Oduu Haaraya

Tooftaa Cunqursaa Mottummaa Wayyaanne Filannodhaan 2015 Boodaa Fi Qabso Bilissummaa  Ummata Oromoo

Paartileen Wayyaane  walgahi ta’ani hojii raawwachistu koree garagaraa filani jiran. Warri korree kanarrati dhaabbileen hirmaatani opdo,deheden,hewhat, beheden, partile 4 kanini fa`a jechudha. walgahin adeemsisan kun bu`a ykn jijjirama inni fide hin jiru. Erga Malassaan boqatee booda ,hoogganaa baafachu hin danadennee.TPLF kessatti walitti bu`insi ni ka`a jedhani waan sodaataniif akkuma jirutti itti fufsisufi yadani. Fkn ,paarti kibba Haayla mariyam,TPLF ,ihedenile ,behedenile akkasumatti itti fufani,wanni jijirani hin jiru. Jijirama fiduurraa akkuma jirtuutti ykn tasgabbi godhani itti fufufi yaadani.Haala amma laaluni waggaa 5 kana haaluma kanaani itti fufsiisuf kan yaadani.
TPLF kessatti rakkon akka hin ummaane kanneen akka warroota OPDO ijaarrani takka takkaan baasu egalan. Fkn kan akka Sulyeman Dadafo,gara Jibuuttiti ambaasaadara godhani ergani ,Abbaa Duulaale basu barabadani waan sodaatanifi degaraalle waan qabuuf hin sodaatani akkasumatti dhiibani hoji raawachisturra gara koree jiddu gallessaatti fidani,ambaasaadara jechuni xuurata bahe jechudha. Waan biraati miti Girmaa bara 2010 ambaasaadara godhani baasani jechudha. OPDO Kan dhiidhibaa turan isaan keessa hanga tokko kan olbahe mulatu ture-kan ajaa’iba ta’e Sufiyaan ture. Dingade kana turisisaa ture isa ture,kan nama aja’ibu Oromiyyaa kessatti beelli akka jiru mottumanis amane jira ,garu kan isaan hasawa turani waan biraati: fkn Tigraay irratti waay’e bulchinsaa fi industirin maa hin babaldhanne dha kan hasawaa turani. Amaarille haaluma sanini, garuu Oromoon maal irratti mari’aachisa turani waaye garaa baldhinna fi gaara dhipinna kan isaani mari’achisa turani, dhippinna jechun yoo ilaalu inni tokko anatu caalaa jedhani tufachudha. Waan biraati miti, Muktaaris ,Asteris akkuma fedhaniti ergatu,obbo Sufiyaanin baasudha kan nama aja’ibu.
Opdo’n kan mari’ata turte dhippumaan nuu rakisedha. OPDni filanno bara kana kessatti nama lama haaraa fidaniiru ,fkn obbo Lamma Magarsaa. Oromiyaa keessatti qofaa miti ,hewat keessatille fkn Getacho Assafaa kan jedhamu dabalame jira. Amma akka muldhatuti humni tikaa kuni ofi as gara angoo dhufu barabaadani fakkaataa sila dhoksani,silaa bakka hoji rawwachiftu ta’e kan hojjachu qabu ture. Biyyatti tana kan bulchaa ture humna tika kana jedhani hamat aa turani, garuu amma gara angoo waan dhufu barabaadan fakkaatani.
Haarka 90 kan fixaa jirani waye Oromoon maal hojataa jira, ABO’n eessa jiraa,ennuutu isaani hojjataa jira fi kan kana fakkaatu irratti kan isaan olani. Ummatatti fakkeesuf garuu dinagdeni hagana ol ka`e jecha kan soabani,amma garu ummanni kenna haga tokko uf baraa waan jiranifi of gafachu jalqabani jiru. Dargiin ummata fixaa ture sirni amma kunilee ummata kenya fixaa jirani. Amma garuu ummanni of baaru jalqabee,maal irra arganna gaafachu hubachu jalqabe,amma ummanni akka wanta birra itti hin kaanefi ajanda dhipumma itti kasani.Ummata kenya kanani jonjessa jiran,dhippumaadhaan.
Motummaa Wayyaanne fi jalee isaani ardii Oromiyaa irraa buqqisuuf qabsoo hidhanno gochuun dirqamaa.Malee yoo qabsoo hidhanno gochuu baanne waggaa shanan isaani eggachuun hoggantoota bakka waljijjiruun nu gabromfachuun isaani itti fufaa.Yeroo ammaa kana Master Plan Finfinne baasuudhaan dursani qabsoon fincilaa akka hin kaneeti nu dadhabsuuf hojii jalqabani jiru.Kanaafu Ummanni Oromoo yeroo amma irraa jalqabee fincila diddaa gabrumma wal irraa hin citnee gochuu qabnaa.
Walumaagalatti OPDO’n tooftaa jijjiratte Ummata Oromoo qabsoo siyyaassaa akka hin gonee gochuuf yaalaa jirti. Ummanni Oromoo bilissummaa kan argatuu dandahu qabsoo WBO wajjiin hiriruun qofa waan taheef,kallatti qabsoo keenya gara maraanu jabbeessu qabnaa. Keessattu qabsoo WBO wajjiin gonuu xiyyeefanno addaa keenufi qabnaa.
Oromia Shall Be Free.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …