa barachuu hindandeenye ulaagaa namoomaa hinguuta jedhani amanuun nama dhiba.

Kanarraa barachuu kan dadhaban ergamtoonni amma akka saree maraattee oliif gadi fiigaa hirriiba dhabanii ummata Oromootti duulaa jiran kuni akkuma hojiin saanii ibsutti misoomni Oromiyaa danqame jedhanii miti. Mormiin ka’e, qabsoon jalqabame umrii bittaa gooftola saanii kan gabaabsu waan ta’eef badii kana hanqisuuf irriba dhabanii hojjachuuf ergama itti fe’ame baatanii oliif gadi fiigaa jiru. Gooftola saanii qofaa oso hinta’in isaanis harcaatuu guurratanirraa kan isaan hoonggessu ta’e itti mul’ate. Kanaaf watwaataa jiru. Gooftoliin garuu hanga har’aatti hindubbannee. Sarootuma hidhaa keessa jiran sansalata itti dheeressani gadi baasanii “jaas!” jechuun ummattatti duchisiisaa ummata akka ciniinan taasisaa jiru. Saroonni kunis harcaatuu funaannachuf dutuu waan qabaniif ummatatti dutaafii ciniinaa jiru.

Namicha ministeera muummee ofiin jedhurraa yoo kaane, jalqabumarraa kaasee namni kuni nama biyyaa mitii anaa tokko bulchuufu gahaa ta’e natti hinfakkatuu. Gabaabsee ibsuun yaala.

1-Ummanni inni keessaa bahe ummanni Walaayitaa (Walaayitaa qulqullu ta’u saa wantin beeku hinjiru, naannoo hundumattu DED keessa seenanii kan ummata maqaa dhahatan alagaan ficcisiisaafi fixaa jiran diqaalota, ykn miseensota saba biraa afaan naanno sanaa dubbattan – kan rakkina eenyummaa (identity crisis) qaban waan ta’eef) weerara Minilik dura dhaabbatee gootummaa hiriyaa hinqabneen falmatee (waraana sana keessatti namni 96,000 akka jalaa wareegame seenaa keessatti galmayee argamaa) meeshan caalame erga cabee booda bittaa kolonii kana hinjedhamnee suukanneessaa akka gabrumaan gurguramufi guutummaatti maqaan cabsoo “garba” jedhmu koloneeffattoota kanaan kennameefi hamileen isaa cabee akka jiraatu taasifamee akka ture waan haalamuu miti. Ummanni kuni haala akkasii keessa oso jiru namni kuni akka nama barate tokkootti qabsaa’e haala sana jijjiree ummaticha gabrummaa qaamaf sammuu jalaa baasuun oso irraa eegamuu innu sammuuf qaama isaa gabroomffattootatti gurguratee ummata isaa bira darbee ummattoota impaayaratti keessatti sakaallaa gabrummaan hidhamanii jiran hunda daran itti cimsuuf gabroomffattootaf afaan ta’ee hojjachaa jira.

2-Duguginsa sanyii ummta Sidaamaa(waan Hawaasaa Loqqeetti ta’e yaadachuun nidana’amaa), Gaamoo, Goofaa, Daraashee, Qucaa, ummattoota Omoo kibbaa fii kkf irratti raawwachiisaa ture dhiifnee ummatuma keessaa bahe ummata Walaayitaarratti raawwachaa ture yoo laalle namni kuni nama harkisaa dhiiga ummattootanii dhoqaayee akka ta’e argina. Duguuginsa sanyii Arakkaa (Walaayitaa) keessatti raawwatame yaadachuun nigaha.

3-Seera uuman ala haala bittaa koloneeffattootaa mijeessuuf afaanfi eenyummaa sabootaa dhabamsiisanii saba eenyumaa issa himachuu hindandeenye uumuuf yaalii gochaa turan hojiirra oolchuuf afaan sabootaa Wlaayitaa, Gaammoo, Goofaa, Daawuro walitti makuun afaan haar’a “WAGAAGODAA” jedhamu tokko umanii mana barmootatti barsiisuun ummata fudhaciisuuf kitaabota qarshii miliyoona saddeet fixe maxxansiisanii gaafa baasan ummannifi maanguddoonni saboota kanaa dura dhaabbatanii wareegama guddaa baasuun harkati maseensani. Kitaabonni suni qarshii sana huunda baatanii akka reeffatti biyyee keessa awwallamanii hafan. Kana huunda kan raawwachiisaa ture saree sansalata wuyyaaneen qabamee amma nutti dutaa jiru, dhiiga wareegamtoota keenyatti qoosaa jiru, qabsaa’ota keenya doorsisaa jiru kana. Namni kuni akkuma seenan isaa ibsutti amanamummaa gooftola isaa kan argate beekumsa isaan oso hinta’in nama angoof harcaatuu gooftola isaa argachuuf jecha ummata isaa fixaaf ficcisiisaa ture waan ta’eef yoomiyyu nama kanarraa hindeebineefi yoo ajajame tarii maatii saatuu wreeguuf duubatti hinjenne nama dhiiga dheebote akka ta’e waan beekaniif filatani.

Jarreen Oromoo ofiin jechaa daaiimaniif ummata Oromoo ficcisiisun isaan hanqatee dhiiga jiidharra dhaabbatanii wareegamtoota cubbuun dhiiga dhangalaasan kana maqaa xureessaa du’a saanii du’a saree fakkeessuf yaalaa jiran anga’oota ofiin jedhan keesaa kan akka Minaasee W/giyorgis (Abbaaduulaa ofin jedhu), Taayyee T/ hayimaanot (Kumaa ofiin jedhu), Asteer Maammoo (saba kullo ta’un shii himamufi Abbaay Tsahaayee akka itti galu dubbatamu), Dirribaa Kumaa,Abdulaziiz Mahaammadfi kkf keessatti argamu.

Gareen ifa hinbayin duuba taa’e ergama kana raawwachiisaa jiru Muktaarn (miseensa saba Yem) hoogganamus nijira. Isaan kuni hundumtuu abbaa dhimaa miti. Ergamtoota warra abbaa dhimmaati. Saroota harcaatuu guurrachuuf lubbuu ilmaan Oromoo harcaatutti gurgurataniidha. Abbaan dhimmaa wuyyaaneedha (TPLF). Isaan kuni warra harcaatuu saanii funaannachuuf qaamaf afaan saanii jara kanaa kereessaniidha. Saroota karra warra abbaa dhimaa eeganiidha, sansalata warra abbaa dhimmatiin qabamanii yoo isaan dutaa jedhaniin warra dutaniidha, yoo isaan ciniinaa jedhanii warra utaalanii ummata ciniinaniidha. Jechan jara kana ittiin ibsu narakkisa. Nama sammuu malee hummame arguuf dhaga’u baadhus jarri kuni garu sammuu qabaachuu saanii amanuunis nadhiba. Namni sammuu qabu, namni akka namaatti yaadu oso hindirqisiifamin gabrummaatii ( sarummaatti) of jijjiru bar-dhibbee kana keessa jiraachuu issaa arguun, dhaga’un, amanuun waan nama dhibu waan ta’eef. Jarri kuni maal rakkatan? Maaf sarrummaa filatan? Maaf halagaa tajaajiluun isaan gammachiise? Gaafiwwan kanaa deebii kennuuf sammuun saanii qoratamuu qaba jedheen amana.

Hunda saanii waan isaan xibaaran kaasee qeequ hinyaalu. Isaan keessaa abidda gooftolii saanitti qabate kana dhaamsuuf gooftola isaa caalaa muddamee amma afuurri citutti oliif gadi fiigaa kan turef ammaree itti jiru Minaasee W/Giyorgis soba xibaaree keessaa wantoota nama gaddisiisan sadeen tokko kaasee ilaaluun isin hubachiisuun barbaade.

1- Waayee ajjeechaa Ambotti raawwatameef sababaa gooftola isaa yakka jalaa baasuuf xibaaree akkas jedhe; “barattoonni hiriiricha akka bahan dursanii beeksisuu oso qabanu sana hingoone; barattoonni kuni yaaduu baatanis humni alaa itti makame waan qabeenyyaa barbaddeessu jalqabeef kana ittisuuf tarkaanifin suni fudhatame”jedhe. Kunis seera qabeessa (legitimate) akka ta’e ummata fudhachiisuu yaalaa ture.

Garuu seeruma saanitins ta’ee seerota Addunyaa kanarratti mootummaa abbaa hirree kamiinuu bahan keessatti namni qabeenyaa barbadeesse, ykn, oto hinbeeksisin hiriira bahee rasaasan reebamee yaa ajjeeffamu, yookin hidhamee yaa dararamu kan jedhu hinargine. Kuni seera TPLF oso barreessee ummatatti hinbeeksisin uka keessa kaayatee ummata ittin duguugaa jiruudha. Seera bardhibbee 21ffaa keessatti hafee seerumti ilma namaatin yeroo jalqabaatif bar kumee hedduu dura bahe jedhamee seenaa Addunyaa keessatti galmaahe jiru seera mootii Baabiloon Hamuraabii jedhamuuti. Seera kana keessattu nama qabeenyaa saamee, ykn eyyama oso hingaafatin hiriira bahe rasaasan reebaa ajjeesaa hinjedu. Seerumti sunirree kan labse “nama ija balleesse ija balleessaa, nama ilkaan cabse ilkaan cabsaa…..” (“an eye for an eye, a teeth for a teeth”) isa jedhu jechaadha. Gochaan faashistoota kanaa garuu ammayyuu sadarkaa sana bira akka hingayinfi sadarka savagery ykn barkumee hedduu sana duuba akka jiran agarsiisa. Adunyaa mooksuuf maqaa demokraasii golgatanii wanti qabatamaatti raawwachaa jiran garuu dalagaa faashistoota jalqaba wadhakkaa bar-dhibbee 20ffaa keessa ka’anii turaniin kan wal gituudha.

Qabeenyaan karuma fedheenuu deebi’e bakka bu’u danda’a lubbuun namaa garuu takka baanaan waan deebi’e bakka bu’u miti. Kanaafuu lubbuun tokko bahurra qabeenyan biliyoonan lakkaawwammu baduu wayyaa. Namoonni du’an kuni qabeebyaa san barbadeessuu saanii eenyutu mirkaneesse? Namoonni ajjeefaman kuni dhuguma namoota gochaa sana raawwatani? Akkamitti ummata 25,000 ta’u keessaa battalatti adda baafachuun danda’ame? Eega akkasitti adda baafachuun danada’amee ajjeessurra qabanii seeratti dhiyeessuun tarkaanfii seera qabeessa hnturre? Gaafiwwan kana xiinxalaati cubbuun akkamii akka raawwatame hubadhaa. Ergasii waan kana qorachuuf tarkaanfii akkamiitu fudhatame? Namoota itti gaafatamoo hojii suukanneessaa kana dalagan keessaa nama meeqatu towanno jala olee qoratame, ykn qoratamaa jiraa? Wanti dhageenye hinjiru. Jara kanaaf lubbuun Oromoo lubbuu simbiraa ykn saree abba hinqabnee (kan abbaa qabu dhiigni saa bahuu danda’a) ta’e jechaadha. Kana hojjataniis waan hinqaanofneef har’as waayee namoota du’anii oso hinta’in kan garaa saanii gubaa jiru qabeenyaa barbadaaye. Dhukkubni isaan dhaye dhukkuba qabeenyaati. Isaanii lubbuun ilma namaa faayidaa hinqabu, kan of gurguraniif qabeenyaaf waan ta’ef halkanii guyyaa kan ija dura isaan dhufu waayeedhuma qabeenyaati. Essa taa’anii, kana booda umurii waggaa meeqaa jiraatanii akka nyaachuu danda’an waan yaadanii beekan natti hinfakkaatu. Aduun saanii kan aangos ta’ee kan umrii akka gadi dhundhultee lixuuf karra gubbaa geesse waan hubatan hinfakkaatu.

Akkuma bakka hundattu hojjachaa turaniif har’as itti jiran ofii basaasota saanii (agent- provocateurs) erganii badi sana erga raawwachisiisanii booda barattootta rasaasan duguuguutti ka’ani. Akka barattoonni badii sana hindalagiin ammoo ofumaafuu mirkaneessaa jiru. Ergamaan kunisi kan dubbachuu yaalee kanuma. “ Badiin kuni warra alaa itti makaman dalagame” jedhe malee barattoota kanatu raawwate hinjenne. Eega kana ta’e daa’imaan hamaaf gaarii addan baasanii hinbeekne umrii waggaa sadeetiif kkf gaaga’un maa barbaachise? Daa’imman homaa hinbeekne kunis saamicha ykn qabeenyaa barbadeessu dhaqaniiti? Lubbu qulqlluu bahee kanaafii dhiiga qulqulluu dhangala’e kanaa eenyutu itti gaafatama? Akkuma ergamtichi kuni jedhutti dhiiga saree ta’ee hafaa? Namni kuni kan amma hojjachaa jirurra ajjeechaa gota Oromoo Obbo Daraaraa Kafanii akka qindeessee raawwachiisee waan kitaabarratti bahee dubbifne waan ta’eef ajeechaa sanaaf oso itti hingaafatamin yookin akka aadaa Oromootti dhiifama gaafatee gumaa hinbaasin har’as dhiiga daa’imman kichuu, gooftola saa wajjin walta’un dhangalaase seera qabeessa fakkeesse dhiiga jiidharra dhaabbatee yoo maatii ijoolleetti lallabu arguun namni kuni hangam cubbamaafii nameenyaadhaa ba’e akka ta’e argina.

Nama kana ijoolleen Oromummaa saa shakkanii lammii isaa gaafachuun saanii sirrii ture. Namni Oromo ta’ee aadaafi safuu Oromoo beeku haaluma fedheenu nama ajjeesee, maatiin reeffa oso hinawwaalatin, oso imimmaan ijarraa hinqooriin, dhiiga ijoollee gara-jabinaan duguuggamanii jiidhaa gubbaa dhaabbatee ijoolleen keessan saamicharratti ajeefaman jedhee duuti ijoollee keenyaa sirridha jedhanii akka fudhatan doorsisuuf itti falquu hindhaqu ture. Garaa madaayeerratti madaa dabale. Lapee dhiigaa jiru daran waraanee dhiigise. Kuni madaalli kamiinu yakka jechaan ibsamuu hindanda’amne ta’u bira darbee nama amantii qabuuf amantii kaminuu cubbuu cubbuu caalu ta’e mul’ata. Gochaan kuni waan faranjoonni “ adding an insult to injury” jedhan tokko fakkata.

Ani akka natti mul’atutti ergamni saa kuni tasggabbeesu oso hinta’in yoo akkas goone maal nugootu jedhanii gaanyii deemuu natti fakkata. Hinbeekne malee ammuma ummaticha salpisu, xiqqeessu, tuffatu, innis gooftola isaa biratti xiqaata, tuffatama salpifama. Yoo ummata kana hinsoodaanne bar wuyyaaneenis ergamtuu akka isaa hinbarbaadduu.

Habashoonni ergamtoota kana duuba taa’anii oliif gadi isaan furgguggachaa jiran alagaan akka Oromoo hafee walii saaniitifuu akka wal hinmararfanne, safuu walii hinqabne, aangorratti walduguugaa akka as gahan seenaan saanii ni ibsa. Ammas kan hojjachaa jiran ittifufiinsuma saniiti. Ergamtoonni kunis ergaa saanii kana raawwachuuf hirriba dhabanii ummata biyyatti fixaa jiru. Nameenyaan (personality) ergamtoota kanaa gadifageenyaan yoo laallamu ammoo akkuma maanguddoon Oromoo tokko kana dura dubbatan warra mana dugaatitti dhalatanii, karaarratti guddatanii aadaafi safuu ummataati halagaa ta’an akka ta’an hubanna. Oto akkas ta’u baate ergamaan kuni dhiiga jiidharra dhaabbatee wareegamtoota kana hin abaaru ture. “Ijji hinqaanfanne ciimman nama laalti” jedhuu miti.

2- Ergamaan kuni lafa akka Ada’aa, Bachoo, Wlmaraa, Goodaa Salaale fi kkf tuqee lafti kuni kan Xaafii magarsuuf oomisha guddaa kennu waan ta’eef magaalaanfii warshaan akka irratti hinijaaramne irratti walii gallee jedha. Warshaanfi magaalan lafa qonnaaf hinbarbaadamnerratti akka ijaaramuufii lafti qonnaa ammoo qonna ammaayyaa (mechanized farm) tti jijjiramee akka Xaafii bal’inaan oomishu akka karoorfame nutti himaa ture. “Alshashum zor alu” jedu warri Amaaraa dubbi akkasiitin. Qotee bulaa kamtu qonna ammayya kana hojjachuuf beekumsaaf kaapitaala qaba laata? Yoo kuni ta’u warri laficharra jiran eessa dhaqu nuun jedha laata ergaamaan kuni? Tigroonni lafti Gaambeellaaf naannoo biraa waan irraa fagaateef Finffinnee viilaa saanii keessa jiraachaa lafa naannoo finfinnee kana hiratanii akka qotatan mijeessaa jirra jedhee oso dhugaa dubbatee amanamaa ture. Jecha kana ofumaa yoo ittin afanfaajja’e malee ummata Oromoo afanfaajjeesuuf akka hindaneenye beeku qaba.

Lafti hektaarri 40,000 goodaa Dukam lafa Xaafii akka biraatti magarsu warshaa simintoo Caayinaattii kan gurgurame bara namni kuni presedaantii Oromiyaa ofiin jedhu akka ta’e namni irraanfatu waan hinjirreef jechi isaa ammaa kuni eenyumayyuu mooksuuf humna hinqabu. Lafti kuni lafa Ada’aa inni faarsaa jiru sana keessaa issa omisha Xaafitin beekkameedha. Yeroo lafti suni hundi fudhatamu innii maal hojjachaa tureet har’a waan humna isaa keessa hinjirre akka waan raawwachuuf deemu ummata afanfaajjessa?

3- Waayee qotee bulaa naannawa Finfinnee lafti irraa fudhatamee yoo dubbatu “lafti mana irratti ijaarratan akka kennameef, hojii fooyya’s qabatanii jiruu duraan jiraatanirra jiruu fooyya’aa akka jiraatan ibse. “Kan iyyeessatti hinfalqine hinbadhaadhu” jedhuu miti. Kuni falqa, tuffii, garajabina, guddaa lubbuu namaatti qoosuti.

Lafa Ada’aa farsu kana Aqaaqii kaasee hanaga Adaamaatti, karaa Maqii hanga Qooqaatti, Goodan Bacho hanga Waliso gahutti, Buraayyuu hang Ambo gahutti, Sulultaa hang Fiicheeti Laga-xaafoo kaasee hanga Alaltuu gahutti fii k.k.f warshaa adda addafi qonnaan abaaboo duunfatee akka jirufii qotee bulaan lafti suni irraa saammamee fonqolchame baqataa biyya keessaa ta’ee oso jiraachaa jiru badii sana oso hinsirreessiin badii biraa dabaluu yaaluun akka gaaftokko gumaa nama baasisu beeku qabu.

Qotee bulaa san hojii akkamii qabsiise namni kuni? Dhugaan jiru qotee bulaan homaa barmoota (gahaa) hinqabne hafee ijoollee maatiif biyyattiin baasii gudaa itti baasanii barsiisani kooleejootaf unibarsitii addaa ddaarraa eebbifamanii bahanuu hojii qabsiisuun dadhabamee dhakaa falaxuutti akka bobbaafaman namni wallaale jira itti fakkataa laata? Qotee bulaa baanu kana warshaa kam keessatti hojii qabsiise? Waajjira kamitti ramade laata?

Qotee bulaan laffarraa buqa’e nuti ijaan argine, dubbifnee irraa barre kumoota hedduun Finfineef magaalota naannoo ishii jiranitti baqatani gamoo gooftoliin ergamtoota kanaa ijaaran keessatti hojjataa guyyaa ta’un dhakaa baachaa simintoo bukeessaa, kuuwwan ammoo waardiyyaafi shamarranis hojjattu manaa warra sooreyyi baranaa ta’anii tajaajilaa jiru. Kuni yoo hojii qonnaa duraan keessa turan caala ta’e namicha dubbatetu beeka. Waayeen eenyummaa saanii, aadaa saanii, affan saanii, jireenyi hawaasuma qabaachaa turani hundumtuu barbadaayee lubbuu saanii jiraachisuuf qofa faca’anii carraaqaa jiru.

Namichi falqaa jiru kuni karaa tokko dhugaa qaba. Oto Oromoota san lafarraa buqqisee baattuu, waardiyyaa, hojjattuu manaa fii kkf taasisu baate gamoo gooftolii sana ijaaruuf eenyutu dhakaa baata, simintoo bukeessaa, eenyutu karra gooftaa eega, eenyutu manaa hojjatee dubartoota saanii kunuunsa? Oto kuni ta’u baate raajii argina turre. Wuyyaaneen namni baatu dhabame jette gamoo ijaaruu hindhiiftu, erggamtoota amma gadi bahanii ummatatti falqaa jiran kana dhakaa sana baachiftee ijaarratti turte. Warri amma dhakaa baachuun hijii fooyya’aa jedhan kuni hojichii hangam “fooyya’aa” akka ta’e sirriitti galaafii ture. Sanas yoo hojjatan wayi qaana’u? Duris daakuu baachaa as gahani miti? Har’umayyuu gaaftoliin saanii kophaatti wal arganii yoo jara kana hamachuu barbaadan “daakuu-baattota ” jechuun maqaa cabsootin akka waaman namni hinbeekne akka hinjirre itti himuun gaarii natti fakkaata.

“Daakuu-baattonni” akka Taayyee T/Himaanot (Kumaa Dammaqsaa), Dirribaa kumaa, Aster, abdullaziz ffi kkf….. miidiyaa gooftola saanii fuuldura taa’anii master plaanichi kan lafa Oromoo naannoo Finffinne “jeennatatti” jijjiru akka ta’e ibsaa turu saanii agare. Soba afuufan kana ummanni Oromoo oto isaan afaanii hinbaafatin bifa saanii yoo argu waan beekuuf hindhaggeeffatuuyyu. Qaamni saanii suuraa sobaa, afaan saanii faaggaa sobaa, sammuun saanii qodaa soba wuyyaaneen itti naqate baatu akka ta’e waan beekuuf.

Baatoliin kuni waan dulloomaniif sobni isaan gooftolii saanirraa fuudhani afuufaa jirans fudhatama waan dhabeef ammammoo dabbalee haara’a (dabbalee ilmoo) waltajjiitti as baasaa jiru. Mammaksa tokko nayaadachiise. “namicha sobduu tokkotu ilma saa soba barsiisu yaadee jedu. Manaa gadi baasee Addeecha Samii keessatti itti agarsiisaa kuunnoo argitaa Addeecharratti yoo garbuu dha’an” jedheen jedu. Gurbaanis “ahi !” jedhee ija rirrittachuutti ka’ee jedhu. “Maal taate?” jedhee abbaan gaafannan, “buquqa garbuu dhahamaa jirtu ija na bu’ee” jedheen jedhama. Battalumatti sobaan ilmi abbaa caalee jechuudha. Dabballee ilmoon tuni dubartiidha, Raabiyaa Isaa jedhamti. Warra moofa’anii bu’aa buusuu dadhabuun tajaajilli kennan raawwate akka kotte-duudaa dulloomee alatti gatamuutti gatamuuf deeman bakka bu’uuf isaan caalaa sobuun ulaagaa barbaachisu akka ta’e waan hubatteef afaan shii faaggaa bantee dhiiga ilmaan Oromoo qulqulluutii qoosuutti kaate. Ijoollee loltuun faashistootan hojii faashistummaa raawwachuuf ijaarramee leenjifame itti bobba’e gara jabina jechi ibsuu hindandeenyeen caccabsee du’aff jireenya jidduutti hambise “ofii yoo dheessan kufanii qaamni luqa’e”, jettee qooste. Loltuun suni eega hintuqinii maaf amma kufanii qaamni luqqa’utti dheesan? Gaafii jeduuf deebii qabdii laata? Barattoonni dhibbaf shantama ta’an akka madaa’anii hoospitaala Naqamtee geeffamaniif isaan keessaa lama rasaasan rukutaman battalatti akka du’aniifi, tokko ammaoo du’aaf akka deemaa jirau ogeessi fayyaa hoospitaalichaa tokkoofi jiraataan magaalatti hoospitaala keesa turan iddoo gochaa sanaa dhaabbatanii ragaa ijaan argaa turan battalatti ummata Addunyaati ibsanii jiru. Dabballee ilmoon tuni garuu ija shii soogiddaan dhiqattee “kan madaayee hoospitaal jiru ijoollee lama qofaadha, namni du’es hinjir, reeffa namaa miti reeffi indaanqooyyu hinmu’taa miti kan nama du’ee akkamitti dhokata” jette ummata afanfaajjeessuuf yaalii gochaa turte.

Sobni kuni hundumtuu bu’aa buusee ummata mirgaa saa falmachaa jiru duubatti deebisuu waan dadhabeef amma ammoo tooftaa biraatin as bahani. Ummatuma “master plaani” jedhamu kana hinfudhu jedhee mirga saa falmatu kana “nan fudha, jettee yoo hiriira bahuu baatte adaba adda addaatu si eegata” jedhanii karaa dabballota saanii doorsisuuf, sodaachisuun faalla fedhii saa akka hiriiru taasisaa jiru. Hanag ammatti qotee bulaafii hojjettoota mootummaa magaalota Roobee Baaleefi Sandaafaf bakkee hiriira baasanii jiru. Yoo ummanni tokko ta’ee shirra kana ofirraa fashalsiisu baate gochaan kuni amma hanga dhaga’uf arguun nama hikik godutitti akka itti fufu shakkiin hinjiru. Kuni ammoo mormii ka’e kana daran akka cimsu malee akka dhaabuu wabiin hinjiru. Fuula kitaaba seenaa bara fagoo garagalchuu oso hindhaqin waan wagga sagal dura isaan qunname yaadachuun gahaadha. Bara filannoo 2005 isaan gaafa Caamsaa 7/2005 ummataa horii kaffalanii, geejjiba ramadanii, miidiyaa saaniitiin halkanii guyyaa lallabanii, karaa dabballoota saanii gandoota keessa jiranii ummata dirqisiisanii hiriira deggersaa baasuun “dambaliin kuni filannoo injifachuu qofaa os hinta’in raajii raawwachuu danda’a” jedhamee namicha du’een erga dhaadatamee booda gaafa lammaaffaa hiriira mormitoonni waaman irratti namni dacaa hedduun sana caalu akka baheefi isaan qaanesse waan wajjin arginee dabarreedha. Filannichis akka namichi dhaadate oso hinta’in harka qullaatti isaan hambise akka qaanii hamilee saanii cabsee ummaticharratti haaloo bahan isaan taasisee darbeedha. Kanaafuu ummata dirqisiisanii faalla fedhii saa hiriira baasuun haloo ofitti cimsuu malee akka deggersa hinargamsiifne hubatu qabu turan.

Waan qawwee of harkaa qabaniif gaafuma fedhii ofii raawwachuu barbaadan ka’anii ummata kana tabbatti dha’un bu’aa akka hinqabne Dargiiraa’is barachuun garii ture. Ajandaa hiriirri suni itti bahamee yeroon saa waan dheerateef yaadachuun nadhibuyyuu “waldaan qotee bultoota Arba Guggu hiriira bahee bulchiinsa Reegaan (prezedaantii Amerekaa yerosi kanture) balaaleffte” jedhamee midiyaa Dargiitin darbuu saa nan yaadadha. Faaydaan isaa maal akka ture garuu anaa miti warrumti hiriiricha baaseyyu quba qabu natti hinfakkaatu. Bulchiinsi Regaan hiriira saniin ijjannoo saa jijjiruun hafee lafarratti ummammuu walda’a sanaatu quba akka hinqabne beekuun nama sammuu fayyaa qabuuf salphaa ture. Waan akkasiitin faranjoonni “butterfly effect” jedhu. Akkuma san faashistoonni amma qawweedhan aangorratti rarra’anii jiran kunis akkuma angafoota saanii ummata dirqisiisanii waan gatii hinqabneef ummata hiriira baasuu itti fufani. Kanaan duras yeroo hedduu waan akkasii dalaganii jiru. Faayidaan argatan garuu aakkuman ibsuu yaalee fallaa fedhii saanii ykn bu’a barbaadan san fiduurra kasaaraa keessaa bahuu hindandeenye itti fidee akka darbu argaa turre. Kan har’a hojjatanis waan sanaan adda ta’uu miti.

Gara dhimma nakaasetti yoon deebi’u yakka suukkanneessaa Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoorratti raawwatamaa jiru jechaan ibsuun nama dhibu kana fuuldura bahee raawwachaa kanjiru namoota maqaan oromoo ofiin jedhaniif naannoo kana bulchaa( hoogganaa) jirra jedhaniin akka ta’es argaa jirra. Akkuman olitt ibsuu yaaleetti warri abbaa dhimmaa hang har’aatti ifa of hinbaafne. Itti gaafatamni akka hin ooles waan hubataniif akka namicha Kitaaba Qulqullu Philaaxos jedhamuun beekkamu “dhiiga kanarraa ani qulqulluudha” jede jarri kunis gaafa yakka kanatti gaafatamuun dhufe “nuti harka keessaa hinqabnu” jechuuf akka of qopheessan agarsiisa. Baatoliin (waqariis nijedhamu) waan itti fe’ame baatanii ummatarratti buufachaa jiran garuu sanas yaaduuf sammuun waan hojjachuu hindandeenyeef yakka gooftoliin saani akka raawwatan itti kennan akkuma itti kennametti ummatarratti raawwachaa jiru. Gaafa gaafin dhufe (waan hafuu miti) adda durummaan akka itti gaafataman hubachuu qabu. Yeroon harcaatuu gooftola saanii funaannatanis akka gabaabbatte beekanii ummata saaniitti deebi’anii ummataa wajjin dhaabbachuun itti gaafatama seenaan irra kaahaa jiru hanga tokko salphifachuunis gamnummaa ta’a. Akkuma tortoranitti darbuun seenaa qofaan oso hinta’in diroo saanii fii diroo ummata hojii suukanneessaa irratti raawwachaa jiran maraanuu akka abaarraman akka isaan taasiu beekanii garaan yaaduu dhiisanii sammuu saaniitti dhimma bahuun akka ilaalan waamicha kooti. Diroon Minilk issa jira? Diroon Goobanaa essa jira? Diroon H/Sillaasee eessa jira? Kanumti isa kaleessaa kan Mangistu H/Maariyaam issa jira? Deebii gaafiwwan kanaa qixxuma waan beeknuf asitti deebii kennu hindhama’u. Gaafiwwan ka’an kana sammuu keessan keessa deddeebisaatoo deebi isaa sodaa tokko malee offi keessaniif deebisaa. Kan warra har’a aangorra jirtanii yakka suukanneessaa ummatarratti raawwachaa jirtanis boru kanaa ala ta’u saa wabii maal qabdu? Kana kan murteessu hojii har’a hojjattan waan ta’eef gara sammuu keessanitti deebi’aa itti yaadaa. Sana booda haala ofii keessan iif keessa jirtan kana wajjin wal bira qabaa laalaa. Itti bahiin isaa balaa akkamiirra akka jirtan ifatti waan isinitti agarsiisu natti fakkaata. Ummata amma fixaafii ficcisiisaa jirtan kanaa jettanii oso hinta’in diroo keessanii jettanii yeroo yaaduu qabdan gubbaa akka geessan arguu qabdu jedheen yaada. Kanaafuu badii, yakka, garajabina, duguginsa sanyii amma raawwachaa jirtan kana dhaabatoo gabrummaa alaggaa jalaa bahaato ummatatti deebi’aa. Sanaafi sana qofaatu isinis diroo keessanis saliphina diroorraa dirootti darbu jalaa isin baasa.

Mootummaan kuni nidarba, isinis nidabartu. Diroon ummataas kan keessanis itti fufa. Diroo keessan maal akka mudatu yaadaa. Seenaa xuraa’a keessan baatee oso morma ol hiqabatin, oso hawaasatti hinmakamanin, baqataaf biyya dhablee ta’ee akka jiraatu har’a hojii keessaniin itti murteessuu keessan hubadhaa, hegeree saas fageessaa laalaa. Haftee gooftola keessanii akka saree funaannachuun gooftola keessan jiraachisuuf ummata ciniinu dhiisaa. Gaafatamni seeraa, gaafatamni seenaa, gaafatamni diroo keessanii akka isin eeggatu hubadhaa. Gooftoliin keessan akkuma saree gurra irraa muranii afaan kaa’anii qabeenyuma ummata keessaa baatanii saamanii haftee saanii affan isin kaa’aa akka jiran hubadhaa. Namni akka keessanii akkas jedhee mammake jedhu “ana garaan achi narraa haajedu, namni waan fedhe naan haa jeduu” jedhe . “Boru hinbeeknee” jedhama namni akkanaa. Akkuma looni garuma saa guuttachu qofaa yaada jechuudha. Akuma saree abbaa haftee laatef duta jechuudha. Saree keessa’u saree haftee funaannachuuf abbaa guddise ganee galee gale jechuudha.Yoo kuni isin ibsu danada’e hojiin keessan kana fakkata.

Yaadni kuni miseensota OPDO taatanii warra kallattiin faashistoota dura dhaabbattanii mirga ummata keessaniif daangaa biyya keessanii Oromi’af falmaa jirtan hin ilaallatu. Hojirraa ari’amna, nihidhamna, nidararamna jettanii oso hinsodaatiin wareegama guddaa baasaa waan jirtaniff ummanni keessan kabajaan isin simata. Amma dandeessan ilmaan Oromoo loltuu, poolisifi, basaasa diinaa ta’un sirna gabroomfataa kana tajaajilaa jiran yaada kana qaabachiisaa, huruu qawwee qabatanii gara diinatti malee ummata saaniitti akka hingaragalfanne barsiisaa, gantoota xiqqoo angorra jiraniin ala miseensota keessan alagaa tajaajilu dhiisan akka mormii saanii finiinsan kakaasaa. Gareen saba bicuu keessaa baatee abbaa biyyaa of fakkeessitu kuni gaafa isin bira hinjirre Oromiyaa bituuf isin akka ashkaraati ajajuuf mirga (legitimacy) akka hinqabne beekaa. Ammayyuu muddama keessa galtee waccabbaraa jirtii gaafa isin fuula dhoowwattan gonkumaa rifattee walitti garagaluun ishii mirkana waan ta’eef oso wal hinqoodin tokkummaan dhaabadhaatoo adeemsa keessan itti fufaa. Hooggana adeemsaa keessan qindeessu lafa jala ijaarradhaa.Ummanni keessan isin wajjin waan ta’eef injifannoon keessani hinshakkinaa.

Dhumarratti maanguddoonni naannoo kootii yoo eebba kennan keessa waan abaaranis niqabu. Sana keessaa waan akkana jedhamu tokkotu jira; “mortuun haabaddu!” jedu. “Budaan (kan jia hamaa qabdu) beektee yaadhiiftu” jedhu. “Yoo dhiisu baatte faana mortu haabaddu” jedu. Maalif akkas jettu jennaan mortuun lafaa barattee mortii, budaa waaqatu humee humaa san ofii filattee miti garuu hubaatii geessiftu beektee akka dhiiftuuf, yoo beektee dhiifte nijiraatti, yoo dhiisuu baatte ammoo faana mortuu baddii” jedhu. Isinis warri hammeenya suukkanneesaa gabroomfataa kana lafaa barattanii, ergama diina akka mortuutti biyya keenyaa diigaa, qabeenyaa biyyaa saamaa, sanyii nuduguugaa jiru fudhattanii hojjachaa jirtu, akka mortuu san badaa jennee isin abaaruun nimalaa, garuu carra tokko isini kennuuf beekaa dhiisaa yoo dhiisuu baattan faana mortuu (faana diina halagaa) san badaa!!! jennee isin abaaruuf mirga qabna. Kana beekaa nudhiisaa.

Oromiyaan nibilisoomti!!!
Dhiigni wareegamtootaa akka bilisummaa magarsu shakkiin hinjiru!!!
warri gara jabinaan duguginsa sanyii raawwachaa jiran seeranis seenanis adaba saanii ni argatu!!!
Qabsaa’ota ajjeessuun qabsoon hindhaabbatuu!!!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *